Finfinnee Oromiyaa
Caamsaa 13,2018
Nageenyi dhimma ijoof murteessaa biyya tokkooti. Biyyi tokko nagaa hanga hinargannetti jiruun hawwaasichaa gooliif jeeqamsaa guutuu ta’a. Biyya tokko wantoonni nagaa dhorkan keessattuu, saamtota ollaa irraa itti bobbaa’uun qabeenyaa uummatichaa kansaa godhachuuf saamicha jabaa gaggeessanii nageenya uummataa booressaniin jeeqaminsa biyyaa uumuu danda’u.
Qaamni uumma keessaa dhalatee, halagaan akka biyya isaa saamuuf, lafaaf qabeenya abbaasaa halagaan akka fudhatuuf dantaa dhuunfaasaatti jijjiiruun hojguyyuu/hojii idilee taasifatee socho’us qixa qamota nageenya hawwaasaa booressaniitti ilaalamu.
Qaamni biyyan bulcha jedhu qaamota saaman uummatarraa adabuu yoo danda’eef lubbuu nama keessattuu lubbuun hawwaasa inni bulchaan jira jedhuu akka hinbaaneetti eeggitii yoo taasise qama biyya bulchudha jedha. Kanaan alatti, maqaaf jechoota isin bulchina jedhu maxxanfatanii hadiida garboonfataan ittii biyya saamu ta’anii hojjechuun mootummaa biyya bulchu isaan jechisiisa utuu hintaane Hattoota isaan jechiisiisa.
OPDO’n biyya Oromoof Oromoodhaaf nageenyasaa eegsisu waan hindandeenyeef qamaa biyyicha hogganaa jiru utuu hintaane, qaama saamichaaf uummatatti bobbaafedha. Obbo Lammaa Magarsaan kanneen durfamanis ta’ee knneen Dr. Abiyyi Ahemadiin durfamanii biyya keenya Oromiyaa weeraraa jiran mootummaa biyya bulchu utuu hintaane, saamtota wal ijaaranii biyya diuguuf balleessuuf socho’anidha.
Biyya tokko bulchuuf nageenya uummataa eeguun isa duraa yoo ta’u, faalama qilleensaa akka hawwaasatti hinfidnetti eeggitiin qabeenyaa uumamaaf godhamu isa hangafa ture. Kun hafee qaamonni biyya Oromoo nii bulchina jedhan, hongee hamaaf uummaticha saaxiluuf bakkoota hedduutii bosona uumaan badhaasaan nuuf laate ciranii balleessaa, Lafa waaqni ganamaa ganamtee keessatti nu uume nurraa qawween doorsisanii saamanii halagaa waliin qoodatuu, keemikala summaawaaf asiidotan akka biyyatti badduuf waarshaa qulqullina hinqabne biyyatti keessa tamsaasuu, namoota hojii falfalaa hojjetan abboota qabeenya jechuun biyyattiitti raabsuun nagaaf nageenya guutuutti balleessanii jiru.
Kana cinatti akka budaa dhiiga namaa utuu hndhangalaasin hinbullu waan jedhan fakkaachuun ardaa isaa irratti ilma Oromoo ajjeesanii guyyaa guyyaan haadhaaf ilma Oromoo maatii Oromoo boohichaaf kudhaamuu itti fufsiisan. Afaaniin kan dubbataniif kan isaan hojjetan kan wal hinsimne gartuun nageenya biyyaa booressaa jiran, tajaajila hawwaasaan uummata gadadchuu itti fufani.
Qaamota kana adabuun waarraqasa jabaa banee kan jiru Addi Bilisunmaa Oromoo, jarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabatee karaa nagaa qaamota kana akka waraana uummatarraa dhaaban gaafataa tureera. Qaamonni saamanii dhiiga uummataa dhuganii baran kunneen irraa deebi’anii nagaa biyyaa fiduurra nageenya biyyaa booreessuu jabeessan. Qaama saamtuu kana kanneen hannaaf bobbaafamanii folisa isaaniin uummata gidirsan uummatarraa qolachuuf waraannii uummata Oromoo (WBO’n) uummatarraa deebisuutti jira. Itti fufees uummatarraa qolachuuf duubatti hinjedhu. Hojii uummata Oromootti kabajaa horu hojjechuuf of kennee of wareegee qabsoo itti jiru, Qeerroo Bilisummaa waliin hiriiree galmaan gaha.
Kanaaf bulchiinsi biyya Oromiyaa keessa aanifjiru ammaa bulchiinsa uummataa utuu hintaane, qaamota saamicha sabaaf, saamicha qabeenyaaf lafa Oromoof ijaaran ta’uu hubatuu qabna. Qaama saamicha biyyaaf wal ijaaree ani Mootummaadha ofiin jedhuuf deebii gahaa deebisuun ammoo gootummaa ta’uu hubatee gara laafina qaama dhabeef kanaaf Oromoonis gara laafina akka hinqabaanneef ibsuu barnaanna.
Horaa Bulaa
Injifannoon Uummata Oromoof