Dawite Mekonen= “Yeroon Geesse” Oromo/Oromiyaa Music 2018 (Official Music Video)

Aside

Reebichaa fi Hiraarsi Barattoota Koolleejii Qonna Agaarfaa Daranuu Itti Cime.

Aside

Mudde 28,2017/ Dhiheenya kana barattootni Saba Tigree Yuunivarsiitii Addagiraat Sabaan adda baasanii barattoota Oromoo fi Amaaraa Yuunivarsiitii Addagiraat baratanirratti poolisii feediraa waliin ta’uun reebicha irratti geesisuun lubbuu dabarsuufi miidhaa qaamaa irratti geesisuun ni yaadatama. Haaluma walfakkaatuun kooleejii qonna Agaarfaagaafa guyyaa 3-4/4/2010 barattootni saba Tigree jeequmsa kaasuun barnoota addaan kutuun koolejicha gadi dhiisanii bahanii jiru.

Sababa barattootni saba tigree dhaabilee barnoota olaanoo keessatti jeequmsa kaasan irraa ka’uun mootummaan woyyaanee  poolisii feediraalaa maqaa dhaabilee barnoota olaanoo nageenya eegsisa jedhuun akka achi keessatti maandhefatan godhuu danda’eera.

Haata’u malee sababbiin maandhefannaa isaanii nageenya dhaabilee barnoota olaanoo eegsisuu osoo hin ta’in,inumaayyuu jeequmsa kaasuun, barattoota saba Amaaraafi Saba Oromoo ta’an; Continue reading

Gootonni Barattooti Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaanee Mooricha Qubate Ari’anii Baasaa Jiru.

Aside

Muddee 28,2017Mootummaan gita bittuu Abbaa irree wayyaanee dararaa barattoota mooraa Yuunversiitii Wallaggaa irratti geggeessu daran hammeessuun itti fufee jira.
Haaluma kanaan sirni Wayyaanee mooraa yuunversiitii Wallaggaa keessa erga hoomaa waraanaa jumlaan qubachiiseen booda barattoota bahaaf gala dhorkaa jira. Gootowwan barattoonni mooraa yuunversiitii Wallaggaas ejjennoo isaanii daran jabeessuun lukkeewwan Wayyaanee mooraa yuunversiitichaa keessa jiran irratti ejjennoo cimaa fudhachuun lukkeewwan diinaa kanneen mooraa keessaa hari’anii jiru.
Humni federaalaa mooricha dhuunffatee jirus galgala galgala dukkanaan daa’effachuun qarree Oromoo mooricha keessaa baratan humnaan qabee gudeedaa akka jirullee maddi oduu qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaa addeessee jira. Continue reading

Ilmaan Oromoo hidhaan Umrii Guutuu itti murteeffame yeroo ammaa Qilinxoo fi Zuwaay jiran:

Aside

[SQ, mudde 27,2017] Ilmaan Oromoo hidhaan Umrii Guutuu itti murteeffame yeroo ammaa Qilinxoo fi Zuwaay jiran:

1) Abdulrashiid Abduramaan
2) Abduramaan Musaa Ixxoosaa
3) Abduramaan Eessaa Mexxeessoo
4) Abdulrashiid Bashir Huseen
5) Aliyyuu Muummee Bokkoloo
6) Amaanu’eel Gammachuu Dureessaa
7) Masfin Abbebee Abdiisaa
8) Bakar Mohaammad Abbaaseenaa Continue reading

FXG Horroo Guduruu Wallaggaa Coomman magaalaa Fincaa’aa

Aside

Image may contain: one or more people, people standing, people walking and outdoor Continue reading

 Seenaa Paarlaamaa Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) xiqqoo hubannoodhumaaf. 

Aside

Jaal Seenessaa Qeerroon
Paarlaamaan Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) Afaan Qawween ijaarame dheengaddaa dhiibbaa guddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irraan gahaa jiruufi sosochii Sabboontota Oromoon faca’uun gabafamaa  jira.
Teessoon Paarlaamaa sobaa kan EPRDF/TPLF afaan qawween ijaarrate waggaa 26 guutuu Sagalee Uummata malee Gaddidduu Dimookiraasii sobaa dhaabbachuun Mirga Uummatni Oromoo gama Dimookiraasiin qabnuufi mirga uumamaa qabnu sarbaa kan ture Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa waggaa afur

Continue reading

Gubata mar’immaan ofii kan qabbaneessu cuunfaa qabsoo haqaati. 

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatii
Mudde 26,2017
(OROMOON DHALOOTA MEEQA HORATEE? DUBBISAA!)
Nama taanee dhalannee nama taanee uumamnee cunqursaa halagaaf namummaa molqamne. Akka namaatti jiraachuurra akka wayii fakkaannee waggoottan yedduu dabarsiineerra. Ejjeta halagaatiin dugdi ni goopha’eera. Akkifata halagaan fuulli nu manca’eera. Jiraachuun akka dhagaa nutti jabaatee jira. Haala ulfaattuu keessa teenyee halagaaf gugguufuu hinfeene. Haala cinqii jabduu keessa teenyee halagaa gabbarree buluu jibbine. Kun ta’uus qaba. Gootummaa abboota keenya kanneen akka Garasuu Dhukii, Gendaa Buushan, Elemoo Qilxuu, Laggasaa Wagii, akkasuma qabsaa’ota qaqqaalii irraa dhaalle sanaaf gadjennee buluu hinfeene. “Abbootuma keemyatu cunqursaa keessa taa’ee diina isaaf gad jedhee bulaa hinturre. Nus warra dabeettii halagaaf gadjedhu akka hintaane ragaa guddaan garsiisaa jirra.

Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Sadaasa 26,2017

Aside

SBO Muddee 27, 2017. Oduu, Qophii mata dureen isaa Dhiigni Ilmaan Oromoo Gabroomfattoota Habashaaf Dhiiga Ilma Namaa miti jedhuu fi Haala Yeroo irratti kan xiyyeeffatu qophii Karaan nagaa jedhamu kun karaa kami? jedhuu fi SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu Keessatti Guyyaa Har’aa FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Image may contain: one or more people, people walking, sky, basketball court and outdoor Continue reading