Qabsoon Kan Isa Loluu Immoo Kan Isa Ololuu Ti ?

Aside

Damee Booruutiin

Jala bultiin cidha hooganoota OPDO fi uummata Oromoo waan raawate fakkaata. Waangonni gogaa hoolaa ufatanni hoolota wajjin yaroo gababaaf daadisaa turan suuta suuta ifa bahaa jiru. Eeyyee warri Habashaa uummatni Oromoo gowwaa dha jedhanii fudhatau. Irra darbanii iyyuu uummata akka horii namni tokko gara barbaadetti oofuu danda’u jedhanii nu arabsu. Nu xiqqeessu yaalu.

Sabni Oromoo uummata nagaa jalatu. Uummata hammeenya tokko illee dhala nama kam irraan iyyuu gahuuf hawwii hin qabne dha. Nagaa jaalachuun, nama biraa miidhuu fedhii dhabuun akka dadhabbii itti ilaalamee tufatamuu hin qabnu. Garuu yaroo qabeenyi keenya saamamu, ilmaan keeny nu jalatti ajjeefaman teenyee boo’uun hikaa hin qabu. Diinnii nu qabate kun imimaan keenyaa fi gadda keenya ilaalee kan garaa nuuf laafu miti. Kan lafa keenya irraa nu Continue reading

Oromiyaan Har’aa Maal Fakkaattii?

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
“Deddeebii taati malee midhaan maasaatti hinaftu” jedhe jaldeessi. Kaleessa harmaaf harka muramaa turre jennee kulkulfaanna. Kulkulfannaa
keenyas baasnee aarii kaleessaaf namoota badii kaleessaa dalagan kan faarsu seeratti haa dhiyaatu jechaa sagalee keenya dhageessifachaa
turreerra. Kana addatti nafxanyaa Teedroosiif Minilikin kanneen dhaadessanii uummata keenya uummata Oromoo gadxiqqeesauun lallaban
kanneen akka asmaarticha Teedii Afroo irraa qabee kanneen maxxaansaa addaa addaan yakka nurratti raawwate kaleessaa akka gaarumaatti
faarsan baanee falmachaa turre. Continue reading

Haala uummatani Oromoo keessa jiru dhugumatti hubannee jirraa?

Aside

Abdii Boruutiin

Sochiin uummata Oromoo, kan bara 2014 irraa eegalee godhamaa jiru kun injifannoo hawwame dafee argamsiisuu baatullee, jijjiirama addaa addaa argamsiisaa jira. Mooraa diinotaa keessatti naasuu guddaa mul’isee jira. OPDOn yookaanis hoggantootni ishii gadi bahanii jechoota Sabboonummaa fi Oromummaa addeessan akka haasa’an taasisee jira. Waan haasa’aa jiran kana hojiidhaan ni agarsiisu jedhee ani garuu hin yaadu. Biyya alaatti ammoo aktivistootni akka wacan godhee jira. Haala kana keessatti xiinxaltootni fi beektotnis heddoomanii jiru. Abbaan malaa fi falaa nuyi jechaa ofmumul’isaa jiru. Tooftaa fi tarsiimoo yeroon gaafattu isa kana ykn sana jechaa dubbachaa fi barreessaa jiru. Addunyaa jabaadhaaf malee laafadhaaf gurra hin kenninetti iyyachaa jiru. Wanti mul’achaa jiru tarreen isaa dheeraa dha. Garuu tokkumtillee uummata Oromoo yeroo ammaa yoomiyyuu caalaa haala baay’ee hamaa keessa jiru gargaaruu waan danda’e natti hin fakkaatu. Continue reading