Gootowwan Qeerroon Barattoonni Oromoo mooraa Yuunversiitii Wallaggaa guutummaan guutuutti barnoota dhaabuun hanga gaaffiin mirga Abbaa biyyummaa keenyaa nuuf deebi’utti hin barannu jechuun gara maatiitti galaa jiru.

Aside

Mudde 5,2017/Yakka mootummaan Abbaa irree wayyaanee jumlaan yeroo ammaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru kan boqonnaa isaan dhorke gootowwan qeerroon barattoonni oromoo mooraa yuunversiitii Wallaggaa keessa jiran hanga gaaffii mirgaa kan Abbaa biyyummaa keenyaa nuuf hin deebinetti barnoota hin barannu jechuun guutummaan guutuutti barnoota addaan kutuun gara maatiitti imalaa jiru.Caalmaattimmoo yaaddoo hamaa fi dhukkubbii sammuu kan nutti ta’ee lammiiwwan keenya karaa daangaa oromiyaa irra jiran yeroo ammaa qe’eef qabeenyaa isaaniirraa duguuggamuun yakki dhala namaaf hin mallee irratti raawwatamuun ittuu akka barnoota dhaabnuuf nukakaase jechuun barattoonni oromoo mooraa yuunversiitii Wallaggaa tokko tokko rakkoo Continue reading

°Qaroo Qeerroo° Tokkummaan keenya kan garbummaa qancarsu utuu hintaane, kan hidda garboonfataa cicciru ta’uu qaba

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aa tiin
Oromiyaa keessatti baalaaf raaba, qabsaa’aaf diinatu “Tokkummaa,Tokkummaa” jechaa oola. Keessattuu kanneen halagaa jala gugatanii waggoota dheeraaf uummata gurguratanii nyaachaa turan jecha kanaan utuu haloolamaa oolanii argina. Waltajjii marii kam irratti utuu hinkaafamin haftee hinbeektu jechi Tokkummaa.

Tokkummaan uummata keenya akka waan bara aangoosaaniitti dhufeetti yeroo iyyaa oolanis nii agarra. Jaallatanis jibbanis Oromoon achii as dhuftee tokkummaa jabaa qaba. Gaafa qabsaa’oonni yaada ijaarsaa kaasan “Tokkummaa uummataatu boora’a, kana hinjedhinaa nii diigamaa uummanni, alaabaa hinqabatinaa Tokkummaa keenyatu diigamaa” utuu jedhaniis argaa jirra. Continue reading