OPDO Irraa Jijjiirama Eeguun Lafa Loon Hinoollee Dikee Barbaaduudha

Aside

OPDO Irraa Jijjiirama Eeguun Lafa Loon Hinoollee Dikee Barbaaduudha

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mudde 29, 2017

Finfinnee Oromiyaa

Qamadiif Garbuun ingirdaada, Daagujjaan Gargaaraa, Bisingaan Siphoo akka qabu namuu beeka. Akkasuma qabsoon Oromoo quucarsitoota qabsoof gantuu qabaachuu addaan baasee beekuun dirqama dhalootaati. Qabsoon uummata tokkoo dhaloota oladeemaa yoo qabaate egeree qaba. Keessattuu qabsoo ga’eessonni deggaran irra, qabsoo dhalattoonni haaraan deggaran egeree jabaa qabaata.
Hanga yeroon gahutti quucarsitoonni midhaanii olii kunneen midhaan faana aramamu. Gaafa aangi’an addaan dhiluun gaafa ga’u Maancidii(meeshaa qonnaa aramaaf itti gargaaraman)  barbaadee qote bulaan ykn abbaan ardaa jara kanneen dhabama godha. Kana booda wantoonni midhaan sana xuuxan erga dhabamanii booda, midhaan gaariif midhaan guntuta ykn naqa tolu ta’u. Maancidiin qote bulaa Birraa aramaa midhaan fakkaatee guddate caraga.

Continue reading

Yunibarsiitii Adaamaa keessatti yakkoonni Gudeeddii Shamaraa akkasuma shororkaa barataa akka malee daangaa darbee adeemaa jira. Barataan Oromoo ukkaanfamaa jira.

Aside

[SQ, Mudde 28,2017] Mootummaan wayyaanee jumulaan mooraa barnootaa olaanaatti humna waraanaa naqee jira. Waraanni kunneen yakkoota hammaataaf jallataa akkasuma yakka suukaneessoo barataaf barsiisota moorichaa irratti fudhataa jiru. Akkuma amaleeffatan shamara Oromoo irraan yakka gudeeddii raawwataa jiru. Xiinsammuu barattoota Oromoo irratti dhiphina hamaa naquurratti argamu. Barattoota Oromoo dargaggoota egeree biyyaa barnootarraa qabee ukkaamsuus itti fufee jira. Haalli moorichaa akkanaan saatii hammaataa deemetti barataan Oromoo wabii jireenyaa dhabaa jiraachuun gabaafame. Continue reading

Hidhamtoota Siyyaasaa Galmee Oliyaad Baqqalaa Jalatti Himataman Irratti manni Murtii Xoophiyaa Beellama Dheeraa Fudhate.

Aside

[SQ, mudde 28,2017] Artistoota Oromoo Oromummaa qofaaf yakkamanii hidhaman, Mootummaan garboomsaa Wayyaanee mana hidhaa keessatti ji’oota dheeraaf dararaa turee, gara mana murtii himata kan irratti bane ta’uun nii yaadatama. Artistoonni Oromoo afaan isaanii guddisuuf aadaa isaanii guddisuuf akkasuma rakkoo uummata isaanii baasanii waan sirbaniif kaawwan immoo Oromoo waan ta’aniif qofa kan hidhaman ta’uun ifaadha. Continue reading