Seenaa Paarlaamaa Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) xiqqoo hubannoodhumaaf. 

Aside

Jaal Seenessaa Qeerroon
Paarlaamaan Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) Afaan Qawween ijaarame dheengaddaa dhiibbaa guddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irraan gahaa jiruufi sosochii Sabboontota Oromoon faca’uun gabafamaa  jira.
Teessoon Paarlaamaa sobaa kan EPRDF/TPLF afaan qawween ijaarrate waggaa 26 guutuu Sagalee Uummata malee Gaddidduu Dimookiraasii sobaa dhaabbachuun Mirga Uummatni Oromoo gama Dimookiraasiin qabnuufi mirga uumamaa qabnu sarbaa kan ture Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa waggaa afur

Continue reading

Gubata mar’immaan ofii kan qabbaneessu cuunfaa qabsoo haqaati. 

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatii
Mudde 26,2017
(OROMOON DHALOOTA MEEQA HORATEE? DUBBISAA!)
Nama taanee dhalannee nama taanee uumamnee cunqursaa halagaaf namummaa molqamne. Akka namaatti jiraachuurra akka wayii fakkaannee waggoottan yedduu dabarsiineerra. Ejjeta halagaatiin dugdi ni goopha’eera. Akkifata halagaan fuulli nu manca’eera. Jiraachuun akka dhagaa nutti jabaatee jira. Haala ulfaattuu keessa teenyee halagaaf gugguufuu hinfeene. Haala cinqii jabduu keessa teenyee halagaa gabbarree buluu jibbine. Kun ta’uus qaba. Gootummaa abboota keenya kanneen akka Garasuu Dhukii, Gendaa Buushan, Elemoo Qilxuu, Laggasaa Wagii, akkasuma qabsaa’ota qaqqaalii irraa dhaalle sanaaf gadjennee buluu hinfeene. “Abbootuma keemyatu cunqursaa keessa taa’ee diina isaaf gad jedhee bulaa hinturre. Nus warra dabeettii halagaaf gadjedhu akka hintaane ragaa guddaan garsiisaa jirra.

Continue reading

SBO Muddee 27, 2017. Oduu, Qophii mata dureen isaa Dhiigni Ilmaan Oromoo Gabroomfattoota Habashaaf Dhiiga Ilma Namaa miti jedhuu fi Haala Yeroo irratti kan xiyyeeffatu qophii Karaan nagaa jedhamu kun karaa kami? jedhuu fi SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside