Magaalli Amboo akkuma aadaa ishee diddaa sirna Wayyaanee gaggeessuun manneen nagadaa hundi cufaatti oolan.

Aside

Image may contain: outdoorMuddee 22/2017 Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Sochii Warraaqsa FXG duula gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu, guggura geejjibaa kaa’uun itti fufe. Guyyaa har’a ganama irraa eegaluun daldaltootni manneen daldalaa isaanii dunkana (suuqii) cufuun, konkolaachiftootni sochii konkolaataa dhaabuun, baankiiwwaan hedduun illee qajeelfamaafi waamicha Qeerroon godhe simachuun hojii dhaabuun duula gabaa lagachuu irraa qooda fudhachuun yakkaa duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti mootummaan wayyaanee gaggeessa jiru balaaleffatan. Har’a Amboo keessaatti baankii daldala Ethiopia qofatu

Continue reading

Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee Magaalaa Gudariitti FXG Gaggeefamaa Oole.

Aside

Image may contain: one or more people, crowd and outdoorMudde 22/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee Magaalaa Gudariitti Qeerroon Dargaggootni Oromoo, Uummatni Oromoo Magaalaa Gudariifi Naannoo Ishee Kumoota Hedduun Walitti Dhufuun Ilmaan Oromoo Harargee Calanqoofi Hawwii Guddinaa Akkasumaas bakkoota garaagaraatti Waraanni Agaazii Wayyaanee fixaa jiru Dungoo qabsiisuun gaddaa guddaa wareegamtoota Oromoof qaban ibsatan. Yakka duguuginsa sanyii waraana wayyaanee Agaaziifi waraana liyuhayilii Somaaleen gaggeeffama jirus balaaleffachuun tumsa qabsoo FXG jabeessuun kan dura dhaabbatan ta’uus ejjennoo isaanii ibsataniru. Continue reading

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaamuu Keessatti Dhumaatii Calanqootti Lammii Oromoo Irra Gahe Mormuun FXG Gaggeefamaa Oole.

Aside

Image may contain: outdoorMudde 22/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shambuutti Sochiin Warraaqsa FXG yakka waraana duula duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo Harargee Bahaa Calanqoo, Harargee Lixaa Hawwii Guddinaafi Oromiyaa bakkoota garaagaraa irratti waraanni Agaazii Wayyaaneefi loltootni liyuhayilii Somaalee gaggeessa jiran balaleffachuufi gaddaa guddaa ilmaan Oromoo wareegamaniif qaban ibsachuun hiriira mormii guddaa gaggeessan. Mootummaa abbaa irreetti xummura gochuufis qabsoo bilisummaa Oromoo roga hundaan itti fufinsaan jabeessuun diina dura dhaabbachuun furmaata keessa deebii hin qabne ta’uu qeerroon dhaamsa dabarsan. Continue reading

SBO Muddee 22, 2017. Oduu, Walgahiin Wayyaanee/IHADG Sirna Wayyaanee Dandamachiisuuf Yoo Ta’e Malee Gaaffii Um matootaaf Deebii Qajeelaa Hinkennu mata duree jedhu jalatti qophii qindaahe fi Gaaffii fi Deebii Miseensota WBO waliin t aasifne kutaa 2ffaa.

Aside

Ibsa Ejjennoo Jiraattota Godina Mattakkal

Aside

Mudde 21,2017

Akkuma beekamu Uummanni Oromoo Godinaalee Beenishaangul Gumuz adda addaa keessa jiraatan waggootii 26 oliif hacuuccaafi shira mootummaan Wayyaanee xaxaa turteen, Uummata Gumuz, Bartaa, Shinaashaa fi kanneen biro waggoota dheeraaf wal kabajuu fi wal danda’uun jiraate yeroo adda addaa walitti buusaa tureera. Kunis uummata Oromoo naannichaa harka qullaa jireenyasaa jirachuuf oliif gadhi jedhu saba isa kaan hidhachiisuun duguuggaa sanyii kana hin jedhamne raawwachaa tureera.

Yeroo ammaas bifa qindaa’aa ta’een mootummaan Wayyaanee karoora walitti bu’insaa fi dhuminsa guddaa fiduu danda’u qinddeessaa turaniiru. Kunis akkuma uummata Oromoo naannoo sumaalee buqqisuun uummata Amaaraa naannichaas shira wal fakkaatuun buqqisuufi qabeenya Uumamaa naannichaa jechuunis Albuuda garaa garaa, lafa Qonnaa, Warqee, akkasmas Hidhaa Guddichaa Abbayyaan wal qabatee galii fi qabeenya karaa turiizimii jechuunis Hoteelotaa fi warshoolee adda addaa dhaabuun  Guurrachuuf qophii xumuree jira. Continue reading

Dhaamsa Gabaabduu Uummata Oromoo Hundaaf.

Aside

Uummaatni Oromoo  haala raafamaafi gaaga’ama,yakka duguuginsa sanyii  mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF   biyyatti keessatti gaggeessaa jiru roga hundaan of irraa qolatee gabrummatti xummura godhee Bilisummaatti jiraachuuf yeroo kamiyyuu caalaa dammaqinsa guddaa gochuun dirqama. Kanaafuu haala yeroo biyyaattiin keessa jirtuufi Qabsoon Bilisummaa Oromoo diina hudhee qabee jiruurra qabxiilee armaan gadii hubannoo keessa galchuun haala fulduratti caalaatti itti adeemaa jirruuf qophii gochuufi gaaga’ama uummata keenyaa xiqqeessuuf dursinee dhaamsa kana gadii gadi jabeessuun dabarsina
1. Uummaatni keenya Waantoota nyaataaf itti fayyadamnu kanneen akka Ashaboo, Zayitaafi Mi’eessituu adda addaa yeroo dheeraaf akka gargaaramtanitti bitadha!!

Continue reading

Dhumaatiin Calanqoo Lammaffaa isa Dhumaa Tahuu Qaba!

Aside

Damee Buruun

Seenaan deebisee of garsiisa akkuma jedhan hammenyi dhumaati Calanqoo Jaaraa tokko dura tahe har’a ija keenya dura itti yaroo lammattaa deebi’ee yaroo tahu gadda guddaa wajjin  argaa jirra. Dhumaatiin Annoolee , Calanqoo fi Haroo Arsedee deebi’ee deddeebi’ee akka uummata keenya irratti hin raawwatamne falli isaa waan tokko qofa. Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessinee hida garboofatttuu Habashaa of keessaa yaroo dhumaaf yoo buqfinee gatne qofa.

Humni TPLF  falmaaa of keessaa injifatee, of qaree bifa haaraan  as bahe kun humna faashitii sanyii ilmaan Oromoo lafa irraa duguggee balleessuuf of booda hin jenne dha. Qabsoo fincilaa xummurra garbummaa laafisuun akka gareen TPLF kun basaasaa fi dabballee ishee deebiftee uummata Oromoo keessatti ijaarratuu gargaaruu taha.” Nagaan baradhaa”, “tasgabiin qabsaawwaa “, warri jedhuu warra TPLF akka yaroo argatee of ijaartu gargaaruuf ololaa jiran akka tahe adda baafnee hubachuu qabna. Kana booda TPLF deebitee uummata keenya keessa galuuf akka ayyaanna argatuu gochuu hin qabnu. Continue reading

QABSOON OROMOO “MAARSHII” GEEDDARUU QABAA !

Aside

SEENAA  Y.G (2005)

Qabsoon Oromoo Maarshii geeddaruu qabaa yennaan jedhuu, jarjartiin bakka yaadamee ga’uuf badii ofirratti lbsuuf nu gargaaru jechu miti. Konkolaataan jarjartiif jedhanii Maarshii itti ida’aa deeman, carraa nagaan galuu dhiphisaa deema. Yeroo ijoollee, konkolaataan gaara ba’uuf maarshii 5ffaa ykn 4ffaa galchanii ittin ba’uu nutti fakkaata ture. Nuutii ariitiif yaannee malee, humnaaf meeqaffaa akka galchan hin beeknu turre. Egaa Qabsoon keenya Maarshii geeddaruu qaba yennaa jennu, obsa fixannee gallus galuu baannuus jennee qilleensarra ka’uuf osoo hin taanee, humna nu barbaachisuu argachuuf ka toluudha. Maarshii ariitii fi humnaa keessaa, tan nuuf taa’uu filannee sochii keenya itti jbesinu. Ammatti dirreen nu dura hin jiru. Gaaratu jira. Gaara kana b’uuf akka bara ijoollummaa 4ffa fi 5ffaa galchuuf yaadinaan, Continue reading