Fulbaana 10,2016 Wayita kana akkuma beekamu haalli ormiyaa keeysa jiru danqaa fi ummanni Oromoos yeroo itti bilisummaa isaa gonfatu fakkaatee jira.
Fooliin Bilisummaa kan urgaa’aa jiruudha. Torban kana sababan dirqama hojif bobbahee tureef caasaan odeesa sochiiwwan Qeerroo fi uummataa kan godinoota hundaa irraa yeroo kana sochiin hubatamu haala jabaa tahuun kan diina abdii kutanna dhumaa fi uummatas kan boonsu tahuun shakkii kan hin qabne tahee mul’ateera.
1. Godina Qellem wallaggaa irraa magaala Dambi Doolloo fi naannowaa ishee guutummaatti FXG dhowee uummanni magaalicha dhuunfatee kan ture Wayyaaneen humna lakkoofsa guuddaa fi meeshaalee gurguddaa bobbaasuun uummata irratti dhukaasni banamee kan jiru guyyoota muraasa asitti haga ammaatti namni 5n wareegamuun beekamee jira. ijoolleen lama magaala DD ganda 07 keessatti yoommuu tahu kaanis baadiyaattii miidha jabaan uummata irra gahaa jiraatuun odeessi dhufe addeessa. Uummanni FXG baadiyaa keessatti finiinsuun daandii cufuu, riqicha addaan kutuu fi kkf irratti hojeta jira. Fulbaana 6 kaasee magaalli Dambi Doolloo humni uummataa waan isaan sodaachiseef uummanni manaa akka gadi hin baane gootee jirti. Humna addaa daangaa irraa dhufe achi buusuudhaan Qeerroo dhabamsiisuuf meeshaa kanneen akka matiriyeesii fi kkf konkolaataa hedduudhaan magaalicha nannawuun uummata doorisaa turaniiru. Sababa kanatti uummanni guyyoota sadan kana mana keessaa gadi bahuu hin dandahu har’a garuu manaa bahuun garuu bittaanii fi gurgurtaan akka hin jirre magaalicha keessa gabaafamaa jira. Inni kun waggaa kana guutuu irratti hojjenna jechuun naggaadoni itti walii galaa jiran. Tajaajila geejjibaas kennuun itti fufiinsaan akka tahu uummanni ammallee waamicha isaa waliif dabarsaa jira. namoni hedduunis hidhaatti guuramaa jiru.
2. Magaala shawaa lixaati hojjettootni baatii tokkoon dura hojii dhaabanii jiru. Godina kana keessatti Amboo, Geeddoo, Gudar, Mugar, fi kkf keessatti duulli hojii dhaabuu milkaawee waan jiruuf Qeerroon caasaa isaa toohachuudhaan kan warraaqsicha butachuuf barbaadanis toohannoo caasaa tolchuudhaan hojii itti fufsiisanii jiru.
Konkolaattotni hedduun barbaadeeffamaniiru. Yeroo kana waraqaan Qeerroodhaan barreeffames ABO fi WBO kan leellesu Shggar lixaatti haalan bittimfamee argama. Inni kun halkan halkan waan hojjetamuuf humni waraana agaazii jedhamu magaalota sana keessa buufatee jira.
hojiin tikoota dina achi keessa buufatanii jiran halkan waraqaa Qeerroo faca’e bulu ganama osoo uummanni hirribaa hin kahin funaanuudha. Haala kanaan uummanni qabamee qabamee gadhiifamaa jira.
3. Wallagga lixaa Gimbii, Najjoo, Mandii, Hoomaa fi kkf keessatti FXG uummataa jabaatee itti fufeetu jira. godinoota kana keessatti haaluma kana wal fakkaataadhaan diddaa gibiraa, gabaa dhiyeessuu, walgahii diduu fi kkf kan wal irraa hin cinneen itti fufeetu jira. akka lixa Oromiyaa waluma gala injifannoo gurguddaatu jira gama FXGtiin gama tarkaanfii uummata keessaa fi humna FXG keessatti ijaaramee socho’u kan of duuba hin deebineen gumaa gootota waregamanii baasaa jiru, kan adaba basaastota diinatti kennaa jiru magaalota oromiyaa garagaraa keessatti haala wal fakkaadhaan itti fufee hojjetamee jira.
4. Naannoo FF fi Shaggar kaabaa dabalatee godinoota addaa keessattis Qeerroon uummanni keenya dhiyeessii garagaraa gara FF dhiyeessu irraa deebisaa jira. waggaa kana akkuma karoora keenyaatti dhiyeessii kutuu ,yeroodhaa yerootti daandii cufuu, tarkaanfii fudhachuu, walgahii diduu, gibira kaffaluu diduu, fi kkf mirkaniidha. Shawaa kaabaa fi naannoo amaaraa kan geessu daandiiwwan bakka hedduutti citanii jiru. Amma mootummaan wayyaanee kufaatii isaa mirkaneeffataa dhufeera. Godinoota biroo oromiyaa keessatti FXG sadarkaa baadiyaatti itti fufee jira waggaa dhufaa jiru kana manneen barnootaa kamuu oromiyaa keessatti akka hin gaggeeffamne akkuma murtii Qeerroo olaanaa irraa darbetti caasaadhan gadi buhee uummanni oromoos FXGf of qopheessaa jira.
Monthly Archives: September 2016
SBO Fulbaana 11,2016. Oduu, Gabaasa xalayaa gareen mirga dhala namaaf falman Tokkummaa Mootummootaaf barreessan irratti qophaa’ee fi gaaffii fi deebii Artist Zarihun Wadaajoo waliin godhame kutaa lammataa
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 9, 2016
Aside
Godina Wallaggaa Ummanni Magaalaan Naqamtee FXG Diddaa Gabaa Lagachuu Akka Itti Fufanitti Jiru.
Aside
Fulbaana 09,2016 diddaan gabaa lagachuu guutummaa magaalaa Naqamtee keessatti kan guyyoota sadan darban irra caaluun akkuma itti fufeetti jira.
Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti diddaan gabaa lagachuu daran jabaachuun itti fufee jira.
Guutummaan magaalattiis callistee jirti. Dunkaanonni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiranis hunduu cufamuun gara diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaanee nagaa dhorkaa jiru.
Konkolaataan kamiyyuu magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi socho’aa hin jiru.
Kanneen walii galtee uummataa cabsanii socho’an immoo tarkaanffii Qeerroo Leeqaatiin haleelamaa jiru.
Baankonni magaalaa Naqamtee keessa jiranis baankii daldala Ithiyoopiyaa irraan kan hafe hunduu diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaaneetti kirkirffannaa guddaa naqanii jiru. Haaluma kanaanis baankonni kanneen akka:
- Baankii internaashinaalii Oromiyaa
- Baankii hojii gamtaa Oromiyaa
- Baankii Awwaash
- Baankii Hibirat
- Baankii konistraakshinii
- Baankii Nib
- Baankii Abiisiiniyaa
- Baankii Bunnaa fi kanneen kana fakkaatan magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti
guutummaan guutuutti cufuudhaan diddaa gabaa lagachuu uummata isaanii waliin ta’uun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisaa jiru.
Hanga ammaattis dunkaanonni magaalaa naqamtee keessa jiranis heedduun isaanii fedhii uummataa malee dirqiin samsamaa akka jiran bira ga’amee jira.
Mootummaan Wayyaanees yeroo ammaa kana diddaa uummanni Oromoo isaaf qabuun riffannaa guddaa keessa seenuun sagalee guddiftuu fidhatee magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi deemmuun uummata doorsisaa jira. Uummannis diddaa isaas sodaa tokko malee akkuma itti fufetti jira.
Magaalaa Awadaay Guyyaa Har’aa
Aside
Barattooti Oromoo Boqonnaa Yeroo Gannaaf Yuniversitiilee Irraa Warratti Galan Waraana Agaaziin Qabamee Hidhamaa Jira.
Aside
Warraaksa biyyoolessaa guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiruun wal qabatee mootummaan gabroonfataan Wayyaanee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an mana hidhaatti guuraa jira.
Fulbaana 08,2016 godina Wallaggaa lixaa aanaa Mana Sibuu ganda qonnaan bulaa Beengu’aa jedhaman keessaa dargaggoonni agartuu biyyaa ta’aniif saboontota ta’an gara mana hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kanaan godina Wallaggaa lixaa aanaa Mana Sibuu ganda qonnaan bulaa Beengu’aa jedhamu keessaa dargagoonni Oromoo ganna kana boqonnaaf gara maatii isaaniitti galanii jiran gara mana hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kannaan dargagoonni maqaan isaanii fi suuraan isaanii kanaa gaditti argamu magaalaa ganda qotee bulaa Beengu’aa jedhamu keessaa butamanii achi buuteen isaanii dhabamabamee jira..
1,Mitikuu_Indaalu
2,Jaalal_Adunyaa
3,Xilahuun_Asfawuunaan
Aside
Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Aanaa Abbaay Cooman Finca’aa Qeerroon Karaa Cufee Gabaa Lagachuun FXG Gaggeessaa Jira.
Aside
Godina Arsii Bulchaan Aanaa Qoree Namni Maqaan Mi’eessoo Duubee Jedhamu Waraana Agaazii Qabatee Ummata Irratti Ukaasisaa Jira.
Aside
Arsii Aanaa Qoree magaalan Qoree galgala kana 9,2016 dirree waraanaa fakkaattee jirti dhukaasni ummatarratti banamee namoonni hedduun rasaasa Agaazitiin rukutamanii jiru. Namni ummatarratti waraana bansiise bulchaa aanaa Qoree nama maqaan isaa Mi’eessoo Duubee jedhamu yoo ta’uu.Namoota rasaasan rukutaman keessaa kan maqaan isaanii barame
1,Dargaggoo Gammadaa Muddaa Tashitaa
2, Dargaggoo Sayyida Guyyee Galchuu
3, Dargaggoo Jamaal Tibboo kan jedhamaniidha
Kana malees Qoree fi Ashookatti daandin cufamaa jira waraanni konkolaataa jahaan gara qoree deemaa jira.
Gama biraan ummanni magaalaa Shaashamannee kanneen Wayyaanee jala kaachuun gabaa lagannaa didan irratti magaala keessa deemuun adaba barbaachisu kennaa akka jiran beekame.








