Warraaksa biyyoolessaa guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiruun wal qabatee mootummaan gabroonfataan Wayyaanee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an mana hidhaatti guuraa jira.
Fulbaana 08,2016 godina Wallaggaa lixaa aanaa Mana Sibuu ganda qonnaan bulaa Beengu’aa jedhaman keessaa dargaggoonni agartuu biyyaa ta’aniif saboontota ta’an gara mana hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kanaan godina Wallaggaa lixaa aanaa Mana Sibuu ganda qonnaan bulaa Beengu’aa jedhamu keessaa dargagoonni Oromoo ganna kana boqonnaaf gara maatii isaaniitti galanii jiran gara mana hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kannaan dargagoonni maqaan isaanii fi suuraan isaanii kanaa gaditti argamu magaalaa ganda qotee bulaa Beengu’aa jedhamu keessaa butamanii achi buuteen isaanii dhabamabamee jira..
1,Mitikuu_Indaalu
2,Jaalal_Adunyaa
3,Xilahuun_Asfawuunaan
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist