Fulbaana 09,2016 diddaan gabaa lagachuu guutummaa magaalaa Naqamtee keessatti kan guyyoota sadan darban irra caaluun akkuma itti fufeetti jira.
Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti diddaan gabaa lagachuu daran jabaachuun itti fufee jira.
Guutummaan magaalattiis callistee jirti. Dunkaanonni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiranis hunduu cufamuun gara diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaanee nagaa dhorkaa jiru.
Konkolaataan kamiyyuu magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi socho’aa hin jiru.
Kanneen walii galtee uummataa cabsanii socho’an immoo tarkaanffii Qeerroo Leeqaatiin haleelamaa jiru.
Baankonni magaalaa Naqamtee keessa jiranis baankii daldala Ithiyoopiyaa irraan kan hafe hunduu diddaa gabaa lagachuutti makamuun mootummaa Wayyaaneetti kirkirffannaa guddaa naqanii jiru. Haaluma kanaanis baankonni kanneen akka:
- Baankii internaashinaalii Oromiyaa
- Baankii hojii gamtaa Oromiyaa
- Baankii Awwaash
- Baankii Hibirat
- Baankii konistraakshinii
- Baankii Nib
- Baankii Abiisiiniyaa
- Baankii Bunnaa fi kanneen kana fakkaatan magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti
guutummaan guutuutti cufuudhaan diddaa gabaa lagachuu uummata isaanii waliin ta’uun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisaa jiru.
Hanga ammaattis dunkaanonni magaalaa naqamtee keessa jiranis heedduun isaanii fedhii uummataa malee dirqiin samsamaa akka jiran bira ga’amee jira.
Mootummaan Wayyaanees yeroo ammaa kana diddaa uummanni Oromoo isaaf qabuun riffannaa guddaa keessa seenuun sagalee guddiftuu fidhatee magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi deemmuun uummata doorsisaa jira. Uummannis diddaa isaas sodaa tokko malee akkuma itti fufetti jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist