Oromiyaa Guutuu Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

fxgFulbaana 10,2016 Wayita kana akkuma beekamu haalli ormiyaa keeysa jiru danqaa fi ummanni Oromoos yeroo itti bilisummaa isaa gonfatu fakkaatee jira.
Fooliin Bilisummaa kan urgaa’aa jiruudha. Torban kana sababan dirqama hojif bobbahee tureef caasaan odeesa sochiiwwan Qeerroo fi uummataa kan godinoota hundaa irraa yeroo kana sochiin hubatamu haala jabaa tahuun kan diina abdii kutanna dhumaa fi uummatas kan boonsu tahuun shakkii kan hin qabne tahee mul’ateera.
1.      Godina Qellem wallaggaa irraa magaala Dambi Doolloo fi naannowaa ishee guutummaatti FXG dhowee uummanni magaalicha dhuunfatee kan ture Wayyaaneen humna lakkoofsa guuddaa fi meeshaalee gurguddaa bobbaasuun uummata irratti dhukaasni banamee kan jiru guyyoota muraasa asitti haga ammaatti namni 5n wareegamuun beekamee jira. ijoolleen lama magaala DD ganda 07 keessatti yoommuu tahu kaanis baadiyaattii miidha jabaan uummata irra gahaa jiraatuun odeessi dhufe addeessa. Uummanni FXG baadiyaa keessatti finiinsuun daandii cufuu, riqicha addaan kutuu fi kkf irratti hojeta jira. Fulbaana 6 kaasee magaalli Dambi Doolloo humni uummataa waan isaan sodaachiseef uummanni manaa akka gadi hin baane gootee jirti. Humna addaa daangaa irraa dhufe achi buusuudhaan Qeerroo dhabamsiisuuf meeshaa kanneen akka matiriyeesii fi kkf konkolaataa hedduudhaan magaalicha nannawuun uummata doorisaa turaniiru. Sababa kanatti uummanni guyyoota sadan kana mana keessaa gadi bahuu hin dandahu har’a garuu manaa bahuun garuu bittaanii fi gurgurtaan akka hin jirre magaalicha keessa gabaafamaa jira. Inni kun waggaa kana guutuu irratti hojjenna jechuun naggaadoni itti walii galaa jiran. Tajaajila geejjibaas kennuun itti fufiinsaan akka tahu uummanni ammallee waamicha isaa waliif dabarsaa jira.  namoni hedduunis hidhaatti guuramaa jiru.
2.      Magaala shawaa lixaati hojjettootni baatii tokkoon dura hojii dhaabanii jiru. Godina kana keessatti Amboo, Geeddoo, Gudar, Mugar, fi kkf keessatti duulli hojii dhaabuu milkaawee waan jiruuf Qeerroon caasaa isaa toohachuudhaan kan warraaqsicha butachuuf barbaadanis toohannoo caasaa tolchuudhaan hojii itti fufsiisanii jiru.
Konkolaattotni hedduun barbaadeeffamaniiru. Yeroo kana waraqaan Qeerroodhaan barreeffames ABO fi WBO kan leellesu Shggar  lixaatti haalan bittimfamee argama. Inni kun halkan halkan waan hojjetamuuf humni waraana agaazii jedhamu magaalota sana keessa buufatee jira.
hojiin tikoota dina achi keessa buufatanii jiran halkan waraqaa Qeerroo faca’e bulu ganama osoo uummanni hirribaa  hin kahin funaanuudha. Haala kanaan uummanni qabamee qabamee gadhiifamaa jira.
3.      Wallagga lixaa Gimbii, Najjoo, Mandii, Hoomaa fi kkf keessatti FXG uummataa jabaatee itti fufeetu jira. godinoota kana keessatti haaluma kana wal fakkaataadhaan diddaa gibiraa, gabaa dhiyeessuu, walgahii diduu fi kkf kan wal irraa hin cinneen itti fufeetu jira.  akka lixa Oromiyaa waluma gala injifannoo gurguddaatu jira gama FXGtiin gama tarkaanfii uummata keessaa fi humna FXG keessatti ijaaramee socho’u kan of duuba hin deebineen gumaa gootota waregamanii baasaa jiru, kan adaba basaastota diinatti kennaa jiru magaalota oromiyaa garagaraa keessatti haala wal fakkaadhaan itti fufee hojjetamee jira.
4.      Naannoo FF fi Shaggar kaabaa dabalatee godinoota addaa keessattis Qeerroon uummanni keenya dhiyeessii garagaraa gara FF dhiyeessu irraa deebisaa jira. waggaa kana akkuma karoora keenyaatti dhiyeessii kutuu ,yeroodhaa yerootti daandii cufuu, tarkaanfii fudhachuu, walgahii diduu, gibira kaffaluu diduu, fi kkf mirkaniidha.  Shawaa kaabaa fi naannoo amaaraa kan geessu daandiiwwan bakka hedduutti citanii jiru. Amma mootummaan wayyaanee kufaatii isaa mirkaneeffataa dhufeera. Godinoota biroo oromiyaa keessatti FXG sadarkaa baadiyaatti itti fufee jira waggaa dhufaa jiru kana manneen barnootaa kamuu oromiyaa keessatti akka hin gaggeeffamne akkuma murtii Qeerroo olaanaa irraa darbetti caasaadhan gadi buhee uummanni oromoos FXGf of qopheessaa jira.

1 thought on “Oromiyaa Guutuu Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s