SBO Adoolessa 22,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi FXG Baha Oromiyaa Keessatti Deemaa Jiru Ilaalchisee Gaaffii Fi Deebii Gabaabaa Dargaggoo Guutuu Waliin

Aside

Godina Wallaggaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo keessatti fincilli Xumura garbummaa itti fufee jira!

Aside

Itti fufaAdoolessa 21,2016 ,Fincilli Xumura Garbummaa Magaalaa Qassoo jedhamtu keessatti itti fufe. Ka’umsi fincilicha poolisooti hawaasa nagaa gabaa tti daldalachuuuf ba’e reebuu fi  cunqursuutti erga ka’anii oolee kan bubbule yeroo ta’u , fincila kanarraa kan ka’e qeerroo fi hawaasi magaalaa poolisoota lama  Taammiruu fi Gulummaa kan jedhaman irratti tarkaanfii fudhateen,   poolisootni kun gara hospitalatti fudhatamaniiru!

Yeroo ammaa kana humni waraanaa magaala Kanatti bobbaafamuun hawaasaa barbaadan saamaa gidirsaa akka jiranis beekameera Fincila Kanaafis Qeerroon bakkicha magaalota olla jiraniif akkasumas gandoota badiyyaatiif waamicha fincila xumuraa garbummaa dhiyeessuu isaanii odeessi qeerroo ibseera.

Godina Arsii lixaa magaalaa Seeroftaa keessatti waraanni Wayyaanee ummata Oromoo mirga ufiif falmachuuf sochii godhu doorsisaa fi reebichaan ukkaamsaa jiraachuu Qeerroon gabaase

Aside

because-i-am-oromoGodina Arsii lixaa magaalaa Seeroftaa keessatti waraanni Wayyaanee ummata Oromoo mirga ufiif falmachuuf sochii godhu doorsisaa fi reebichaan ukkaamsaa kan jiruufi guyyaa kaleessaa Adooleessa 20 2016 halkan dargaggoota hedduu hiriiraf ummata yaasuf yaalii godhaa jirtu jechuun mana manarra deemee mana hidhaatti guuraa turuun dhagayame dargaggoota mana hidhaa maagala seeroftaatti guuraman keessaa ammaf kan maqaan isaanii nu gahe.

1, Muhaammad Adam

2, Huseen Awwal

3, Amiin Waariyoo

4 Husiyyaa Dhaqaboo

5, Jeylaan Aloo fi Qamar Muhaammad jedhamu.

Karaa biraatin magaalaa shirkaa keessatti Adoolessa 20 216 galgala polisiin feederaalaa ummata reebaa buluun kan dhagahame yoo ta,uu namoota galgaleeffatanii gara manaa galan reebaa turuu fi ummanni magaalattii yeroo ammaa dheekkamsa keessa jira , Arsii bahaa magaalaa sireetti Adoolessa 19 2016 basaasummarrati bobba,anAmaan Jundii fi Baqqalaaa Urgeessaa namoota jedhaman tarkaafii irratti fudhatameen magaalaa dheeraattii yaalamaa jiraachun himame.

Maqaa Biiroon Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa Jedhuun Mootummaan Wayyanee Mirga Lammiilee Sarbaa Jira.

Aside

FB_IMG_1469032145794 FB_IMG_1469032150175Adoolessa 20,2016/ Biiroon Industiriifi Misooma Magaalaa Oromiyaa maqaa rakkina manneen jireenyaa hiiku jedhuun Baankii itnternaashinaali Oromiyaa wajjin hojjettoota baankichaa kanneen Finfinnee keessaa hojjetaniif magaalota addaa naannawaa Finfinnee keessatti mana ijaarsisuuf jedha!

As irratti gaaffiin qabnu,Baankiin Internaashinaali Oromiyaa hoji baankiin tokko hojjetu hojjechuudhaan gibirafi qaraxa barbaachisu magaalaa finfinneef baasaa akkamin maagalota Oromiyaa irra kennamaaf kan jedhuuf hangama finfinneen harka Oromoo aka hin jirreefi mirga ofii namaa dhiisuu qabeenyaa biyyattii keessattis imaan Oromoo dalaganii bakka akka hinqabne waan agarsiisuuf Finfinneef hojjechaa Oromiyaa irraatti kan fedha isaanii hojjechuf yaaluun gad aantummaa OPDO fi mirga lammiilee Oromoo rabamuu agarsiisa

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 19, 2016

Aside

Wallagga,Qellem, Jimmaa Horroottii Namooti Hidhaman Muraasni Wabiidhaan Gadhiifaman, Namootni Hedduun Ammooo Reebichi Irratti Raawwataa Jira

Aside

Because I am OromoAdoolessa 19,2016 FXG godina Qellem aanaa Jimmaa Horrootti torbanoota kanneen wal irraa osoo hin citiin itti fufee jira. Waraanni wayyaanee uummata nagaa shororkeessaa jira. Adoolessa 17 uummanni hedduun mana hidhaatti guuramee jira. dhukaasni uummata irratti yeroodhaa yerootti banamuun qonnaan bulaa gara mana hidhaatti guuraatti jiru. Namootni guyyoota lama dura hidhaman keessaa har’a wabiidhaan gadhiifaman keessaa kan Qeerroon gabaase
1.      Lataa Wiirtuu
2.      Daagim Warataa
3.      Shumata Danuu
4.      Takkaaliny Waraatuu
5.      Takkilee Tadale
6.      Dastaa
Kanneen jedhaman wabiidhaan yoo gadhiifaman kanneen mana hidhaatti hafanii fi reebichi itti hammaatee jiru
1.      Sanbata Oljirraa
2.      Kibiruu Oljirraa
3.      Raammataa Tashoomee
4.      Nuuree Tashoomee
5.      Nabiyyuu Tashomee
6.      Caalii Ganjoosaa
7.      Sharinnat Tamasgen
8.      Geetuu Tasfaayee
9.      Isayyas Addisuu
10.     Kalile Idiris
11.     Zelalem Asawuu
12.     Minala Kadir
13.     Abdisa Indaaluu
14.     Amanuel Israel
15.     Gammachuu Bantii
16.     Naatoo Girmaa
Isaan kunneen mana hidhaatti reebichi irratti raawwataa akka jirus Qeerroon gabaasee jira. Har’as  itti fufee waraanni Wayyaanee naannicha shororkeessaa akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Humni WBOs naanicha qubatee jiraatuun wayyaaneetti shakkii uumeen poolisoota
naannoo irraa haga waraana humna agaaziitiin ona Jimmaa Horroo buufatee jiraatuun Qeerroon gabaase.

SBO Adoolessa 20, 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii- Kutaa jalqabaa fi qophii biroo, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

SBO Adoolessa 20, 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii- Kutaa jalqabaa fi qophii biroo, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Diddaan Ummata Naannoo Amaaraa Itti Fufee Jira,Barruuleen Waamicha Diddaa Sirna Wayyaanees Garee Paartii Siyaasaan Faca’aa Jiraachuun Beekame.

Aside

TglAdoolessa 19,2016  Akkuma beekamu torban kun naannoo Amahaaratti uummanni gaaffii mirgaa kaasee halkani guyya wal irraa odoo hin citin hanga har’aatti itti fufee jiraatuun waan uummanni  martuu argaa jiruudha. Paartiin kun maadhewwan naannoo kanatti qabu dammaqsuun quunnamtii bakka interneetiin hin jirrettis qaamaan walitti dhufuun fincila eegalame kana keessumaa magaalaa Dabrataaboritti uummanni kamuu ka’ee fincila naannichaa wal qixxeessuu akka qabu kaka’umsa taasisanii jiru. Kanumaanis uummanni Tigraay naannicha keeysa buufatee jiru olaantummaan Tigree kana booda akka gadi deebihu qabeenyaan isaan naannichaa qaban gubuu fi daandii itti cufuun konkolaattota isaaniibarbaadeessuutti waamichi waliif taasisaa jiru. kanumaanis wal qabsiisuun waaichi “Taallaq Yetigil Xirrii” jedhus waraqaa bittimsanii jiru.
Naannoo Tigraay zoonii dhiyaa aanaa Humaraatti uummanni gara Gondoritti konkolaataan koodii Tigraay qabdu irratti tarkanfiin uummata Amaaran fudhatama jira konkolaataan koodii Tigraay ofirraa qabsu socho’uu hin dandeessu garuu kan naannoo Amaaraa gara feetetti socho’aa jirti kun maaliif taha? jechuun uummanni naannoo Tigraay kaasee jira.  Kanumaan kaadiroonni Tigree naannichaa kan naannoo Amaraa irrattis tarkaanfii fudhachuun ni danda’ama jechun uummata force gochaa akka jirus hubatamee jira.

Konkolaataa koodii Amaaraa dhaabsisuu qabna jechaa jiru.  Uummanni naannoo Shiree jiraatu yeroo fincilli ka’u uummanni Tigraay maaliif rukutama? Maalifis qabeenyi isaa gubama? Uummanni Tigraay maaliif reebamaa? Mootummaa gaaffii hin deemnu gara tarkaanfiitti seenna jechuun jiraattotni naannichaa wal qindeessani ka’aa jiru. Mootummaan maaliif mirga tokko nuuf kennu didee jechaa jiran jedha odeessi nu gahee jiru.

Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukni.

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Makmaaksaa Oromoo keessa haala har’a uummatni Oromoo keessa jiru kan  calaqisiisu tokko makmaaksa waa’ee mukaa himamu dha. “Mukkunni yaa’ii walitti bahee qottoon nu fixxee Maal haa goonu?” jedhee wal gaafatee jedhama. “ Kan nu fixe qottoo miti jallaa keenya jedhe jaarsii” jedhan.  Nuyis kunoo Wayaanee nu fixxee jennee waakkachaa jira. Garuu kan nu fixxaa jiru jallaa keenya warra garaa itti nyaatan malee sammuu itti yaadan hin qabne.

Sabni tokko bilisa tahee hiree mataa isaa ofiin murteefatee kan biyya dhaabbachuu danda’u  yoo uummatni isaa harka wal qalabate kaayyoo bilisummaaf dhaabbate dha. Namni tokko akk a nama tokkotti fedhii adda ddaa qabachuu danda’a.  Fedhii isaa kana guutachuuf dantaa uummata isaa ganee kan mataa hordofuudhaan dhiiga obbolaa isaan jiraachuuf fedhii kan qabu jira. Haalli kana fakkaatuu uummta qabsoo gochaa jiruu keessatti mul’achuun waan haaraa miti.

Kan Saba Oromoo kan haaraa godhuu gurmuudhaan ijaaramanii ifatti dantaa haalgaa tiksuuf dhaabbachuu dha. Uummatni Oromoo qabsoon isaa inni duraa warra dhalootan Oromoo tahanii yookan Oromoo ofiin jedhanii qabsoo uummata Oromoo gufachiisan of jalaaa qulqulleessuu dha. Warraa kan irratti karaa lama hojjechuu qabna. Inni duraa karaa danda’amu maraa akka badii uummata isaanii irratti hojjechaa jiran kana hubatanii uummataa isaanii wajjin hiriiro qabsoo galan dhiibaa irratti gochuu dha. Inni lammaffaa yoo didanii badii uummata isaanii irratti hojjetan kana itti fufuu filtan qabsoon uummata Oromoo dura isaan barbadeessuu qaba.

Midhaa guddaa kan ilaamaan Oromoo irraan gahaa jiru warra dhalootan Oromoo tahee, uummata Oromoo keessaa jiraachaa diinaaf odduu keenu dha. Uummatni Oromoo uummataa nagaa jaalatuu fi mirga dhala namaaf kabajaa guddaa qabu dha. Warra jallaa isa keessaa dhalate miti orma isa miidhaa jiru irratti iyyuu tarkaanfii murteessaa fudhachuun jaalala  isaa akka hin taane ni agarra .Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukunni (2)