Daily Archives: July 2, 2016
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 1, 2016
Aside
Godina Wallaggaa Qellem, Anfilloo Magaalaa Muggii Keessatti Alaabaan ABO (Oromoo) Fannifame, Basaastoni Wayyaanee Sodaan Guutaman.
Aside
Adoolessa 1,2016
Qellem Wallaggaa,Anfillootti Alaabaan fannifame. Odeessa Qeerroo magaala Anfilloo Muggii irraa addeessuun kaleessa Waxabajii 30/2016 Muggi Bulchiinsa magaalichaa fi bakka addaa Gabaa Dafinoo jedhamee waamamutti alaabaan fannifamee oolee buleen har’a poolisiin Wayyaanee Aannicharra jiru buusuun gabaafame. Alaabaan ABO yeroodhaa yerootti irra deddebiin magaala Anfilloo, Muggiitti fannifamuu fi guyyaa gabaa sanbata darbe gaba kamisaa bakka jedhamee waamamutti dhaadannoon dhageesifamuu fi waajjirri OPDO diigamu fi barreefamni sirna mootummaa Wayyaanee balleessaa jedhus barreeffameen poolisoonni wayyaanee guyaya kaasun olii fi gadi fiiguun kan beekames uummanni yeroo kana walgayii wayyaanee diiguu fi walumaa galatti sirna mootichaa magaalicha keessaa balleessuuf qabsoo Qeerroon taasisaa jiruu fi guyyuudhaan alaabaan fannifamuunis ergamtoota Wayyaanee kaabinoota tahanii jiraatan yaaddessuu odeessi Qeerroo adeessa.
Haaluma kanaan amanamaa fi ilmaan oromoo aanicharraa kan hiisisaa jiru waajira nageenyaa aanicha Israael Fayisaa kan jedhamu WBOn aanicha keessa seenera jechuun humna waraanaa mootummaan akka aanicharra qubachiisu iyyannoo taasisaa jira.
Barruuwwan hedduunis faca’a jiru. Alaabanis manneen barnootaa fi waajjiralee garagaraatti fannifamuun FXG aanichatti itti fufaa
jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Uummanni ifatti mootummaa wayyaanee hin feenu jedhees walgayii tahurrattis dubbatuu itti fufe.
FXG Qeerroo Baha Oromiyaa Awaaday, Adoolessa 1,2016
Aside
FXG Haramaayaa Adoolessa 1,2016
Aside
Adoolessa 01,2016) Yeroo ammaa kanatti FXGn Haramaayaa keessatti belbelaa jira. Alaaabaan ABO/Alaabaan Oromoo magaalaa keessatti ol baatee belbeltee mul’atteetti. Basaasotni wayyaanee heddumminaan magaalaatti bobbaafamanis tarkaanfileen adda addaa irratti fudhatamaa jiran. Hojjetaan mootummaa hundi kan diina faana hiriire gara waraana wayyaaneetti baqachaa jiraachuunis gabaafamaa jira.