Iyyii  Iyya Labsi

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Waraanni Wayyanee guyyaa hundaa Oromoota sammuu qaban adamsee ukkaamsuu, ajjeessuu fi mana hidhaati dararuu irraa darbee uummata Oromoo nagaa dhowwachuudhaan akka goolaa jiru gabaasaa Qeerroo irraa hubachaa jirra. Keessattuu hammeenyi bartootaa Oromoo irra gahaa jiruu dhaga’uunu garaa nama hammeessa. Warri ukkamaman yaroo dhumasana akka ajjefaman mamii qabaachuu hin qabnu. Qotee bulaa, hojjetaa, barataa fi artistiin Oromoo uukkaman duba kan quba itti qabutu jira. Qubni cituu malee fala biraa hin qabu.

Qeerroon nagaa eegduu TPLF tokko shan diigee of ijaaree warra quba ilamaan Oromoo itti qabanii ficcisisaa jiran kana hubachuu ni dadhaba jedhee hin yaadu. Warra garaa malee sammuu hin qabnee kanaan ilmaan Oromoo dhumuu fi biyyi Oromoo saamamuun fudhatama hin qabu. Tooftaan TPLF inni duraa Oromoota qara tahan fixxuu dha. Warri qara tahan yoo dhuman isa hafe gowwosaniis tahe dorsiisudhaan hin bitna abdii jedhuu qabu. Kunis kan madduu tuffii fi oftulummaa Wayyaannee irraa akkeeka ka’e akka tahe ifa jira. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo qabsoon kun kan itti fufu tahe humni injifachuuf deemu gara kamitti akka madaalaa deemu hubachuun rakkisaa miti.Iyyii Iyya Labsi

Magaalaa Shaashamannee keessatti qondaaltota mootummaa Wayyaanee Shifarraaw Shugguxee fi Warqinaa Gabayyoo Saphatan

Aside

Adoolessa 3,2016 Magaalaa Shaashamannee keessatti qondaaltota mootummaa Wayyaanee Shifarraaw Shugguxee fi Warqinaa Gabayyoo dhagaa bu’uuraa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu damee Shaashamannee jiaaruf yeroo kaayanitti Qeerron sagalee dheekkamsaatin isaan salphisee jira.

Kana malees Godina Arsii dhihaa magaalaa qoree keessatti namoota nagayaa qabdee hidhaa jiraachun dhagahame, mootummaan Wayyaanee waan qabatuuf waan gadhiisu wallaalee jira namoonni hidhaman kuni namoota hojii humnaatin magaalattii keessa jiraatan yoo ta’uu sababa ummata hiriiraf kakasaa jirtu jedhuun qabamanii kan hidhaman isaanis

1, Abdii Ibraahim abbaa maatii fi ujoollee sadihii

2, Fiqaaduu Shibbiruu abbaa maatii ilma tokko kan qabu,

3 Abdulaxiif Ahmad abbaa ujoollee sadihii,

4,Misbahaa Awwal maatii hin qabu dargaggeessa

Kuni kanaan osoo jiruu Seeruu Abbaas keessattis reebichi fi ummata bahaa gala dhoorgun waraana Wayyaanee akkuma itti fufetti kan jiru yoo ta’uu halkan saa’atii tokko booda ummanni magaalaa keessa deddeemuu hin dandeenne.

Godina Arsii bahaa magaalaa Diksiisa hamdaa keessatti kantiibaan magaalaa hamdaa diksiis obbo Kaamil H/ Sulxoo bosona ummataa fi qabeenya biyyattii magaalaa Hamdaa cirsiisee lafa liiziin gurguruuf akka qopheesse fi ummanni kanaaf dubbate caraan isaa hidhamuu qofa jedhu jiraattoonni kuni akkanaan osoo jiruu humni addaa halkan edaa uf eeggannoo cimaa akka kenneef dhagamee jira.

Manni Keenya Many’ee Keenya!

Aside

                                                                                                                          Noolee Buttaatiin!

Barreessaa dhugaa baasa!Uummati Oromoo aadaa jiruuf jireenyaa hawaasummaa,dinagdee,falaasamaa,siyaasaa kan mataa ofii qaba! Falaasama addunyaa keenyaa keessatti biyyoonni guddatanii dhaga’ama gonfatanis warra waan ofitiin guddate,itti boonee fi ittiin jiraate,warra of ta’edha!

Oromoon falaasama fayyaa hawaasa isaa eeguu keessatti Many’ee hedduu itti gargaarama! Many’een caba fayyisa! Many’een luka loonii gara jalaa qorii olittii fi buusa olii gadi kan jiru harka loonii irraa fudhatama! Namni cabe many’ee kanatu kennamaafi! Namni cabe akkuma Many’ee soorateen dafee fayya! Ancootee “guboo”wajjin immoo ni caala!

Qaama namaa irratti Many’een bakkaa bakkatti  ciqilee buusaas ni jedhama.egaa namni tokko yoo cabee miidhame,”buusaatu bu’e many’ee malee maaltu fayyisa jedhamaafi!

Manniho? Jechuun keessan hin hafu ta’a manni bakka aara galfi ilma namaati! Qarooma addunyaa keennaa keessattis mana akka itti ijaarratantu ammayya’aa fi wayyaawaa deeme male namni fi uummati mana malee jiraatu hin jiru

Dhalli namaa addunyaa keessatti holqaa qabee hanga gamoo har’a ijaaraa jiru keessatti wayyeessaa kan deemee fi yeroo ammaa kana dhala namaatiif bu’uura jireenyaa basic need jedhameetu jira.itti dablataafi beeyladoota manaa dabalatee dirqama kan dhala namaaf barbaachisu ta’ee jira Manni Keenya Many