Adoolessa 7,2016 Baha Oromiyaatti FXG jabaatuun yeroo wal irraa hin cinneen gabaasuun keenya ni yaadatama. Odeessa Qeerroon Harargee lixaa
– Aanaa Boordadee
– Mi’eessoo
– Ciroo
– Meecataa
– Hirnaa
Akkasuma Harargee Bahaatti
– Qarsaa
– Haromayyaa
– Awwaaday
– Kombolchaa
Godinaalee Hararge lamaan aanaalee kanatti Waxabajii 2/2016 qophi ramaadanaan kan wal qabateen Qeerrroon akkuma gabaasaa turre FXGf haala mijeessuun daandiwwan onoota kana keessaa cufuudhaan alaabaa fannisee tureen alaabaan keenya (ABO) torban tokkoo oliif ona kanneen keessatti waajjiraalee garagaraa fi mannen barnootaa birattis akkasuma magaalaa keessatti fannifamee kan ture yoommuu tahu kaleessa akkuma
gabaasne uummannis dabalataan kaleessa guyyaa Edi Mubarak onoota kanneen irraa alaabaa qabatee bahee jira. walumaa galatti Qeerroon
onoota kanneen irraa akka karooraatti kan milkaawen injifannoo guddaa gonfatuun olaantummaa isaa kan beeksifate Qeerroon bulchiinsa diinaa
haga diigamutti bulchiinsa mataa isaanii dhaabbatuun uummanni ofiin of bulcaa akka jiru har’a Qeerroon gabaasee jira.
Godinaalee lixa Oromiyaa Shaggar lixaattis FXG itti fufuun wayyaaneen manneen jireenyaa uummataa sakatta’uun Qeerroon gabaaasera. Har’a
daandii gara wallaggaa geessuu shawaa lixaa keessatti kan cufamee ture humni diinaa banachuunis Qeerroon gabaasee jira.
Barruun warraaqsaa “OROMIYAAN NI BILISOOMTI” jedhus Amboo fi bakkoota garagaraatti darbatamuunis kan mul’ate waraana wayyaanee naannicharra jiruun funaanamuunis gabaasni Qeerroo achirraa nu gahe addeessa.
Daily Archives: July 8, 2016
Aside
Adoolessa 7/2016 Magaalaan Finfinnee fi Magaalotni Addaa Naannawaa Finfinnee Waraana Agaazii fi Poolisii Federaalaan Shororkeffamaa jiru, Addatti Magaalaa Finfinnee Keessatti Guyyaa Ha’aa Waraanni Agaazii, Poolisiin Federaalaa fi Poolisootni Magaalaa Finfinnee Fageenyaa 1km tokkoo hin Caalleen wal irraa fagaachuun fi Hidhannoo guutuun Daandii qabatanii uummata shororkeessa kian olaanii fi Guutummaan Magaalaa Finfinnee fi Magaalota Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman raafama guddaa keessa galanii jiraachuun ibsame!!
Mootummaan Abbaa Irree Master pilaanii Finfinnee fi Magaalota Oromiyaaf qopheesse dirqamaan hojiirra olchuuf kan carraaquu yoo ta’uu, Waraanaa humnaa oliii Oromiyaa Keessa Bobaasee ilmaan Oromoo Manguddoonnii fi hawwaan illee ulfina dhorkuun dhaabaa sakkaatta’insaa
seeraan alaa gaggeessa jira. warraaqsii biyyooleessa oromiyaa FXG golee Oromiyaa garaagaraa fi addatti Bahaa Oromiyaa fi naannoo Finfinnee fi Finfinnee keessatti jabaachuun sirnicha caalmatti raafama keessa kan galche jiru ta’uun hubatame jira.