Aside

Guyyaa har’aa Adoolessa 6,2016, Harargee Bahaa Magaalaa Dadar keessatti FXG gaggeefamaa jiru itti fufuun daa’immaan Oromoo rasaasa Wayyaaneen wareegamaa jiru. FXG gaggeefaa jiru keessatti daa’imi Oromoo umurii waggaa 9 kan ta’e Seyfuddiin Abdallaa loltoota Wayyaaneen wareegamee jira.

Dadar

Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa namni Jedhamu Oromummaa isaatti Yakkamee bakka jireenya isaa magaalaa Naqamtee keessaa achi buuteensaa dhabame jira .

Aside

20160709061038Adoolessa 6,2016 Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa Namni Jedhamu  Oromummaa isaatti Yakkamee Bakka jireenya isaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Achi buuteensaa dhabame jira .Maqaan isaa Lachiisaa Beenyaa jedhama.Bakki Dhaloota isaa Godina Shaggar Lixaa  Baakkoo yeroo ta’u.

Sabboonaa lachiisaan Yeroo baayyee Magaalaa Gimbii keessatti humnoota tikaa Wayyaaneen adamoon waan itti cimeef imala isaa Oromiyaa keessa oliif gadi deemuun hojii guyyaa hojjetee nama of jiraachisaa tureedha.Akkasumas sabboonaa lachiisaan hojii qophee qulqulleessuu ,asoosamoota garaa garaa oliif gadi deemuun nama gurguree ittiin jireenyasaaf jiraachisaa tureedha.Haa ta’u Malee Adoolessa 06/07/2016 Magaalaa Naqamtee keessaa osoo kophee qulqulleessaa jiruu Humnoota tikaa Wayyaaneen butamee achi buuteensaa dhabamee jira.

Barattootni Boqonnaaf Gara Maatii Galan Humna Waraana TPLFn Ukkaamfamaa Jiru.

Aside

because-i-am-oromoAdoolessa 5,2016 Wayyaaneen barattootni gara maatii isaaniitti boqonnaaf galan ergama Qeerroo fi ABO fudhatanii galan jechuun barattoota baadiyaalee fi magaalota Oromiyaa keessaa hidhaa jirti.

Akka odeessi Qeerroo nu gahaa jiru ibsutti barattootni bara kana manneen barnootaa irraa boqonnaaf galan godina shawaa lixaa aanaalee hedduu irraa addatti ona Gindabarat irraa barattootni gara qe’eetti galaa jiran hedduun mana hidhaatti darbamaa jiru. Guutummaan dargaggootaa ona kana keessatti dhalatee guddatee Qeerroo fi ABO dha jechuun gaaffii tokko malee dhaabbilee barnootaa olanoo irraa kan gara qe’eetti galan yeroon boqonnaa isaanii amma mana hidhaa wayyaanee tahaa jira. bakka kana qofa miti ona fi godina hedduutti kun mul’ataa jira.

Qellem, Jimmaa Horrootti miseensa WBO jechuunis Qeerroon ona Jimma Horroo keessa jiratus duuchaatti hidhaatti guuramuu fi qabamaa akkasuma reebichi suukkanneessan irra gahaa jiraatuunis himame. Kana malees shamarran hedduunis humnaan waraana wayyaaneen gudeedamaa jiraatuunis odeessi achi nu gahe addeessa.

Barattootni yeroo ammaa boqonnaaf gara maatii galaa jiran dabalatee kan bara kana eebbifamanis yeroon kun wayyaaneef dhumaatii waan taheef hidhaa gaaffii malee kanaan dura akka itti barattoota argatuu dhabee amma akkaataa ittiin barattoota kana qabu maatii biraa tikoota isaatiin waan qabataa jiruuf of eeggannoo taasifamuu qabu waliin socho’uudhaan FXG itti fufuu Qeerroon asumaan  gadi jabeessee dhaama.

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Waraanaa Poolisii Federalaa Dhalootaan Oromoo Ta’anii fi kanneen Ergamtoota Wayyaanee Ta’aan Gidduutti Wal Haleellaan Dhalachuun Gabaafame

Aside

Adoolessa 4,2016
13619802_1805632289658862_4195461769731475766_nHumni Poolisii Federaalaa fi Waraanii Agaazii lakkoofsaan heddumina qabu magaalaa Amboo irra qubsiifamuun uummata Oromoo Shororkeessuun kan beekaamu poolisoota Federaalaa Wayyaanee fi ilmaan Oromoo achi keessatti argamaan waliin walitti bu’insii guddaan dhalachuun sabboontootni Poolisootni Oromoo ta’anii fi kanneen ergamtuu  wayyaanee ta’an waliin dhukaasaa wal irratti banuun poolisootni ergamtuu wayyaanee lamaa ol kan ajjeefaman yoo ta’uu Poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa tokko wareegamuun ibsamee, poolisootni hedduun madeeffamuun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ibsame jira.!! Yakki Waraanaa Uummata Oromoo ummata sivilii irratti gaggeeffamaa jiraachuu irra waraanaa sirnichaa fi poolisootaa Sirnicha keessatti argamaan gidduutti wal shakkii guddaan dhalachuun afaan qawwee walitti naanneessuun wal haleeluun kan eegalamee jiru ta’uun hubatamera. Poolisiin Federaalaa dhalootaan Afaar jedhamu tokkos poolisootaa ajjeechaaf barbaadu ,barbaadee waan dhabeef haadha manaa isaatti dhukaasuun haalaan madooftee hospitaalaa jiraachuu maddeen gabaasaan. poolisoota dhukaasa wal irratti banaan keessaan kanneen wareegaman keessa

1. Poolisii  Tasfaayee Bahaaruu dhalootaan Oromoo, Bakki Dhaloota isaa Baalee, Agaarfaa ta’uun mirkanaa’era.

2.Poolisiin 2ffaan kan ajjeefame dhalootaan uummata kibbaa Sidaamaa yoo ta’uu, yeroof maqaa isaa kan hin arganne ta’uun ibasame jira.

3.Poolisootni Ergamtuu wayyaanee dhalootaa tigree ta’an lamaa olitti lakka’aman kanneen dhukaasaa poolisoota Oromoo waliin wal irratti bananiin ajjeefaman yeroof maqaan isaanii kan gargar hin baane ta’uun ibsamera.

4. Poolisootni hedduun kanneen madeeffaman jiraachuun ibsamera!!

Haaluma kanaan Magaalaan Amboocaalmaattigara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jiraachuun raafama guddaa keessa galtee kan jirtu ta’uun hubatamera!! Suuraa poolisii Federaalaa Keessa kan hojjetu ilma Oromoo kan maqaan isaa ‘Tasfaayee Bahaaruu’; attach goone jirra.

Godina Arsii Bahaa Magaalaa Seeruu Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Itti fufaAdoolessa 5,2016 Qondaalotii fi loltooti Wayyaanee TPLF Godina  Arsii bahaa magaalaan Seeruu keessatti sagalee mormii Qeerroon dhageessisaa jiruun raafamaa jirti. Kanumaanis wal qabatee waraanni Wayyaanees ummata akka malee reebaa jiraachuun dhagahamaa jira, achuma Seeruu keessatti humni addaa yookan gareen tarkaanfii basaastota Wayyaanee sadii kanneen maqaan isaanii:-

  1. Girmaa Mulaatuu,
  2. Taaddasaa Aayyaalew fi
  3. Abdoo Huseen

Jedhamanii fi kanneen hojiin isaanii achuma magaalaa Seeruutti daldalarratti bobba’anii gama kaanin itti gaafatamtoota gareef gooxii ta’an irraatti uummanni qabeenyii fi maatiin isaanii jalaa miidhaman aarii irraa ka’uun tarkaanfii fudhateen miidhaan cimaan irra gahee Hospitaala Roobee diida’aatti yaalamuuf geeffamuun dhagahamee jira jarri kunniin yeroo garagaraaatti uf eeggannoon kennameefii gocha kanarraa deebi’uu diduun isaanillee himame.