Barattooti Oromoo Yuniversitii Wallaggaa Irraa Eebbifaman Waraqaa Eebbaa (Teempoo) Dhorkataman.

Aside

received_1766061040305670Adoolessa 2,2016  Yuunibarsiitii Wallaggaatti barattooti waraqaa eebbaa dhorkatamani!

Odeessi Qeerroo yuunibarsiitii wallaggaa akka addeessetti yuunibarsiitichi barattoota erga eebbifamanii waraqaa dhowwatee jira.Barattooti kun afaan qawwee jalaa hafanii kan eebbifaman yeroo ta’u, guyyaa eebba isaanii maatiin isaanii fi hawaasi eebba barattootaa kanarratti argame reebamuun kan yaadatamudha!

Yeroo ammaa kana barattooti kun waan nyaataniifi bakka bulanis dhabuun rakkachaa akka jiran beekameera!