Adoolessa 27/2016 Godina Lixa Shaggaar Sodaa Guddaa Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG irraa kan Ka’een Aanaan Baakkoo Tibbee Humna Waraana Agaazii fi Kora Bittinneessaan Sakkatta’insii Guddaan Irratti Gaggeeffamaa jira .
Sochiin warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa baatii 8f itti fufinsaan adeemaa jiru; Godinaalee Oromiyaa Hedduu keessatti akkuma itti fufeen gara baatii 9ffaatti tarkaanfachaa wayita jiru kanatti Biyyattiin Caalmatti raafama guddaa keessa galtee jiraachuun beekame Aanaan Baakkoo Tibbee Wallaggaa Bahaa Horroo Guduruu Wallaggaa fi Lixa Shaggar Iluu galaanii fi Calliyaa Daangessitee kan Argamtuu Daandii Guddaa Gara Wallagga Bahaa Naqamtetti geessuu fi Daandii guddaa Gara Horroo Guduruu Shaambuutti geessuu irratti kan argamtuu guyyaa kaleessa human waraanaa guddaan weeraramtee sakkatta’insii guddaan Magaalaa Bakkoo daandii bakkoo fi iluu galaan Gidduu fi Daandii Gara Horroo Guduruutti geessuu irratti gaggeeffama kan olee guyyaa ha’aas ittuma fufee jira. Humni waraana Wayyaanees gara Aanota Lixa Shaggar Iluu Galaan Ijaajjii, Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii Baallammii, Daannoo fi Godina wallaggaa Bahaa fi Godina Horroo guduruu Wallaggaa Shambuu, Haratoo, Amuruu, Jaartee, Guduruu, Fincaa’aa fi Habaaboo Guduruu dabalataan qubsiifamaa jiraachuu madden keenya Godinaalee dhihaa Oromiyaa garaagaraa irraa gabaasaan.
Akka guutummaa Godina Lixa Shaggarii fi Gidduu Galeessa Oromiyaa , fi Godinaalee Oromiyaa Bahaa Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa fi Lixaa,
Godina Booraanaa , Gujii fi Baaleetti jabaachuu Sochii warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXGn cinatti Duullii gabaa lagachuu fi uggura
dinagdee buusuu itti fufee jiraachuu Maddeen keenyaa kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa gabaasa jiru, Guutummaa gabaasa kanaan walitti
deebina.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk