Adoolessaa 8/2016 Gidduugalessi Oromiyaa Shaggar Lixaa Magaalaan Giincii Gara Dirree Waraanaatti Jijjiiramtee Jirti. Waraannii Agaazii Guddaan Halka kana illee Dabalataan gara Gidduu galeessa Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa Lixa Shaggar Magaalaa Giincii , Amboo, Meexxii, Olaankomii, Ejeree, Gudar, Baabbicha, Geedoo ,Baallammii, Dirree Incinnii , Daannoo, Ijaajjii , Baakkoo, Holootaa , Jalduu, Adaa’aa Bargaa Mogor , Meettaa fi Gindaabarati fi Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu wallaggaa: Shaambuu, Finca’aa, Amuuruu, Guduruu, wallaggaa Bahaa Naqemtee fi Naannoo Ishee irra socho’aa jiraachuu fi Bifa haaraan Qubsiifamuuf kan jiruu ta’uun saaxilamee waan jiruuf Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bakka jirtaan hundatti gamtaa keessan jabeeffachuun utuu Waraannii kun gandoota Baadiyyaa fi maayibaasii adda addaa irra hin qubsiifamiin daandii itti cufuun of irraa ittisuufi Waan Dandeenyuu hundaan humna
uummata Oromoo gooluu fi Shororkeessuuf socho’uu kana of irraa deebisuufi Warraaqsaa biyyooleessa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa itti jirru itti jabeessuun furmaata ta’uu wal hubachuun hiriirree haa falmannu!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk