Adoolessa 9,2016 Sirna eebbaa barattootaa bara kana eebbifaman kan Yuuniversitii Finfinnee ha’aa fi boruu gaggeeffamu sababeessuudhaan Qeerroon halkan edaa mooraa guddicha kiiloo 6tti dhaadannoo fi sirboota qabsoo dhageesisaa buleen wal qabatee har’a ganama irraa kaasee naannoon Yuuniversitii kiiloo 6 hudhaa waraanaa fi poolisii wayyaanee jala jirti.
Maatiwwan ijoolle isaanii eebbisiisuuf dhufan gara mooraa seensisuu diduudhaan sakatta’amaa jiru barataa eebbifamuu fi maatiwwan barataa osoo hin taanee waraanaa fi poolisii Wayyaaneetu naannichatti argama yeroo ammaa kana. Bakka ijoolleen oromoo itti wal gahanittis poolisiin marsee akka waliin hin dhaabbanne taasisaa jira.
Qeerroon kaan mooraa keessa namni seenuu baatus ijoollen Oromo bara kana eebbifaman yaadannoo wareegamtootaa taasiisuu fi dhaadannoos NUTI KAN BARANUUF BILISUMMAA ITTIIN MIRKANEEFFACHUUF jedhanii sagalee isaanii dhageesisaa jiru.
Namootni hucuu aadaadhaan dhufan waanuma isaan hucuu aadaa uffataniif soda FXG qindeessitoota jedhamaniin qoratamaa jiru.