Adoolessa 6,2016 Sabboonaa Oromoo Lachiisaa Beenyaa Namni Jedhamu Oromummaa isaatti Yakkamee Bakka jireenya isaa Magaalaa Naqamtee Keessaa Achi buuteensaa dhabame jira .Maqaan isaa Lachiisaa Beenyaa jedhama.Bakki Dhaloota isaa Godina Shaggar Lixaa Baakkoo yeroo ta’u.
Sabboonaa lachiisaan Yeroo baayyee Magaalaa Gimbii keessatti humnoota tikaa Wayyaaneen adamoon waan itti cimeef imala isaa Oromiyaa keessa oliif gadi deemuun hojii guyyaa hojjetee nama of jiraachisaa tureedha.Akkasumas sabboonaa lachiisaan hojii qophee qulqulleessuu ,asoosamoota garaa garaa oliif gadi deemuun nama gurguree ittiin jireenyasaaf jiraachisaa tureedha.Haa ta’u Malee Adoolessa 06/07/2016 Magaalaa Naqamtee keessaa osoo kophee qulqulleessaa jiruu Humnoota tikaa Wayyaaneen butamee achi buuteensaa dhabamee jira.