Adoolessa 5,2016 Wayyaaneen barattootni gara maatii isaaniitti boqonnaaf galan ergama Qeerroo fi ABO fudhatanii galan jechuun barattoota baadiyaalee fi magaalota Oromiyaa keessaa hidhaa jirti.
Akka odeessi Qeerroo nu gahaa jiru ibsutti barattootni bara kana manneen barnootaa irraa boqonnaaf galan godina shawaa lixaa aanaalee hedduu irraa addatti ona Gindabarat irraa barattootni gara qe’eetti galaa jiran hedduun mana hidhaatti darbamaa jiru. Guutummaan dargaggootaa ona kana keessatti dhalatee guddatee Qeerroo fi ABO dha jechuun gaaffii tokko malee dhaabbilee barnootaa olanoo irraa kan gara qe’eetti galan yeroon boqonnaa isaanii amma mana hidhaa wayyaanee tahaa jira. bakka kana qofa miti ona fi godina hedduutti kun mul’ataa jira.
Qellem, Jimmaa Horrootti miseensa WBO jechuunis Qeerroon ona Jimma Horroo keessa jiratus duuchaatti hidhaatti guuramuu fi qabamaa akkasuma reebichi suukkanneessan irra gahaa jiraatuunis himame. Kana malees shamarran hedduunis humnaan waraana wayyaaneen gudeedamaa jiraatuunis odeessi achi nu gahe addeessa.
Barattootni yeroo ammaa boqonnaaf gara maatii galaa jiran dabalatee kan bara kana eebbifamanis yeroon kun wayyaaneef dhumaatii waan taheef hidhaa gaaffii malee kanaan dura akka itti barattoota argatuu dhabee amma akkaataa ittiin barattoota kana qabu maatii biraa tikoota isaatiin waan qabataa jiruuf of eeggannoo taasifamuu qabu waliin socho’uudhaan FXG itti fufuu Qeerroon asumaan gadi jabeessee dhaama.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk