Adoolessa 31,2016 Godinni Arsii guutumaan guututti dirree waraanaa fakkaatee jira waraana agaaziif feederaala qofaan guuttamtee jira. Har’aa fi halkan edaa Adolessa 30, 2016 magaalota Asaasaa, Adaabbaa Dodola, Xijjoo qanxeraa Xiyyootti mromiin cimaan godhameera.
Ummanni magaalaa Asaasaa waraana Wayyaanee Agaazii lama irratti tarkaanfii fudhachuun tokko yeroo lubbuun darbu kaan ammo Hosptaala Awaasaa jiraachuun beekamee jira.
Godinuma Arsii bahaa magaalaa Ashmiira jedhamtu keessattis Adoolessa30, 2016 sagaleen mormii dhageesifamaa oluu Qeerroon naannicha irraa gabaase.
Asaasa keessatti qabeenya mootummichaafi jala deemtota Wayyaanee kanneen ta’an irratti uummani aariin guutamee fi roorroon itti hammaate adabbii sirreessaa kenneen mootummicha rifaasisee jira. waajjirri bulchiisa magaalaa kan balbala shan qabu waajjira bulchiilsa gandaa buusaa gonnoofa dhabamee jira. Kanumaan wal qabatee magaalaa Asaasaa keessaa dargaggoonni hedduun FXG qindeessaa jirtu sababaa jedhuun guyyaa har’aa hidhamanii kanneen jiran keessaa:-
- Dargaggoo Kaddii Abdallaa oggatoo
- Muktaar Abdallaa
- Daawud Abdallaa
Keessatti argamu.

Qabsoon Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa, Bilisummaa fi Walabummaa isaatiif gaggeessaa jiru gulantaa murteessaa irra gahuu, haalli Oromiyaa keessaa sirriitti agarsiisa. Sochiin warraaqsaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru gootummaa, bilchina jaarmayaa fi tooftaan akkasumas Impaayerattii keessattis tahe naannawa Gaanfa Afrikaatti fakkeenya murteessaa tahuu ummata Oromoo dirreetti baasee agarsiiseera. Keessumaa dhaloonni haaraan Gabrummaan Nu irratti Xumura Argachuu Qaba jechuun gootummaa fi murannoon bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf muxannoo qabsoo fi jaarmayaa hunda sochoosaa agarsiisaa jiran lammiif abdii, mootummaa gabroomfataaf ammoo naasuu akka malee itti ta’e.
Obbo Tarfaa Dibaabaa, har’a Adoolessa 29, 2016, magaalaa Hamburg, Jarmanii, keessati addunyaa kana irraa dhukkubaan boqoochuu isaanii gadda guddaan isin beeksisna. Obbo Tarfaan, Amajjii 6, 1940 magaalaa Dambidoollo, Wallaga, Oromiyaa tti dhalatan.
