(Ibsa ABO irraa kenname)
Mootummootni Itoophiyaa bulchaa turanii fi yeroo ammaa empaayera humnaan dhaale bitaa kan jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffiilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa furuu irra kan hammeessan tahuu irraa; Hundee rakkoo biyyattii keessatti ifatti mul’atuuf furmaata buqqaasaa argamsiisuu irra haguuguun rakkoon kan hin jirre fakkeessanii bira dabruu ykn jijjiirraa kabeebsaan furuu kan barbaadan tahuun amala waan taheef; Ummatoota humnaan bitaa jiran dhaggeeffatuu diduun yaadaa fi gaaffii kaasan yakkatti fudhatuun callisiisuu fi ukkaamsuu kan aadeffatan tahuu irraa; Akeekni bu’uraa mootummoota Itoophiyaa hanga ammaatti mul’atanii, garajabinaan hacuuccaa fi saamicha ija dunuunfataa tahuu irraa; Bittootni Itoophiyaa hundinuu hariiroo fi walitti dhufeenyi ummatoota gidduu kan mirga ummatootaa kabaju, mirga ilma namaaf kabajaa kennuu fi wal qixxummaa irratti hundaa’e akka hin taaneef, hariiroon ummatoota Itoophiyaa gidduu kan sodaa fi amantaa wal irratti dhabuu taasisuun addaan qoodanii bituu akka imaammataatti waan itti fayyadamaniif;
Monthly Archives: February 2016
POLITICAL CRISIS IN OROMIA STATE, ETHIOPIA
Aside
HRLHA: Oromo Nation Peaceful Protest 12 November 2015 – February 20, 2016
I. Ethiopian government crackdown against Injustice Protestors in Oromia
II. Responses to the Crisis
EU Response UN Response
USA Responses
Human Rights Organizations’ responses
III. Crimes against Humanity in Oromia/Ethiopia
IV. Delayed Response to the Crisis
V. Recommendation
I. The Crackdown Against Anti-Government Injustice Protestors in Oromia
Read More:-Oromia Peaceful Protest (1)
Aside
“ABOn Fira Keenya Wayyaaneen Diina Keenya” Jedhu Goototi Ilmaan Oromoo Baha Harargee, Konyaa Gaara Mul’ataa Aanaa Baddannoo Magaalaa Furdaa/Gurn,21/2016
Aside
Har’a Gur,21,2016 Dhaalooti Seenaa Galmeessaa Jiran Goototi Godina Harargee Magaalaa Santari, Badano Keessatti Akkasitti Oolan.
Aside




Gootota Oromoo Magaalaa Gannaalee Godina Gujii Alaabaan Bilisummaa Balaliisuun WBO Faarfataa Oolan/Gurraandhala 21,2016
Aside
Gurraandhala 21 Godina Wallagaa Anaalee Gidaamii, Anfilloo fi Begii Keessatti FXG Finiinee Oole.
Aside
Gurraandhala 21,2016 Godina Qellem wallaggaa aanaa Gidaamii fi Begii wal qabatee qotatee bulaan Alaabaa ABO qabatee ganama sa’a 5:00 irraa kaasee magaala Gidaamii fi Begii naannoo gaba dafinoo irratti injifannoo isaa goonfataa jira.
Bulchiinsi mootummaa wayyaanee barbadeeffameera godina Gidaamii gandoota garagaraa keessatti. Alaabaan keenyas waajjiralee hedduutti
fannifamee oolee bulaa jira. Galgala kana daandiiwwan wallaggaa lixaa gara Qellem Gidaamii geessu irree uummataan cufamee jira.
Oromiyaan yeroo ammaa alaabaa ABOtiin dhuunfatamee jira. FXG oromiyaa keessatti akka ibiddaa boba’ee jiru dura dhaabbachuu fi uummata oromo irratti duguuggaa sanyii labsame hojiitti hiikuuf humni addaa wayyaanee kibba oromiyaa naannoo Jijjigaa irra buufatee ture yeroo ammaa godinaalee oromiyaa 5n keessa akka qubatu as guuramaa jira. Humna waraana wayyaanee keessatti ilmaan oromoo fi poolisoonni Oromiyaa kanneen uummata bira dhaabbachuu murteessaa jiran qophii barbaachisu gochaa dhaamsas waliif dhaamaa jiru gara tarkaanfii dhumaatti seenuuf.
Akkuma arginu oromiyaa guutuu keeesaatti ajjechaan suukkanneessan humna agaaziin itti fufeetu jira.
Gurraandhala 21,2016 Goototi Oromoo Ganda Aradaano Shifaa Naannoo Shaashamannee Bifa Kanaan FXG Finiinsaa Oolan.
Aside


Aside
Guraandhala 21/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabachuun itti fufe
Uummatni Oromoo qabsoon hanga bilisummaati jechuun tokkummaa diinaa isaa dura dhaabbatee mirga isaaf falmachuu itti fufe jira. Yeroo ammaa kana ummatni Aanaa Meettaa Roobii waajjira OPDO Aanaa cabsanii seenuun barbadeessaa jiru. Uummatni Oromoo sirna EPRDF fi ergamtuu sirnichaa OPDO jalatti hin bullu jechuun qabsoo isaa finiinsee sirna OPDO ergamtuu wayyaanee fi waajjiroota sirna kanaa bakka hundatti barbadeessuun alaabaa sirna abbaa irree kanas gubuun alaabaa bilisummaa Oromoo alaabaa ABO bakka hundatti Oromiyaa keessatti
dhaabbachaa jiraachuun ibsame .
Saawwii dhaluuf dorrobde, kunuunsaa fi tika addaa barbaaddi: Haala qabsoo bilisummaa Oromiyaa yeroo ammaa fi wanneen ta’uu qaban.
Aside
Leelloo Sabaatiin
Qabsoon bilisummaa Oromiyaa, Adda Bilisummaa Oromootiin(ABO) hoogganamu, sa’a irraa sa’atti, guyyaa irraa guyyaatti, ji’a irraa ji’atti, akkasumas, waggaa irraa waggaatti, gabbataa, cimaa fi babal’achaa deemee ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa qabsoof hiriirsee yeroo kamuu calaatti amma, finiinee shaffeessaan gara galma bilisummaatti fiigaa jira.Egereen, hawwiin, abdii fi akeeki ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo kamuu caalaa amma, ifee mul’atee abdachiisaa ta’ee jira. Hawwiin, abdiin, akeekii fi fedhiin ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon hundi mootummaa bilisa kan mataa isaanii dhaabbachuuf baroota dheeraaf wareegama qaqqaalii itti baasan, shakkii tokko malee bakka gahuuf akka deemu yeroo kamuu caalaatti amma ifatti beekameera. Bilisummaan ummattoota kanaa, “yoo osoo hin taane, yoom” kan jedhutti tarkaanfatee jira.Walumaagalatti, qabsoo ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon baroota dheeraaf osoo wal irraa kutini fi hin nuffin geggeessaa jiran, yeroo kamuu caalaatti amma, bilisummaa dhaluuf dorrobee jira.
Sadarkaa duraan argamee fi dhagahamee hin beeknetti, qabsoon ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo ammaa kana, humna siyaasaa fi waraanaa cimaa ta’ee guyyaa ummattooti kun :bilisummaa, dimookraasii, nagaa, badhaadhina fi gammachuu itti argatan shaffeessaan gabaabsaa jira. Haa ta’u malee gama birootiin, mootummaa Wayyaanee/Ixoophiyaa, dhaaboti siyaasaa Amaraa biyya keessaa fi ala jiran, dhaabota Oromoo ergamtuu Amahaaraa ta’an (OPDO Amahaaraa) fi mootummooti Ameerikaa fi Awurooppaa, ummattoota kana: lafa isaa irraa buqiisanii saamaa ,ergachaa, hojjisiifachaa, dafqaa fi humna isaatiin duroomaa fi gabaatti baasanii gurgurachaa turan, sochii ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa shaffeessaan gara bilisummaatti gegeessaa jiran duratti gufuu darabuun karaa irraa maqsanii umurii aangoo mootummaa bulguu fi nama nyaataa Ixoophiyaa/wayyaanee/Habashaa, ummattoota cunqurfamoo kana irratti dheeressuuf shiroota haaraa fi kaardii dullacha awwaala keessaa baasanii dhimma itti bahuuf ogguu isaan dhidhiitatan arguutti jirra.
