Haala FXG Guraandhala 20/2016 Oolmaa‏

Aside

FXG Guraandhala 20/2016
1. Godina Baaleetti-Aanaa Gasaraa, aanaa Ginniir (gandoota Doodoo, Odaa roobaa, Hariiroo, Dooyyoo, Hara, Eel-tokkee fi Duksii) guyyaa kana gara galgalaatti daandiiwwan keessoo deemsisan uummataan cufamanii dhaadannoo fi alaabaa ABO manneen barnootaatti fannifamee jira. Godina Baaleetti FXG hanga baadiyaatti kan itti fufaa jiruudha.Garuu meeshan amma uummata Oromo irratti dhukaasuuf konkolataadhaan fe’amee uummata keessa galaa jiru baayee guddadha.
2. Godina Gujiitti-Lafti kanaan dura abbaa qabeenya wayyaanee kan tahe Allaamuddiiniin saamame uumatni deeffatee hirmaataa jira. Deemsi fi murannoon kun torbee kana keessa shaggar kaabaa Sululaatti eegale. Qabeenyaan oromoo fi lafti oromoo saamame yoomiyyuu uummata Oromoof ni deebi’a jaallatani osoo hin taanee diddaa uumataatin. FXG har’a Gujiitti eegaleen lafti saamame uummanni gamtaan deffareera. Qabeenyaa
socho’aa diinaa fi ergamaa diinaa irratti tarkaanfiin achumatti fudhatamaa jira.
3. Godina lixa wallaggaa fi wallagga bahaa daangaa godinoota lamaanii kanatti WBOn seene kan jedhamuun wayyaaneen raafama guddaa fi jabaa keessa seentee jirti. Daandiin guddaan magaala Gimbii irraa gara Naqamtee geessu cufamee humni diinaa karaa itti darbu dhabee ofirra deebi’eera. Humni WBO dhufee uummata keessa walakkeessa Gimbii fi Naqamteetti argame jechuunis waraanni shawaa lixa irra jiru gara sanatti guuramaa jira.
4. Harargee Bahaa –Baaddannoon toohannoo uummataa fi Qeerroo jala jirti. OPDO fi kaabinoonni aanaa Baddanno keessa godaanani humna wayyaanee waammataa jiru. Booranaa fi Arsiin akkuma jirutti alaabaa isaa bakka hedduutti fannifatee bulchiinsa Wayyaanees diigee ofiin of bulchuu irratti argama.konkolaataan waraana fe’atee gara Arsii lixaatti duulaa jiru guyyaadhaa guyyaatti lakkoofsaan dabalaa dhufeera.
5. Godina shawaa lixaatti akkuma beekamu injifannoo gurguddaan argamanillee miidhaan uummata irra gahaa jiru daran jabaataadha.
Uummanni oromoo ammallee hin baane wal kukkutee bahaa jira. Humni uummataa kaan daandi cufuu kaan tarkaanfii qabeenyaa diinaa irratti
fudhatuu fi kaan ammoo FXGtti hirmaataa jira. Dhukaasni ummata irratti dhuka’uun FXG kana hin dhaabne jabeessaa jira.
6. Qellem wallaggaa aanaalee garagaraa kaleessas kan xuqne FXG baadiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Kaleessa magaala Naqamtee
irratti poolisoota oromiyaa fi waraana agaazii gidduutti dhukaasni tureera poolisiin oromiyaa gara uummataa dhaabbatee ture. Bifuma kanaan har’a Qellem Gaa’oo Qeebbee fi Gabaa Arbii bakka jedhamutti wal irratti dhukaasuu isaanii Qeerroon kan gabaaseedha. Gara poolisii Oromiyaa keessa namootni sadii tahan kan mada’aan yoo tahu miidhaan jabaan kan hin qaqqabne Qeerroon gabaase.

FXG kun yeroo dhiyoo keessatti gara xumura wayyaaneetti kan geessuudha.wareegamni qaaliin osoo raawwatamaa jiru cichoominaan
qabsoo kanatti galii gochun muranoo fi jabina caasaa qabnuu gaafata.
Itti fufa!

Guraandhala 19-20/2016 Godina Lixa Oromiyaatti FXG’n Jabaachuun Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti halkan edaa galgala irraa kaasee mormiin uummataa halkan guutuu gagaalitti raasaa kan bule yoo ta’uun ibsame.‏

Aside

Guraandhala 19-20/2016 Godina Lixa Oromiyaatti FXG’n Jabaachuun Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti halkan edaa galgala irraa
kaasee mormiin uummataa halkan guutuu gagaalitti raasaa kan bule yoo ta’uun ibsame.
Waraana Wayyaanee guddaan magaalaa Naqamtee keessa qubatee jiruun Sagaleen dhukaasaa utuu Wal irraa utuu hin citiin Uummatarratti
dhukaafamaa kan tureen Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Magaalaa Naqamtee fi jiraattoota Magaalaa Naqamtee shoroorkeessaa kan bule
ta’uun mIrkanaa’ee jira. Wayyaaneen Uummata Oromoo sodaachisuuf Waraana Guddaa Magaalaa Naqamtee irra qubachiisuun uummata Oromoo
dhukaaftee Madeessaa fi Ajjeesaa kan bulte ta’uun hubatame jira.
Dhuukaasni Magaalaa Naqemtee keessatti halkan edaa dhageesifama bule duubdeebii dhukaasaa illee kan qabu ta’uun mirkanaa’ee jira. Waraanna
Wayyaanee keressaas loltootni Hedduun madeeffamuun hospital Naqemtee galanii kan jiran ta’uutu ibsama jira. Ilmaan Oromoo halkan Edaa
Magaalaa Naqemtee keessatti madeeffaman lakkoofsaan hedduu ta’uun yeroo amma hospitaalaa Naqamtee namoonni hedduun akka ciisaanii yaalaa gahaa illee dhaaba jiran ibsame, namoota kaleessa galgala waraana wayyaaneetiin rukutamanii madeeffaman keessatti barsiisotni
Yuunibarsiitii Wallaggaa kan argaman ta’uun Barsiisaa Geetinet Taaddaa kan jedhamuu Barsiisaa Engineering Yuunibarsiitii wallaggaa dabalatee namoonni nagaan hedduun utuu galgala daandii irraa gara mana galmaa isaaniitti adeemanii rasaasaan wayyaaneen reebaa kan turte ta’uu madden keenya ibsa jiru maqaa namoota madeeffamanii fi wareegama hundaa jala bu’uun kan isiniif gabaafnu ta’a.

SBO Gurraandhala 21,2016. Oduu, Gabaasa FXG Oromiyaa, FXG Oromiyaa keessaa belbelaa jiruu irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Jabeessaa Lammii kutaa xumuraa fi dhaggeeffatamuu kan qabu akkasumas gabaasa hiriira nagaa hawaasa Oromoo Afrikaa Kibbaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 19,2016/ Gabaasa FXG Oromiyaa Guutuu fi Shira Wayyaaneen wixinachaa jirtu ilaalchisee gabaasa qaba.

Aside