Gurandala 4,2016 FXG godina Booraana fi Gujii keessatti Har’a Guraandhala 4/2016 mormii Albuuda qabeenyaa oromiyaa saamamaa jiruu fi FXG oromiyaa keessatti
dhaabbatummaan itti fufee jiru sirna wal harkaa fuudhinsa Fincilaatiin Qeerroon godinaalee lamaan kanatti jabaassuun yeroo ammaa adda duree
tahee argamaa jira.
Addatti fXG Bulee Horaatti gaggaaffaa ooleen uummanni magaalicha guutummaatti baadiyaa keessaa fottoqee bahee jira. kumaatama
guddaadhaan kan lakkaawamu daandii bakka 8 olitti cufuudhaan FXG finiinsaa oolera. Kun gabaasa godina Booranaa irraa nu qaqqabe yoommu
tahu oromiyaa gara lixaa
– Shawaa lixaa
– Wallagga bahaa fi
– Shawaa kibba lixaatti kan wal irraa hin cinneen har’as yeroo dhumaaf FXG itti fufeera.
Shawaa lixaa Gindabarat, akkuma duraatti itti fufuun shawaan kibba lixaa Wallisoon akkuma duraan maanguddodhaan of bulchaa jiranitti
qabsoon keenya hanga oromiyaan bilisoomtutti kan jedhamun FXG kana fiixaan baasuuf haaressanii itti fufaniiru.
– Oromoon ka’ee Bilisummaa isaaa haa mirkaneessu
– Lafti saamame galuuf ka’eera ka’ii fiixaan baafadhu
– Qeerroon Bilisummaa ka’I uummatakee kaasi
– Wayyaaneen biyyaaf hin dhaabbanne lammisheef lafa oromoo saamtee kennaa jirti yeroon ka’ii dura dhaabbadhu
– WBOtu nutty urgaa’e
– Abbaan keenya ABOn yoom nuuuf galaa? Yoom nuuf dhufaa? Jechuun dhaadannowwan kunneen magaala Wallisoo fi Jalduu keessatti
har’a dargaggootaan dhageessifamaa ooleera. FXG isa xumura gabrummaatiin bifa jijjiiirratee itti fufeera.
