Gurraandala 1,2016 Godina Shaggar Aanaa Abuunaa Gindebert Keessatti Hojjettooti Mootummaa Hojii Gadhiisanii Gara Finfinneetti Godaanaa Jiru. Milishoonnis Meeshaa Lafa Kaayanii Uummatatti Makamaa Jiru
Ammajjii gaafa 26,2016 irraa eegalee hojjettooti mootummaa dhalootaan ilmaan Oromoo kanneen ta’an hojii aanaa irraa hojjetan hojii idilee isaanii gadhiisuun naannoo aanaa Abuunaa Gindebrat dhiisanii gara Finfinneetti godaananii jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Gandoonni aanaa Abuunaa Gindebert irra jiranis dura ta’aa fi tokko Shanee fi kanneen kaan hojii fi dirqama Wayyaanee lagachuun meeshaa isaanii lafa kaayuun qabsoo uummataatti dabalamaa jiru.