Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 16 September 2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Labsii Diigumsa Manneen Jireenya Ummataa Irratti Baase Balaaleffachuuf Jecha  Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejeree Keessatti Ummatni Mormiin Kaase.

Aside

diddaa9Fulbaana 17,2015 Duullii kanfaltii tokko malee manneen jireenyaa ummata Oromoo magaalaalaalee Oromiyaa keessatti akka gaggeeffamuun abbaan irree labsii godhe Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejereetti uummatni mormii guddaan dura dhaabbatan. Uummatni Oromoo magaalaa Ejeree mana galmaa keenya keessa baafamnee manni wayita nurratti diigamu eessa isiniif dhaqna, qe’ee keenya irratti wareegamna malee manni keenyaa nurratti hin diigamu jechuun mormii guddaan jala dhaabbachuu fi of irraa ittisaa jiraachuu ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF Manneen jireenyaa Ummataa Oromoo magaalaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman kanfaltii tokko malee mana galmaa isan keessa jiraatan irratti diiguuf murtii maatummaa naannoo Oromiyaa fi godinaaleetti qajeelfama dabarsuun ergamtootni Wayyaanees ergama diinummaa gooftolii isaaniin itti kenname hojii irra olchuuf mana galmaa Uummataa diiguuf murteeffatan.
Yaakki diigumsa manneen jireenyaa kanfaltii tokko malee gaggeeffama jiru kun uummatni qe’ee isaa irratti wareegama kamuu kanfalee akka dura dhaabbatu isa dirqee jira. Haala kanaan yakka Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejereetti uummata irratti aggaamame kanas uummatni Oromoo gamtaan dura dhaabbachuun of irraa ittisaa jiraachuu fi kanneen mana galmaa keenyaa diiguuf adeemaan diina keenya jechuun
FDG irratti kaachisaa jiraachuu maddeen Qeerroo bilisummaa Oromoo godina Salaalee gabaasan.

Beeksisa Filmii ” IMIMMAAN BAQATAA”

Video

Fiilmiin Oromoo “Himmimmaan Baqataa” jedhu qabiyyeen aja’ibsiisaa kan ta’ee fi seenaa fi dhaamsi inni dabarsu sadarkaa guddaatti kan ilaalamu waan ta’eef Ummanni Oromoo fiilmii taatoti ilmaam Oromoo hedduun irratti hirmaatan kana yeroo gabaabaa keessatti gabaa irra waan ooluuf akka bittattan haa ta’u.

” Tabbiis Irraa Gadee dha” Wallee Haaraa Artist Fiixee Tasfaayee Dheeressaa

Aside

Gopetition: Oromo people call on the BBC to Start an Afaan Oromo Radio Program

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Fulbaana 15 2015

Aside

Bulchiinsii Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Argamu Manneen Jiraattoota Magaalota Godinichaa Kaffaltii Tokko Malee Jiraattota Humnaan Buqisuun Diiguuf Murteesse.

Aside

Fulbaana 15,2015 Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo

Asko_AREA_May022014Fulbaana 15,2015 Bulchiinsii Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti argamu Qajeelfama aangawoota wayyaanee EPRDF irra dabarfameefiitti Fayyadamuun Manneen jiraattoota Magaalota Godinichaa kanfaltii tokko malee diiguuf murtii dabarse.
Diigumsii manneen magaalaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture, Godina lixa Shaggar Magaalaa Ambootti diddaa uummataan sodaatamaa kan ture, bifa haaraan mootummaan wayyaanee sadarkaa naannoo Oromiyaatti humnaan akka diigamuuf murtii irra erga ga’ee booda karaa bulchiinsa godinaatin murtiin kunis akka uummata irratti dabarfamu ta’ee jira, uummatni Oromoo magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa wareegamaa barbaachisu kanfalla malee manni galmaa fi humna keenyaaf qabeenya keenyaan ijaarrannee murtii bulchiinsa shororkeessa Wayyaaneen hin diigamu jechuun mormii sirna wayyaaneef qabu argisiisuufii fi qe’ee isaa irrattii tarkaanfii of irraa ittisuu fudhachuuf akka jiru ifa gochaa jira.
Haalli diigumsa manneen jireenyaa ummata magaalaa kun kanfaltii tokko malee Oromiyaa keessattuu godinaalee dhiha Oromiyaa kanneen akka Neqemtee, Gimbii, Kibba Lixa Shaggar Walisoo, Jimmaa fi Mattuu,keessatti adeemsifamaa jiraachuun walqabatee uummaatni sadarkaa dahoo dhabee jiruuf jireenyaan dararamuu irra ga’aa jiraachuun ibsamera. Bulchiinsi Mootummaa wayyaanee kaartaa plaanii hin qabdan maqaa jedhu akka sababaatti kaasuun uummata waggaa dheeraa qe’ee isaa irraa jiraachaa turee fi qaala’insa jireenyan dararama jiru irratti mana galmaa isaanii diiguun jibbinsaa, roorroo fi ilaalcha mootummaan gorboomsaa fi abbaan irree wayyaanee Oromoof qabu kan calaqqisiisuudha waan ta’eef uummatni Oromoo wareegama qaalii fedhe kanfaluun diddaan dura dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira.

Ministeerri Barnootaa Impaayera Toopiyaa Walgahii Maqaa Jedhuun Barsiisotaaf Barattoota Afaan Faajjessaa Jira.

Aside

Fulbaana 15,2015

1-alaabaa-oro-01ALH fulbaana 3-9 itti barsiisota sadarkaa barnoota dhaabbilee ol aanoo hanga oolmaa daa’immanii jiraniif leenjii kennamu akka lakkoofsa gi’iiziitti hanga sadiitti kan itti fufu yeroo ta’u,wal tajjiin leenjii kun barattoota guutuu impaayerichaaf gaafa kudhanii hanga kudha saddeetiitti akka ta’us ibsamee jira.
Keessumaa naannoo oromiyaatti leenjii keennamaa jiru kun waan maastersiidhakaa pilaanii finfinnee amansiisuufi FDG barattootaan Oromiyaa keessatti adeemsifamu dhaamsuuf barsiisoti ga’ee isaanii ba’uu akka ta’es ibsameera.
Dabalataanis filmaata sobaa impaayerichatti adeemsifameen booda callisi sabaafi sablammoota impaayerattii wayyaanee waan yaaddesseef hubii olaantummaasaanii laadhachuuf ta’uunis beekameera.
Booqaa birraa irrattis ayyaana irreessaa guutuu oromiyaatti kabajamurratti walleelee warraaksa akka hin dhageessisamneef fakkeenyummaa qabaachuu qabdu jechuun wayyaaneen gorsa addaa akka kennaa jiruufi ayyaana irreessaa keessa harka galfatuuf yaalaa jirtus beekameera.

Gama biraan Qeerroon Bilisummaa Oromoo kanneen boqonnaa yeroo gannaa irraa manneen barnootaatti deebi’an gochaa wayyaanee fi baaraga siyaasaa Wayyaaneen keessa jirtuuf akka hin sarminee fi gaaffiin mirgaa uummata Oromoo akka itti fufu ibsanii jiru.

SBO Fulbaana 16,2015. Oduu, Tumsa SBO Oslootti Qophaa’aa Jiru Irratti Gaaffii Fi Deebii Jaal Dhugaasaa Namee Waliin, Akkasumas Gabaasa Oduu Fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Walii Galaa Fulbaana 12 2015

Aside