Gabaasa Qeerroo Jimmaa Fulbaana 24,2014
Fulbaana 24,2015 Godina Jimmaa Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni Barattootni Oromoo gara mooraatti deebi’aa jiraachuun walqabatee sakkatta’insi guddaan barattoota irratti godhamaa jiraachuu fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Poolisootaa federaalaan eegamaa jira.
Mootummaan wayyaanee akkuma karooraa isaa walga’ii barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota guyyaa boruu fulbaana 25,2015 irraa eegaluun bakkootaa hedduutti gaggeessuuf kan jiruu yoo ta’uu barruulee warraaqsaa Qeerroon goototni barattootni Oromoo kabajamuu mirga abbaa biyyummaa fi mormii ‘’master pLan Finfinnee’’ kan of irraa qabu barruulee warraaqsaa facaasuu erga eegalanii boodaa mootummaan wayyaanee soda guddaa barattootni narratti FDG kaachisuuf jiruu, barruulee warraaqsaa kana qabatanii socho’aa jiru maqaa jedhuun sakkatta’insa hin jirree barattoota reefuu mooraa seenaa jiran irratti jabeessuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mootummaan Wayyaanee sochii maqaa Master plan Finfinnee jedhuu fi diigumsa
seeraan alaa mana jireenyaa uummataa irratti rawwachaa jiruu fi gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatuuf deebii yoo hin kennu ta’ee
FDG guddaa kan wareegama qaalii qabuun wayyaanee aangoo irraa maqsuuf qophii ta’uu fi uummatni Oromoo kallattii hundaan duula FDG akka
irratti gaggeessuu dhaamsa dabarsan. Mootummaan Wayyaanee fi Dabballootni mootummaa wayyaanee Yuunibarsiitiin Jimmaa kan ABOti
ABOtu miseensotaa fi dabballoota isaa keessatti Omishee jira jechuun Yuunivarsiitii Jimmatti dhaadachaa jiraachuun saaxilame.