Wallagga Magalaa Naqamtee Keessatti Leejii Barsiisotaa Jedhamee Mootummaa TPLFn Kennamaa Jiru Irratti Gaaffiilee Jajjaboo Barsiisota Irraa Ka’een Dura Dhaabatnaan Mudate.

Fulbaana 27,2015 Naqamte

DIDDAA 2Leenjiilee barsiisootaa jedhchuun yeroo ammaa dabballooti Wayyaanee godina hunda keessatti barsiisaa jiran milkooma dhabuun dura dhaabatnaan mudataa jira,haalli kun itti fufuun godina Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti leenjii siyaasaa ta’e irratti barsiisoti gaaffii kaasanii dabballoota Wayyaanee ittiin joonjessan keessaa hammi tokko akka armaa gadiiti.

  1.  Oromookeessa beekaa fi dandeetti kan qaban danachuudhaan garuu hanqina maaliif Oromoo keessaa ministeera muummee tahuu hin dandeenyee?
  2. Dhimmoota misoomaatiin wal qabatee mootummoonni naannoo biraa kan akka Tigraayii fi Amaaraa naannoo isaanii gama kamittuu guddisaa jiru keenya garuu Oromiyaan misoomaan gadi jette male guddachaa hin jirtu aangawoonni oromoo maqaa fi garaadhaaf dhaabbatanii jiru.
  3. Master Pilaaniin deddebii’ee kan ka’u murtoon tokkko kan itti hin kennamin sababiin isaa fi kaayyoon isaa maaliifii?
  4. Bakki hundeeffama OPDO maaliif jijjiramee? Dura Darraa jedhame amma garuu maaliif Adet jedhamee?
  5. Uummataaf kan falamuu fi jijjirama har’aaf sababa kan tahe ABOn maaliif maqaa dhiphummaa fi balaaleffatamaa?
  6. Filannoo uummanni keenya dhibbaa dhibba nu filate jedhamee labsame amma ammo uummanni maqaama filannootiin nun fille jechuudhaan mana hidhaatti guuramaa jira. ??
  7. Dhaabbanni Maccaa fi Tuulaamaa maaliif hin deebi’u? Amma eessa jiraa?
  8. Kan nu barsiisaa jirtan garuu seenaadhaan wal qabatee kan Uummata Oromootimoo kan dhaabbata OPDOtii?
  9. Qoodni fi gaheen ABOn kufaatii mootummaa dargii keessatti hin qabu turee mee kan beektan irraa?
  10. Dhimma biyyaaf jettanii kanumaayyuu guddina biyyaa odeesitu leenjii kana irratti maaliif aballiin nuuf hin kennamuu?
  11. Balaaleffannaa ABO malee bu’aan ABOn buuse takkaa hin ka’u qabsoo har’aa asiin gahame keessatti ABOnis qooda olaanaa kufaatii dargii keessatti taphateera olola malee maalii gaarummaan isaa hin ka’uu?
  12. Rakkoon gurguddaan har’aa Loogii, Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii wal qabatee dhimmi MPs rakkina jabaa uummata oromootti fidaa jiru kun utuu jiruu maaliif seenaan darban ka’aa?
  13. Dhaabbileen Ummata oromootiif dhaabbatan 5nan OPDO waliin walii galee maaliif hojjechuu hin dandeenyee?
  14. Wanneen irratti mariyataman hedduun jiru garuu maaliif sirnoota darban irratti mariyachuun barbaachisee? Addi Bilisummaa Oromoo maaliif dhaaba maseenaadha jedhamee waamamee? Sababiin kana moggaasuu kun eessa irraa ka’ee?
  15. Galiin Oromiyaa irraa galu hunduu kan karaa darbu irraa kan hafe hammamtu oromiyaaf faayidaa kennaa jiraa?
  16. Sababiin fayadamaa fi barreeffama Qubee Afaan Oromoo qabsoo ABOn taasiseedhaanimoo OPDOdhaanii?
  17. OPDOn gaaffi mirgaa uummanni oromoo gaafatuuf deebii haqaa kennaa jiraa?
  18. Ibsaan biyya keenya sirnaan osoo hin tajaajilin maaliif biyya biraa deemee tajaajila kennaa? Maaliif gurguramaa?
  19. Fonqolcha sirna Dargii keessatti ABOn qabsoo waggaa tokko keessatti gaggeesse qabsoo ofii godhachuun bu’aa tokko osoo hin buusin OPDOn ABO
    irratti maaliif olola banaa?
  20. Gaaffiileen mirgaa barattootii fi hojjettooti dhaabbilee barnootaa fi iddoo garagaraatti ka’u ABOtti maaliif naanneeffamee jeequmsa jedhamaa?
  21. Uummata Oromoof qabsoo taasisaa kan ture haalamee har’a farra misoomaan kan waamamu maaliif ABO jedhamee?
  22. Uummata Oromootiif kan qabsaa’u TOKKUMMAA FI GARAAGARUMMAAN isaa maalidhaa?
  23. Beekamtii OPDOn oromoo yeroo dheeraa qabsoo irra turaniif kennu maaliidhaa?
  24.  Kira sassaabdummaa fi loogii balleessuu jettanii odeessitu kun garuu kan badaa jiru osoo hin taanee kan dabalaa jirudha.
  25. Keeyyanti 39 hojii irra erga hin oollee maaliif hin ka’uu? Hin haqamuu?
  26. Gaaffii barattootni kaasaniif deebiin humna waraanaa poolisii federaala irraa guuruun itti bobbaasuu tahe kun akkamiin ilaalamaa jiraa?
  27. Afaan Oromoo afaan hojii, afaan federaalaa akka hin taane maaltu dhorkee?

1 thought on “Wallagga Magalaa Naqamtee Keessatti Leejii Barsiisotaa Jedhamee Mootummaa TPLFn Kennamaa Jiru Irratti Gaaffiilee Jajjaboo Barsiisota Irraa Ka’een Dura Dhaabatnaan Mudate.

  1. Not only asking questions, they have to answer our questions.
    OPDOs they have to ask their masters the(TPLF) these questions
    If OPDOs stand for the Oromoo people, when the TPLF agazi forces killed many Oromos in Ambo, Jimmaa, Walaggaa and other places, why they didn’t defend our brothers and systers?

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s