Barsiisotni Oromoo 8tti Koolleejjii Teekinikaa fi Ogummaa Naqamtee Irraa Oromummaan Yakkamuun Hidhatti darbaman. Waraanni Wayyaanees Hedduminaan Naannoo Naqamtee Qubatee Uummata Nagaa Goolaa Jira.

Waxabajjii 26,2015 Naqamte

oromo in ethio  ‘’Waraabessii waan halkan godhee waan beekuuf guyyaa hin adeemu’’ jedhama mitiree mootummaan Wayyaanee yakkaa garaa jabeenyaan guutamee fi diinummaa guddaa uummata Oromoo irraa qabu kan argisiisuun uummata Oromoo jumlaan ajjeesaa , mirga abbaa biyyummaa mulqee angoo dhabsiisee Oromoo jumlaan hidhee yakka daangaa hin qabne waan raawwachaa jiruuf sochii diddaa uummata Oromoo fi FDG yeroo irraa gara yerootti Qeerroon gaggeessa jiruu irraa of shakkee halkanii guyyaa waraanaa of harkaa qabutti dhimma ba’uun uummata doorsisuun guyyuu sochii uummataa barraagaa kan jiruu yeroo amma kanatti diddaa uummataa jabaachaa jiruu fi uummaata Oromoo ariin guutamee jiruu irraa sodaan guddaan waan isaa qabeef humna waraanaa isaa hedduminaan magaalaa Naqamtee irra qubsisuun daandiiwwaan magaalaa Naqamteetti seensisuu kallattiiwwaan hundaan sakkatta’insaa seeraan alaan uummataa goolaa kan jiruu fi ofiif illee sodatee raafamaa jiraachuun hubatamera. Daandii konkolaataa irratti uummataa daandii adeemuu fi konkolaataa dhaabee sakkatta’uun FDG hambisuu fi sochii warraaqsaa FDG haala kamiinuu dhaabuu akka hin dandeenyee Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisee jira.

Kana malees mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu wallaaluudhaan barsiisota Oromoo koolleejjii Teekinikaa fi Ogummaa Magaalaa Naqamtee irraa barsiisaan 8tti Oromummaan yakkuun mana hidhatti darbuun ibsame jira. Barsiisota Oromoo nagaa hidhaman keessa gariin:-

  1. Barsiisaa Ayyaanaa Qaabataa
  2. Barsiisaa Bayyanaa Sanyii
  3. Barsiisaa Dassaalee Bayyanaa kanneen keessatti argaman dabalatee barsiisotni 8badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu madden keenya Magaalaa Neqemtee irraa gabaasan, kanneen maqaan isaanii nu hin geenyee adda baasnee kan isiniif erginu ta’uu ni beeksifna.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s