Finfinne Keessa Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) Rakkoon Geejjibaa Uumameen Uummanni Gaaffii Kaase

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Irraa. Waxabajii 24,2015
kr

Waddeessa(Naannoo Piyaassaa)

Mootummaan Wayyaanee gama tokkoon filannoo diimokiraasiidhaan gaggeeffame darbine, ni injifanne jedhee aangootti fufuun durumayyuu kan hubateef mootummaan Wayyaanee filannoodhaan aangoo akka hin gadhiisne hubachuun kan ture, kijibaan aangoo itti fufuun uumanni Oromoo Oromiyaa keessa jiru FDG qabsiisee kan jiru tahuun waan hubataa dha. Kanumatti aansuudhaan ammoo guyyaa har’aa Finfinnee keessatti tajaajilli geejjiba dhaabbate. Sochiin bakkaa bakkaa uummanni ittin socho’u geejjibni tajaajila dhaabuu fi baayinni uummata bakka toora tax eeggatanitti dabalameen gaaffiin ka’e. pooliin Wayyaanee rakkoodhuma karaa mootummaan uummata mudataa jiru osoo arguu uummata dhaanuuf bakka uummanni dhaabbatee geejjiba eeggatutti humna poolisii bobbaase.

kr

Yaa’ii Gooroo

Finfinne keessatti Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) rakkoon geejjibaa uumameen uummanni gaaffii kaase. Diddaa uummataa tasgabbeessuuf humni poolisaa uummata gidduutti argameen uummatnis dhagaa irratti reebuun galgala poolisii Wayyaanee ariyan.
Dargaggootni Oromoos walitti qabamuudhaan mootummaan Wayyaanee diktaatariidha, sirna abbaa irree dha. Wayyaaneen nu bulchuun nugahe, gaaffiin uumata Oromoo gaaffii mirgaati, Oromiyaan kan Oromooti, bilisummaan oromiyaaf haatahu, kan hidhaman nuuf haa gadhiifaman, jechuudhaan dargaggootni eessaa fi kallattii kamii dhufuun kan hin beekamnes galgala kana walitti qabamuudhaan poolisoota afaan qabachiisan. Uummanni hangi geejjiba eeggatus tuffii fi arrabsoo jabaadhaan mootummaa fi jalee wayyaanee xiqqeessuudhaan dargaggoota Oromoo waliin dhaadatan.

1 thought on “Finfinne Keessa Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) Rakkoon Geejjibaa Uumameen Uummanni Gaaffii Kaase

  1. bakkoota akka Finfinnee keessatti dhaadannoon nuti dhageessinu osoo waan nama hundumaa itti hirmaachisu ta’ee gaarii hinta’u? fakkeenyaaf dhimma sagalee hatamefi dhimma qaalainsaa jireenyaafaa kan fakkaatanitti dhimma bahuun warra Oromoo ala jiran biraa tumsa argachuun ni danda’ama. Yoo waa’ee bilisummaa oromoo fi Oromiyaa ka’u warri kaan rifachuu danda’u; Wayyaaneenis gargar qoodiinsaaf dhimma itti bahuu dandeessi waan ta’eef. Mee kanarratti kan garaa garaa kaayatnii kallattiin wayii qeerroota keenyaaf osoo darbee hinwayyu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s