Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Amajjii 2, 2015
Aside
Amajjii 02,2015 Adaaamaa
Waggaa Haaraa fi kabajaa guyyaa WBO sababeeffachuun dargaggootni hegeree boruu magaala Adaamaa keessatti haala hoo’aa tahee fi seena qabeessa taheen guyyaa WBO kabajatanii olan.
Kabajaan guyyaa kanaa eegala irratti yaadannoo sammuu daqiiqaa 5f taasifnnee jirra jaallan qabsoo bilisummaatif jecha maatii fi qe’ee isaanii gatanii qorraa fi aduu otoo hin jenne qabsoo bilisummaa otoo gaggeessan lubbuun dabartee fi Qeerrowwan barattoota Oromoo sodaa tokko malee harka qull’aa moottummaa gabroomsaa dura dhaabbachuun gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuun otoo socho’an lubbuu isaanii wareega taasisan yaadachuun sagantaa eegalan, itti aansuun ,marii adeemsa QBO irraatti akkasumas farreen qabsoo ta’an irratti fi furmaata isaa waliin marii sa’aa dheeraa taasifmuu gabaasi qeerroo Adaamaa nu gahe addeessa ijoon mariin irratti xiyyeefatame keessaa kanneen armaa gadiiti,
Jarmayaan “Dhaabbata Deggersa Qeerroo Idil-aduunyaa- International Qeerroo (Youth) Support Group dhabbatuu isaa fi seeraan galmaawee akka socho’u beeksisa bahe yeroo arginu gammachuu guddan nutti dhagahame.
Akeeka eebbifamaa jarmyaa kanaa Oromootni biyya alaa fi keessaa akka cinaa dhaabbatanii fi irratti gargaartan waamicha keenya isiniif dabarsina.
Ummanni Oromoo miga dhalanamaa fi saba cunqurfamaa Oromoof jecha deggersa dandeessan kannaa jirtan martuu waliin hojjatnee waliin rakkina akka sabatti qabnu keessaa akka baanu waamicha keenya.
Dargaggoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo jarmyaa akeeka eebbifamaa Deeggarsa Qeerroo Idil-addunyaa gadi dhaabdan hojii irratti milkii cululuqaa waliif hawwina. Qeeroon akeeka keessan milkaawuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwatu gamanumaa mirkaneessina.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa dha!
Qeerroo Bilisummaa
Finfinnee
Amajjii 01,2015
“Dhaabbata Deeggarsa Qeerroo Idil-aduunyaa” biyyaa Amerikaa Magaalaa Guddoo Washington DC keessatti seeraan bu’aa fi siyaasaa irraa walaba ta’uun hundaa’ee hojii eegaluuf haal-duree xumuree jiraachuu isaa gammachuun isiniif ibsina. Kaayyoo hundeeffama isaa qabatnee uummata Oromoo fi deeggartoota kaayyoo kanaa kan taatan mara yeroo dhihoo keessatti isin bira waan geenyuuf qophiidhaan akka nu eegdan kabajaan isin beeksifna.
Koree qindeesituu irraa
ANNOUNCEMENT
This is to inform you that the “International Qeerroo (youth) Support Group” has officially established in Washington DC, USA as nonprofit and nonpolitical organization and completed preparations to reach out to you. The founders kindly request all Oromo people and the supporters of the purpose of the organization to work with them.
The organizing committee