Filannoon Dharaa Mirgaa fi Bilisummaa Hin Fidu, Jechuun Daraggoonni Adaamaa Kardii Filannoo Lagatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Amajjii 16,2015

Qeerroo vivaFilannoon baranaa uleedhan fudhatamuuf jira jedhu jiraattonni magaalaa Adaamaa fi naannawa ishee tokko tokko akkuma beekkamu filannoo bara kana adeemsifamuuf mootummaan Wayyaanee lafa jala yaalii akka hin moo’amneef olola garagaraa magaalaa hanga baadiyyaatti taasisaa jira.

Yeroo kana immoo ummanni kaardii filannoo akka fudhatuuf dirqamaan mana manarra deemee fudhachiisaa jira achumaan duula na filadhaa jedhus taasisaa jira.Sababuma kanaan dargagootni naannawa magaala Adaamaa kaardiin keessan mirga ykn bilisummaa nuuf hin fidu kaardii kijibaa hin fudhannu jechuun didan ,ergamtoonni mootummaa wayyaanes dargaggoota kaardii fudhachuu didan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun ganda keessatti doorsisaa sodaachisaa akka ummanni kaardii dirqiin fudhatu taasisaa jiratan illee dargaggoonni lagataa jiraachuu Qeerroo gabaase. Ummannis sodaachisuu fi doorisaan kaardii mootummaan nutti hiru mirga dimokoraasii fi bilisummaa sabaa waliin waan wal hin ilaalleef gochaa abbaa irrummaa kana dura ni dhaabbatna jedhanii jiru.

Godina Gujii Aanaa Gooroo Dollaa Keessatti Uummataa fi Milishoota Gandaa Jidduutti Walitti Bu’iinsi Dhalate. Mootummaan Wayyaanees Filannoo Bara Kanaan Wal Qabsiisee Milishoota Gandoota Oromiyaa Keessatti Leenjisuu Eegale.

Aside

Gabaasa Qeerro Amajjii 16,2015

diddaa9Godina Gujii Aanaa Gooroo Dollaa Keessatti Uummataa fi Milishoota Gandaa Jidduutti Walitti Bu’iinsi Dhalate. Mootummaan Wayyaanees Filannoo Bara Kanaan Wal Qabsiisee Milishoota Gandoota Oromiyaa Keessatti Leenjisuu Eegale.

Mootummaan Wayyaanee filannoo dharaa bara kanaaf of qopheessaa jiru dhuunfachuuf jecha Amajjii 6,2015 irraa eegalee hamma Amajjii 13,2015 gandoota qonnaan bulaa keessatti milishoota leenjifachuu kaadhimachaa ture.

Haala kanaan Godina Gujii Aana Gooro doola jedhamuti ganda 20 irra walitti qabuun  milishoota  460 bakka 8 itti lenjisaa jiraachuu Qeerroon gabaase . Milishoota leenjifaman kanaaf kan oolu nyaata, bultii fi oolcha ykn aballii mootummaan kafaluufii qabu ture baajeti leenjiif qophaawu qarshi 200,000 (kuma dhiba lama) ufata milishaatin hodhina kan jedhamn ammo ummanni qarshii 20,000 (Kuma digdama) uumanni naannoo akka baasu itti murteessuu beekame. Uummanni haala kanatti mufatachuun qarshii hin baafnu saba jedhaniif jecha hamma baatii 7 itti of irraa kafalanii akka xumuranii fi milishootiin leenjifamanis kanneen goosa Oromoo Booranaa fi Gujii jidduutti deddeman ta’uu bakka bu’oonni milishootaa leejifamanii ibsu.

Haalli kun kan mufachiise uumanni bulchiinsa Aanaa Gooro Dolaa fi milishoota gandaa jidduuttii yeroo ammaa wal dhabbiin guddaa deemaa jiraachuu qeerroon gabaasa.

Wallagga Aaanaa Jimmaa Horroo Keessatti Filatnoo Mootummaa Wayyaaneen Wal Qabatee FDG Ka’uun Barattooti Oromoo 6 Hidhaman Kaan Amma Illee Diddaa Itti Fufan.

Aside

Odeessa Jimmaa Horroo,Amajii 15,2015

1505025_503083906497226_513356179076127372_nDargaggoota godina Wallagaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti argaman yeroo adda addaatti fincilli diddaa gabrummaa waan ka’aa tureef,kana malees humni WBOyeroo yeroon naannichatti waan sochii muldhataa muldhisuuf jecha dargaggoonni Oromoo diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee waan qabaniif kaardiin filatnnoo Wayyaanee bara kanaa akka hin raabsamneefii murtiin darbe.

Dargaggoonni aanaa kanaa naamusa filannoo jeequuf warra qophaya jiran waan taheef jedhamee barattootas tahee dargaggoota hundaafuu kaardiin filannoo dhorkamuu Qeerroon gabaasaa jira. Akkasuma aanama kana keessa ganda Baabboo jedhamu keesstti dargaggootaan qarshii 3,3 fidaa waraqaa eenyummaa baafadhaa isaan booda filannoof kaardii isiniif laanna jedhame tole jechuun dargaggoonni qarshii jedhame kana kennan,horiin isaan irraa fuudhames gara darbe dargaggoonni kaardiis fudhachuu hin dandeenye qarshii keenya deebisa Wayyaanee silaafuu  hattuudha jechuudhaan daraggoonni Oromoo guyyaa kaleessaa FDG kaasanii jiru. 10408802_503081929830757_7936816515253134732_n photo.php.jp photo.php

Haala kanaan  namootni 6 dargaggoota kan qindeessu filannoon aka hin gaggeeffamneef dargaggoota ijaaraa kan jiraniidha jedhamuun ganda Baabboo irraa konkolaataa poolisiin galgala sa’a 12 booda waajjira poolisii aanichaatti
gaaffeman, namootni kun maqaan isaanii:
1.Mikaa’el Hirkisa-ogeessa fayyaa Looniiti.
2.Nuuraddiin Muusaa-Daldalaa
3.Amad Horaa-Qonnaan Bulaa
4.Shaful Boshoraa-Barataa
5.Iddoosaa Raagaa-Qonnaan Bulaa
6.Shuumaa Lammeessaa-Qonnaan Bulaa.
Namootni kun amma waajjira poolisii aanaa Jimmaa Horroo keessa jiru,maqaan ittiin yakkaman tokko namusa filannoo kan jeeqan, kana gochuufis uummata fi dargaggoota ijaarsa irratti kan argaman jedhamuun. Suuraaleen kun barattoota qabamanii fi loltoota sirncha muldhisa. Suurawwan barattoota ariyamanii kanneen nama 10

Odeessa Shiraaf I Gochaalee Hammeenya Wayyaanee Saaxiluu

Aside

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 15, 2015

QeerrooAmajjii 08, 2015 godina Baalee irratti buufanni bobo’aa tokko qaama hin beekamneen gubachuu isaa odeessi achii irraa Qeerroo dhaqqabe ni ibsa. Dhimma kanaan walqabatee waanti ibsame kan hin jirre yeroo ta’uu uummanni mootummaa Wayyaanee irratti aarii akka qabu ni muldhata. Yeroo ammaa maqaa poolisoota humna addaa jechuun Somaalee irraa sochu’u fi mootummaa Wayyaanee irraa gargaarsa argatu naannoo sanatti bobba’ee jiru naannoo Ona Ginir irraa loon/saawaa uummataa fi qabeenya saamaa jiraachuu kan bira ga’ame yeroo ta’u haalli kun uummata Oromoo naannoo sana daran kan dheekkamsiise fi ofirraa ittisuuf dirqama akka ta’ee jiru himaama jira. Dhimma kun hammaatee Amajjii 14, 2015 iraa eegalee dhukaasa uummatatti banuutu dhaga’ama.

Wayyaaneen kan ofii qabeenya uummata Oromoo bifa adda addaan saamaa jirtu xiqqaannaan yeroo ammaa saba ollaa Oromiyaa qubatan ijaaruun Oromoo irratti bobbaasuu kan itti fufte yeroo ta’u kun ammoo addattii Godina Baalee Ona Ginir irratti Amajjii 13 fi 14, 2015 irraa eegalee bifa addaan itti fufuu isaa odeessi achirraa Qeerroo dhaqqabe ni ibsa.

Kun kanaan osoo jiruu godina Shawaa Bahaa ona Bishooftuu keessatti Wayyaanonni uummata sabboontota fi poolisoota Oromoo ta’an irratti xiyyeeffattee ajjeesisuuf shira qopheessuun naannoo sanatti nama erguun ishee saaxilame. Dhimma kana akka raawwatu poolisootuma keessaa uummata keessatti kan ramaddee yeroo ta’u poolisootni Oromoo sabboontota ta’an dubbii kana irra ga’uun shira kana fashalsuuf jala bu’a turanii nama kana eega irra ga’anii booda isaa uummata saamu itti dhaqqabuun Amajjii 12, 2015 nama kana qabuuf yeroo bobba’anitti dhukaasa itti banuun poolisoota kana keessaa nama tokko madeessuun dhaga’ame. Nama kana boodaan namoonni hedduun akka jiran kan mirkaana’e yeroo ta’u yakkamaan kun ammallee toohannoo jala kan hin oollee fi wayyaaneen akka qindeessitee akka ergite mirkana ta’uu isaa poolisoota magaala Bishooftuu irraan odeessaan Qeerroo dhaqqabe ni mirkaneessa.

Gama kaaniin Godina Shawaa Lixaa Ona Midaa-qanyi irraa maqaa ABOtiin yakkuun nama maqaan isaa yeroof hin himamne fi waraana Dargii ture tokko Boombii 2F1 jedhamuti mana isaatii argame jechuun qabdee dhabamsiisuun ishee beekame. Namni kun uummata naannoo sanaa birratti saabboonummaan kan beekamu, shaakkii irraa kaatee mana isaa sakkata’uun boombii aragadhe jettee Amajjii 10, 2015 tohannoo jala akka oolchite yeroo ta’u haga ammaa eessatti akka hidhame fi bakka buuteen isaa kan hin baramne ta’uuti odoossi naannoo sanaa ba’e ibsa.

Odeeffannoon biraan gara Yunivarssitii Kiloo 4 irraa dhufe ammoo barataa Tigree of-fandhisee du’ee argameetti Oromoon yakkamuutu dhaga’ama. Oromoota shororkeessuuf jecha yeroo ammaa bakka namni hin arginetti abbaan fedhe yoo du’e Wayyaaneen Oromoo itti yakkuun baratamaa dhufee jira. Barataan lammii Tigree Computer Science waggaa 2ffaa tokko jaalalatu naqabe jedhee dhiphina keessa jiraachuu himachaa kan ture Amajjii 11, 2015 of-fandhisuu irraan kan ka’e Oromootatu ajjeessee fandhise jechuun Wayyaaneen sobaan oduu afarsaa jiraachuuti oduun naannoo sanaa nu ga’e mirkaneessa.

Karaa biraa Godina Qellam Ona Jimmaa Horroo dargaggoonni jiraatan kaardii filannoo fudhachuuf gara waajjira Wayyaane naannichaa deeman dargaggoota Ona kanaa irraa guutummaatti shakkii qabna, isaan jaarmayaa Qeerroo, ABOn jeequmsaaf nutti ergamani jechuun kaabinootni OPDO Ona sanaa arii’an. Haaluma kanaan dura waraaqaa eenyummaa fudhattan male kaardii fudhachuu hin dandeessan, dargaggoonni aanaa kanaa ABO, kaardii filannoo barbaaduun kun waan karoorfatan qabdu jechuun arrihatamuu gabaasti hoogganasa Qeerroo Ona sanaa hubachiisee jiree jira. Akka gabaasa kanaatti kaabinootni Wayyanee naannoo sanaa filannoo isaanii as adeemu kanatti jeequmsi nutti ka’uun waan hin oolle jechuun garanumaa sodaa qaban himachaa akka jiran gabaasti kun ni mirkaneessa.

Dargaggoonni naannoo kanaa odeessa ABOdhaa dabarsu, uummata nurratti ijaaraa jiru, uummanni kaardii hanga yoonatti fudhachuu diduun olola dargaggoota Qeerroon ijaaramanii jiran kana irraa ta’uu uummata walitti qabuun doorsisuu fi yaaddoo himachaa jiru. Ona Anfilloo gandoota 28 jiran keessaa namootni muraasati yeroo galmaa’an, ganda tokko qofaa keessaa hanga nama 160 ol ta’antu kaardii filannoo hin fudhanne,  kun ammoo mootummaattii mataa dhukkubbii fi gaaffii guddaa ta’aa jira jechaa jiru.

Guyyaa kaardiin filannoo hiramuu eegalee qabee hanga ammaatti gandoonni kaardii tokko illee fudhachuu hin dandeenye ykn guutummaatti dhiise fi hin kennamin hafe akka jiru fi sababoota kanaa fi kana fakkaatani irraa kan madde naannoo sanaa akka walii galaatti gamaaggamaan dhiphachaa jiraachuutu gabaasti Qeerroo nannoo sanaa ibsa.