Gabaasa Qeerroo Baalee, Ginniir Irraa Amajii 30,2015
Wayyaaneen uummata Oromoo irratti saboota Somaalee irratti kaastee akka jirtu kanaan duras gabaasaan kana fakkatu yeroodhaa yerootti dhiyaataa ture,lafa qote bulaa humnaan meeshaadhaand doorsisuun kan ofii taasifatan, horiin qote bulaa humna addaa Somaaleen oofamee saamichi uummata irratti gaggeeffama jiraachuu kanaan dura gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan har’a godina Baalee aanaa Dawwee Sarar jedhamtu keessatti Uummanni Oromoo Baalee aanaa kanaa fi humni addaa Somaalee walitti bu’iinsi guddaan ta’e, humni waraana Somaalee konkolaataa bulchiinsa aanaa Dawwee Sarar fudhachuun qajeele,horiin uummataas humnaan oofamuu irraan uummanni abbaan qabeenyaa utuu jirruu saamamnaa jechuun dura dhaabbate dhukaasnis uummata horsiisee bulaa Oromoo irratti dhuka’e horsiisee gama lachuun irraa gaaga’ami akka gahe gabaasa naannicha irraa nu gahe beeksisa.
Horsiisee bulaan Baalee aanaa Dawwee hedduun haala kanaan akka gaaga’amanii jiran lakkoofsa hin qabu jedha Qeerroon, kun tahuun isaa har’a Amajii 30/2015 ganama sa’a 4:00-7:00 gidduutti akka sa’a naannootti yoo tahu godina Baalee aanaaleen 10 ol tahu gara aanaa bakka walitti bu’iinsi jiru kanatti uummanni imalaa jiraachuun dhagayamaa jira, kunis diddaa jabaa warra somaalee waliin gaggeessuuf uummanni Oromoo of qopheessee qajeelee jiru aanaalee: Ginnir ,Gaashara,Goobbaa, Raayituu,Daawwee,Daawwee Qaaccan,Beeltuu, Sawweenaa,Barbaree, fi kkf gara sanatti bobbahee humnaa fi kaayyoo tokkoon lola irratti hirmaachuf deemsa taasisee jira, mootummaan Wayyaanee saba bicuu somaalee waan uummata irratti kaaseef gidduu goree dhaabsisuu kan hin dandeenyeef kun kaayyoo isaati uummannis kana hubatee waan jiruuf mormii gara lachuutti taasisuudhaaf diddaa jabaan ka’ee akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa, uummanni keenya rasaasaan madaa’e danuudha. Qeerroonis kana keessatti uummata isaa waliin hiriiree diina uummata Oromoo lakkuu tahee itti dhufe waliin fincila adeemsisuu haamilee fi yaada tokkoomeen eegalee jira.