Hawi Olani Kesesa Irraa
Yeroon ammaa kun yaroo kam caalmaattii yaro oromon hundii gad dhaabbatee itti yaadu qabu dha jadheen yaada .Maaliif yoo jannee,gochaan sukanisisaa Wayyaaneen ilmaan oromo irrattii raawwachaa jirtu daran ittuma cimaa dhufuun isaa hundaa kenyaaf ifaa waan ta’eef.
Yero baayye gaaffii tokkotu mataa kessa na dadaddebi’a .gaaffii haanga yomitti nutii ummattii ballaan kun ummatta yartudhaan nuttii qosaamaa fi nutii rorrifamaa jiraatnaa ?haanga yomitiis Wayyaaneen Ummatta kenyaa cunqursaa fi gidirsaa itti fuftii?hanga yomitii lammiin oromodhaa mirga umamaan qabu sarbamee biyya isaa irratti akka lammi lammaffaatii ilaalamaa ,acuuccaa fi ajjechaa soda dhaan biyya ambaa gara garaatti baqatee jiraataa ? Gaafiin kun gaafii oromoota heddu ta’aa jadheen amana.
Nuti oromootnii mirgii keenyaa dhitamee ,bilisummaan keenyaa sarbamne jiraachuu ergii jalqabnee baayyee bubbule jira .Ata’u iyyu malee waggoota kanneen kessa fincilli diddaa gabrummaas taasifamaa ture ,kanaafis abbotiinif obbolewan keenya hedduun itti dhiganiru itti hidhamaniru itti du’aniru ammas hidhamaa ,gidirfamaa fi ajjefamaa jiru .Kessumaa baratootnii Oromo hojii bonsa isaan raawwachaa jiran yoom iyyu seenaan kan isaan hindaganne dha .
Kessumaa waggoota digdamootaa asii ergii Wayyaaneen angoo qabatee booda immo,kallatti dhaan sagnii oromo lafa irraa fixudhaaf kaayyoo jalqabaa godhatee waan dhufee hanga fakkaatuttii ilmaan Oromo kaan lafa isaani irra qotee bultoota buqqisu dhaan isaaf maatii isaa belaa fi dhukkubaaf saxilaman gochudhaan ajjesaa jiru .Kaan ammo baratoota barumsa irra sababa ga’a male ari’u yoo inni gaaffi mirgaa gaafatee ammo mana hidhaatti darbachu fi ajjesu itii fuftee jirtii .Hojjataa mottummaas yoo deggaraa wayyaanee ta’e male sababa qubsaa hintaaneen hojii irra ari’u ,hidhu fi ajjesudhaan sanyii kenyaa lafa irra dugugaa jirtii.Gamtaan Oromootaa Murteessaa dha