Uummanni Rakkoo Keessa Jiruuf Gaaffii Kaasa, Mootummaan Wayyaanee Rakkoo Bulchiinsa Gaariin Waan Isa Mudateef Gaaffi Uummataaf Deebii Dhabee Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Baalee, Roobee Amajjii 9,2014

diddaa9Mootummaan Wayyaanee bulchiinsa gaarii dagaagsuu jedhee miidiyaa of harkaa qabuun leellisuun gama uummata keessatti ammoo rakkoon bulchiinsa gaarii dagaagee mul’ataa jira,uummata keessatti rakkoon mudatee  kutaalee Oromiyaa godinoota adda addaa keessaa gaaffiin uummata ka’aa jira, odeessaa Qeerroo har’a  Amajjii 9/2015 godina Baalee magaala Roobee irraa nu gahuun mootummaan guddina biyyaa jedhee uummata gowomsuun isaa uummata keessatti ammo akka godina kanaatti  uummanni abbaa maatii 1000 ol tahu rakkoo ibsaan gaaffii kaasuun bubbulee jira.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii uummataaf deebii dhabe, uummannis rakkoo keenyaaf hatattamaan furmaata kennuun dirqama jechuun mootummaa Wayyaane muddee qabate,odeessaan addeessu gaaffiidhuma uummataa kana humnaan tasgabbeessuuf waraana ramade jedhu, akkasuma Oromiyaa lixaa Qellem Wallaggaa irratti gaaffiidhuma kana fakkaatu, guutummaatti godina kana keessa uummanni jiraatu rakkoo networkii fi interneetii qabuun gaaffii kaasuu eegalee jira, keessattu daldaltoonni rakkoo networkii godina kana mudateef hojii hojjechuu hin dandeenye, gaaffii kaasuun odeeffataan achirraa nu qaqqabe addeessa.

Yeroo kufaatiin isaa as dhiyaate keessatti uummata miidiyaadhaan uummata sobuun karaa darbuun waan itti fakkaateef rakkina uummataa ukkaamsee dhoksuu, waan hin jirree fi hin hojjetamne hojjetame jedhee miidiyaadhaan sobuun rakkoo uummataa furuuf hiika itti fakkaachuu, harka lafa jalaan saamichaa gaggeessuun wayyaaneef tooftaa umurii dheereffachuu itti fakkaatus uummanni yeroo ammaa hojii wayyaanee ifatti mul’isuudhaan rakkina keessa jiru irra ijaajjee gaaffii godinaalee garagaraa keessatti ka’aa jiraachuun odeessaan addeessa. Akkasuma buufata manneen barnootaa keessatti barattootni dhimma barnootaan wal qabsiisanii itti fufiinsaan gaaffii qabsiisaa jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffii uummataa irra tarkaanfatee deebii dhorkachuu fi deebii tahuudhaaf uummata itti cimee fi gamtaan sodaate humna waraanatti fayyadamuun uummata gaaffii rakkina isaa gaafatatu ukkaamsuu  yaalaa akka jirutu dhagayamaa jira.