Aside

Kitaaba Haaraa 1Beeksisa Kitaaba Haarawaa Qeerroo Bilisummaa Irraa

 Kitaabni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2014 keessa finiinaa ture Afaan Engliffaan gabaasu Qeerroo Bilisummaatiin maxxanfamee raabsamaa jiraachuu gammachuudhaan isin beeksifna. Kitaabni matadureen isaa “A Chronological Summary of Oromian Student Movement Led by Qeerroo Bilisummaa” jedhuu fi Obbo Daandii Qajeelaatiin barreeffame kun cuunfaa fincila barattootni Oromoo waggaa tokkoof taasisanii fi wareegama uumati Oromoo FDG irratti baase guyyaa fi bakka akkasumas maddasaa (link) waliin kan galmeessee kana malees sochiilee uumati Oromoo taasisaa jiruu qabeenya samame ilaalchisee waa hedduu of keessaa qabu kana ummanni keenya harka irraa qabaatee seenaa dhaloota hegereef  kaa’u dha.Kitaaba haaraa 2

 Dhala Oromo kanneen taatan, sabboonummaa Oromummaa qabna kanneen jettan, kitaaba kana bitadhaa yaadannoo seenaaf kaayaa. Dhala keessanittis dabarsaa. Alagaaf firoottan Oromoo ta’aniif bitaa kennaa. Kana malees daandii itti FDG barattootaa maallaqaan tinnistan dhabdanii kanneen rakkachaa turtan, kunoo kitaaba kana bituudhaan akkasumas raabsuudhaan Dargaggoota Oromoo( Qeerroo)biyya keessaa lubbuusaanii wareegamaaf saxilanii qabsoo finiinsa jiran tinnisaa.                                                                                                               

Uummanni Oromoo Godina Shaggar Kaabaa, Naannoo Garba Gurraachaa Jiraatan Sababaa Saamicha Lafti Qonnaan Bultootaa Irraan Kan Ka’e Walgayii Wayyaanee Lagatan!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar Kaabaa, Amajjii 8,2015

diddaa9Shaggar gara kaabaa, aanaa Garba Gurraachaa irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti Amajjii gaafa 5 mootummaan Wayyaanee dhimma misooma guddina biyyaa jedhuu fi gumaacha hidhaa laga Abbaayiif hojjetoota isaa garagaraa uummata waliin magaala Garba Gurraachaa irratti walitti qabuun uummataa fi hojjetoota mariisisuuf sagantaa qabatee ture, akka walii galaatti uummatas tahe hojjetaan akka yaada mootummaatti uummata jiraattotni aanaa kana keessa jiraatu walgayii kana irratti hirmaatee akeeka mootummaa galmaan gahuuf dhibbaan namootni akka bobbahan ture, sammuu uummataa keessaa kan hin baanee fi hanga ammaatti uummanni akka Shaggar  kaabaatti qabatee jiru leenjii barattootni yeroo gannaa walgayii mootummaan EPRDF teesisaa ture irratti gaaffii dhimma qotee bulaan lafa isaa irraa ariyamee, lafti qote bulaa mootummaadhaan saamamee gurguramaa ture irratti gaaffii uummata bakka bu’anii gaafataa turan irratti mootummaa biraa deebiin waan hin kennamin hafeef, akkasuma mootummaan Wayyaanee miidhaan ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru ilaalchisee uummanni Oromoo quuqaa garaa isaa keessa jiru baafatee himachuuf carraa kan hin argatne tahuu ibsanii jiru.

Haala kanaan mootummaan Wayyaanee ammoo dhimma maqaa misoomaan uummata walitti qabuu fi hidhaa laga abbaayiif uummata irraa qarshii sassaabu kun uummata Oromoo jiraattoota aanaa kana keessa jiraatu biratti gocha saaminsa bifa isaa jijjiirratee fi tooftaa sirni gabroonfataa kun itti fufiinsaaf karaa mijeeffachaa jiru tahuu isaa waan hubateef mootummaan wayyaanee dursee walgayii kana ajajuu isaan dursa guyyaa tokkoo waan taheef uummanni aanaa kana keessa jiraatu dhaamsa waliif dhaamuudhaan hojjetan mootummaa uummata Oromoo waliin tahuun walgahii EPRDF Wayyaanee yaame lagatanii jiru.

Amajjii 5,2015  irratti namoota 15n hin caalleen hirmaatame, isaan kunis gaaffii uummataa kaasan, gama tokkoon mootummaan uummata miidha, uummata hidhaa, ajjeesaa akkamiin uummanni mootummaadhaaf ajajamaa, lafti Oromoo gurgumee dhumeera, lubbuu baayees dhimma lafa Oromiyaatiif dhabneerra, kan jedhan kanneen qaamuma mootummaa godina kanaa tahuu odeessaan nu gahe addeessa.

Tuttuqaan Wayyaanee uummata Oromoo gamteessaa jira, akka gabaasa Qeerrootti  mootummaadhaan ajajamuu keenyaan dura mootummaan dura gaaffiwwan hunda ilmaan oromoo hunda irraa ka’aa jiru kallattii adda addaan kanaan dura ka’e karaa miidiyaatiin deebii haqaa akka kennu, ammas taanaan fuula durattis mootummaa hojii gara jabeessaan uummata keenya irratti raawwataa jiru hin beeknu, gocha isaa darbaniifiyyuu itti gaafatamuu qaba, jedhanii namootni walgayii kana irratti argamanis uummata aanichaa bakka bu’anii dubbatanii akka jiran odeessan qeerroo ibsa.

Biyya Saudi Keessatti, Abbaan Duulaa Gammadaa Barattooti Oromoo Ajjeefamanii fi Oromoonni Mana Hidhaa Wayyaanee Jiran Hundi Yakkamtoota Jechuun ibsa Keene ilaachisee ,Qeerroon Bilisummaa Balaaleffate

Aside

QeerrooAmajjii 6,2015 Ergamaan Wayyaane A/Duulaa Gammadaa (Minaaseen waldee Goorgiis) olola diinummaa butachuun hawwaasa Oromoo saawudi Arabia jiran dura dhaabbachuun yakki ajjeechaa fi hidhaa akkasumas saaminsa Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF fudhachaa jiruun tarkaanfii sirriidha  jechuun yakka lammaffaa kan dhiifama hin qabne ilmaan Oromoo irratti dalagee jira.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo olola diinummaa Abbaan Duulaa gaggeessaa jiru kun uumata Oromoo biraatti yakka  ulfaataa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n uummata Oromoo irratti rawwate jabeessuun kan itti fufsiisa jiru ta’uu hubachuun jabeessee balaaleffachuun Qeerroon gadi jabeessee ibsa.

Qeerroon, Dargaggootni Barattootni Oromoo olola Abbaan Duulaa (Minaaseen) ofaa jiru cimsinee kan balaaleffatu  fi Abbaan Duulaa Gammadaa ofiin jedhu Yakka dugugginsa sanyii (genocide ) uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaa ta’uu jabeessinee hubachiifna. Uummatni Oromoo Biyyoota ambaa garaagaraa keessa jiraatu ergamtoota Wayyaanee kam waliin iyyuu qunnamtii akka hin goonee fi Qondaalota Wayyaanee kanneen dura mormii guddaan akka dhaabatu fi FDG akka irratti kaachisuu waamicha dabarsina.

Torbee kana Keessaa Ergama Wayyaanee bakkaan gahuuf kan bobbae Abbaan  Duulaa Gammadaan ergama diinummaa butachuun  duguginsa sanyii Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti fudhachaa jiru sirriidha jechuun uummata Oromoo  biyyoota  Saawudi Arabia garaagaraa jiran dura dhaabbachuun yakka itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isa baasuu hin dandeenye dalagaa jira.  Abbaan Duulaa Gammmadaa gaaffii barattootni Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafachaa jiraniif deebii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF deebise Ajjeechaa jumlaa, hidhaa, barnoota irra arii’amuu, keessumattuu Mootummaan Wayyaanee human waraana Liyuuhayil fi Agaazii jedhamu uummata Oromoo irratti bobbaasuun guyyaa saafaa daa’imman umrii ganna 7 fi manguddoo gannaa 80 ajjeesee utuu jiruu  Abbaan Duulaa (Minaaseen) kan Mootummaan ajjeese kashalabboota fi waanbadeedha jechuun warraa dhukaasee ajjeesee olitti yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwaachaa jiraachuu ifatti ba’ee dubbachaa jira.

Yaa Uummata Oromoo hubadhaa ilaalaa diina keessan Warra Oromiyaa dabarsanii gurguran, warra uummata Oromoo ficisiisaa jiran,Qabeenyaa Oromoo saamsisaa jiran, warri Oromiyaa gurguraa jiran  keessa tokkoo Abbaa Duulaa Gammadaa ta’uu Oromoon dagachuu hin qabu. Mee Oromoon Minaasee Gaaffii kana gaafadhaa  Daa’imni gannaa 7 maal balleessetu  rasaasaan reebamee ajjeefame?, manguddoon gannaa 8o badii maalii qabaaf rasaasaan reebamee ajjeeffame?? Qabeenyaan Oromiyaa maaliif samamaa?  Barattootni Oromoo meeshaa maleeyyii irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbasuun maaliif ajjeefamanii? Jumlaan hidhamanii? Barnoota irraa arii’atamanii? Gaaffii barattootni Oromoo gaafachaa jiraniif maaliif rasaasni deebii ta’ee? Gaaffiin barattoota gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi hiree Murteeffannati. Master plan Finfinnee warraa qopheesse keessa tokko Abbaa Duulaa Gammadaa (Minaasee) ta’uun ifatti saaxilamee jira.  

     Walumaa galattii ilmaan Oromoo sabboontotni Oromoo mooraa dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti argamtan ergamtuu Wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa, Dhaabaa Dabalee, Muktar Mohaamed, Asteer Maammoo,  fi Zalaaleem Jamaanee irra of eeguun bakka isaan argaman hundatti FDG akka irratti kaachiftan dhaamsa dabarsina. Uummatni Oromoo Fincila waliigalaa irratti kaachisuun bara xummura abbaa irree akka goonu  waamicha dabarsina.