
Ummanni Oromoo baroota 23 darban dararaa fi cunqursaan sirna bittaa mootummaa Wayyaanee jalatti irra gahe seenaa jireenya isaa keessatti takkaa argee kan hin beekne,hidhaa,ajjeechaa,arihamuu,biyyaa fi qabeenya saamamuu irra darbee qaamaa qalbiin manca’ee jira.
Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee filmaata Caamsaa 2015 keessa gaggeessuuf jecha uumatni Oromoo dirqiin akka isa filuu fi kaardii filatnnoo humnaan raabsuu eegalee jira.Ta’us cunqursaan baroota darbanii laalaan isaa hammaataa waan ta’eef ammos hacuucaa fakkaatu baadhachuu irra diddaa gabrummaa jabeessuun bilisa of baasuuf murteeffatee jira.Haala kanaan mootummaa cunqursaa filuu diduu fi kaardi har’aa fudhachuu diduu irratti hamma ammaa diddaa uumanni Oromoo muldhise jabaadha.Akka Qormaata maadheelee Qeerroo mootummaa keessaa argametti uumanni Oromoo dhibbentaadhaan yoo ilaalle Oromiyaa keessatti filannoof kaardii kan fudhate 5.6% kan hin caalleedha. Kun heddummina uumata Oromoo filuuf ulaagaa guutu waliin yeroo ilaalamu haalaan gadi bu’aa waan ta’eef diddaan uumati Oromoo taasisaa jiru jaran akka jabaatuu fi galmi isaa biyya ofii dhuunfachuun sirnaa fi mootummaa bilisa ta’e ijaarrachuu irratti akka dhaabbatu Qeerroon waamicha dabarsa.
Gabateen armaa gaditti argamu galmee qormaata Caasaan Qeerroo fimaata yeroo ammaa ilaachisee mootummaa keessaan qoratee dhiheesse dha.
Boordii Filannoo Akka Oromiyaatti Gaggeeffamaa Jiru
Gabateen Kanaa Gadii Baayina Bakkaa fi Buufata Filannoo Kan Agarsiisuudha.
Lakk. | Godinoota | Baayina Bakka Filannoo | Baayina Buufata Filannoo |
1 | Shaggar Lixaa | 15 | 1187 |
2 | Horro Guduruu | 4 | 369 |
3 | Wallagga Bahaa | 10 | 796 |
4 | Wallagga Lixaa | 11 | 817 |
5 | Qellem Wallaggaa | 6 | 461 |
6 | Iluu A/Booraa | 11 | 986 |
7 | Jimmaa | 18 | 1530 |
8 | Sh/Ki/Lixaa | 9 | 961 |
9 | Shaggar Bahaa | 8 | 819 |
10 | Arsii Bahaa | 18 | 1394 |
11 | Shaggar Kaabaa | 10 | 982 |
12 | Baalee | 7 | 936 |
13 | Gujii | 5 | 569 |
14 | Boorana | 5 | 570 |
15 | Harargee Lixaa | 12 | 969 |
16 | Harargee Bahaa | 16 | 1569 |
17 | Arsii Lixaa | 11 | 960 |
18 | Godina Addaa Oromiyaa | 6 | 796 |
19 | Bishooftuu | 1 | 63 |
Ida’ama | 183 | 16734 |
Guutummaa Isa Qeerroof :- Filatnoo Wayyaanee Caamsaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa