ቄሮ: የኦሮሞ :ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: January 12, 2015
Aside
Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,
Ilmaan harmee kootii,ilmaan Oromiyaa,
Baga nagaa taatan,anilleen nagayaa,
Mee gurraa naaf kennaa,was isiniin gayaa,
Rakkoo waliif obsaa,gurraan wal dhagayaa,
Tokkummaa jabeessaa,afaan tokko tayaa,
Kunoo gabroomfataan maqaa nurra kaayaa,
Shororkeessaa jedhee,hidhatti nu haxaayaa,
Sochii keenyaaf jecha;jiruusaa yaaddayaa,
Qabsoo keenya him miidhu tasuma raatayaa,
Kanaafuu,mormadhaa ,al-takka gad bayaa,
Bakkuma jirtanii;hundinuu qabsaayaaaaaa!!!! (*2)
Dhugaan guyyaa eegdii,taxa him ariifattuu,
Isin gariin namaa,maaf akkas rifattuu,
Lubbuu du’a hin oolle,maaf irraa sodaattuu,
Biyya Keenya irraa maalumaaf baqattuu,
Qabsaayaa qabsoo dhaa,maaf irraa baqattuu,
Mootummaan Wayyaanee filannoo fakkeessaa bara baraan gaggeessaa ture, ammas akkuma aadeffate uummanni kaardii filannoo dirqamee akka fudhatu taasisaa jira. Akka odeessa Oromiyaa bakkoota adda adda irraa nuqaqqabetti, uummanni Oromoo abdii filannoo sobaa mootummaa Wayyaanee irraa dhabeen ejjenoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuu fudhataa jiruun kan hubate sirni abbaa hirree wayyaanee maloota garaagaraatti fayyadamuun uummanni dirqamee akka fudhatu taasisaa jiraachuu isaati.
Wayyaaneen maloota dirqamaan fudhachiisuu keessaas garee tokko shanee jedhuun akka fudhatan taasisuu fi kan hin fudhatiin hafe ammoo farra misoomaati jechuun gamanumaa uummata doorsisaa jiraachuuniis hubatameera. Uummanni Oromoo ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhibuu murteeffatees doorsisa sirna abbaa hirree Wayyaaneef akka hin jilbeeffannes ifatti mul’isaa jiraachuus odeessi qeerroo mirkaneessa.
Gama biraan haalota kanaan wal qabsiisee Mootummaan Wayyaaneen Amajjii 11,2015 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Amboo,Magaalaa Amboo fi Gudar irratti Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF humnota tikaa isaa bobbaasuun Uummata goolaa jira; Duulli hidhaas itti fufee jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa mootummaan Waayyaanee akkuma amala isaa magaalaa Amboo fi Naannoo Amboo irratti xiyyeeffaachuu humnota tikaa fi poolisoota Federaalaa bobbasuun mana galmaa uummataa sakkata’uu fi sabboontoota Oromoo doorsisuu fi ilmaan Oromoo nagaa hidhatti darbaa jiraachuun saaxilamee jira.
Aanaa Amboo Ganda Waddeessaa irraa ilmaan Oromoo nagaan qonnaan bultooti 4 Oromummaan yakkamanii hidhamuun bira ga’amee jira. Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhaman kunneen:
1. Jifaaraa Caakkaa
2. Lachiisaa Caakkaa
3. Lataa Shukkaraa fi
4. Kumsaa Dirribii kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo nagaan keessa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.