Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Ebla 26 2014 Finfinnee Oromiyaa

Aside

FDG Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Wallaggaa Ebla 26, 2014

Aside

FDG Yuuniversitii Wallaggaa Daran Jabaachuu Irraan Loltoonni Wayyaanee Dhaabsisuu Hin Daneenye.

Aside

wallaggaaEbla 26/2014 Goototni Dargaggootni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa FDG dhoosan. Har’a ganama sa’aa 1:00 irraa eegaluun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa gaaffii mirga hiree murteeffannaa oromoo fi roorroo haala yeroon walqabatee uummata keenya irratti gaggeeffama jiru balaaleffachuun FDG Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irraatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun FDG itti fufan .

Warraaqsi kun uummata Oromoo Magaalaa Naqemtee kan dabalatee yoo ta’uu gaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi gaaffii haala yeroo uummata Oromoo dhimmota magaalaawwaan Oromiyaa fi magaalawwaan nannawaa Finfinnee jiran Mootummaan abbaa irree federaalaa fi Finfinnee jala galchuuf jiru hin fudhannuu, akeekni kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun hiriira nagaa guddaa kan namoota 10,000 ol hirmaachisee Magaalaa Neqemtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gaggeessa jiru.

Gootoni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaggaa Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati gaaffii kabajamuu uummata Oromooti, gaaffii dimookiraasiiti, jechuun sagalee isaanii dhageesisuun, eenyuumma Oromummaa isaanii kabachiifachuuf dhaabbatan.
Dhadannoowwaan: Oromiyaan kan Oromooti, maqaa invetimentiin lafa Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba, Finfinneen kan Oromooti, magaalaawwaan Oromiyaa of jala galchuuf adeemsa abbaa irree ni balaaleffanna, mootummaan garbomsaa kufuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu, barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, doorsisuun, ajjeessuun nurraa dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi kkf dhadannoo ganama kana Gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaan dhageesifama jirudha, Mootummaan abbaa irree humna waraanaa fi poolisa federaalaa humna guddaa bobbaasee sochii FDG kana dura haadhabbatu iyyuu malee dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Naqemtee
Ebla 26/2014 .

Raadiyoo Sagalee Oromo Ebla 26, 2014/ FDG Barattooti Oromoo Deemsisaan Irratti Gabaasa Qaba.

Aside

Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Jabaatee Itti Fufe,Barattootni Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Har’a Gamtaadhaan Dhaadanno UUmmata Waliin Tahuudhaan Dhageesisan!

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGHin Teenyu Maalumatti Teenya Jechuudhaan Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Barattootaa fi Uummata Waliin Itti Fufe, Wallaggaa Yuuniversitii Ebla 26. Fincila diddaa wal irraa hin cinnee Yuuniversitii Jimmaa irratti kan eegale itti fufuudhaan Harommayya,Amboo ammas haaluma hooaadhaan dhaadannowwan armaan gadii qabachuudhaan barattootni oromoo yuuniversitii Wallaggaa mooraadhaa bahuudhaan uummata waliin hiriiranii jiru,poolisoonni wayyaannee gaaffiwwan barattoota kana dura dhaabbachuu yaalaniru,hin dandaamne,dhaadannoo walii gala barattoota yuuniversitii Wallaggaa ganama kana saa 2:00 irraa kaasanii dhageessisaa jiran

– Afaan oromoo afaan federaalaa haatau
– Oromiyaadhaaf ni wareegamna,
– Oromiyaan haa bilisoomtu,
– Lafti oromoo hin gurguramin,
– Naannoon Finfinnee federaala jala hin galin,
– Sabni bicuun nun bitin,
– Habashaan nurraa haa kaatu,
– Wayyaaneef hin jilbeenfannu,
– Hidhamtootni siyaasaa haa gadhiifaman,

Kan jedhuun hara Ebla 26 ganama saa 2:00 kaasanii tokkummaadhaan bahanii jiru gabaasa dabalataa waliin walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Qeerroon Yuuniverstiin Amboo Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Kaasan Jabinaan Itti Fufuun Wayyaanee Yaaddoo Keessa Galchan!

Aside

Gaaffiin abbaa Biyyummaa Jabaachuun itti fufe. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo fi Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisan

Aside

Ebla 25,2014 Amboo

DiddaaGaaffiin mirgaa abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Uummata Oromoon eegale jabaachuun itti fufe. Haalli kun jabaachaa kan Dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessattii fi magaala Amboo keessatti Barattootni Yuunivarsiitii Amboo sagalee didda dhageessisuun Hiriira nagaa bahan. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo akka seerri biyyattii eeyyamutti hiriira nagaa gageessuuf wayita gaafatanitti mootummaan wayyaanee waan dideef Gaaffii mirgaa irraa humni nu dhaabuu danda’u hin jiru jechuun gamtaan bahuudhaan dhaadannoo hedduu dhageessisanii jiran. Goototni barattoota Yuunivarsiitii Amboo gamtaan dhaadannoowwan wayita dhageessisan Mootummaan garboomfataa wayyaanee waraana itti bobbaasus osoo duuba hin deebi’iin hiriira nagaa gaggeessanii jiran. Waraanni mootummaa wayyaanee humni addaa magaala Amboo kan seene yoommuu tahu gaaffii abbaa biyyummaa Uummatnii fi barattootni gaafatan duuba deebisuu hin dandeenye. Yuunivarsiitii Amboodhaa fi Uummata Magaala Amboodhaan dhaadannoowwan dhageessifamaa oolan

  1. Oromiyaan biyya Oromooti.
  2. Finfinneen handhuura Oromiyaati
  3. Gaaffiin Mirgaa Uummata Oromoo haa deebi’u
  4. Leellistootni sirna nafxanyaa haa buqqa’an
  5. Siidaan Minilk haa buqqa’u
  6. Ilmaan Oromoo hidhaman haa gadhiifaman
  7. Oromoon tokkuma
  8. Gaaffiin abbaa biyyummaa Shororkeessaa nama hin godhu
  9. Buraayyuu fi Sabbataa Murree hin kenninu
  10. Afaan Oromoon Afaan federaalaa haa tahu
  11. Muktaar Kadir diinota Oromoo dura dhaabbachuu qaba
  12. Qotee bulaaf iyyanna
  13. Keeyyatni 39 hojii irra haa oolu
  14. Wayyaaneen Garboomfataa dha
  15. Gumaa Barattoota keenyaa ni baafannaKanneen jedhanii fi dhaadannoowwan hedduu kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa daran jabaachaa dhufeen muddama guddaa keessa seentee jirti. Qeerroon bakka jiruu harka wal qabatee gaaffii abbaa biyyummaa akka finiinsu addeessee jira.

    Injifannoo Uummata Oromoof!!

    Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

FDG Itti fufe!!!! Gaaffii Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromayaa fi Deebii President  Yuuniverstii Haromaya Irraa Kenname.

Aside

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffiin abbaa biyyummaa Hiriira bal’aan itti fufe. Mootummaan Wayyaanees dhiphina keessa seene

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen
1. Oromiyaan lafa Oromooti.
2. Buraayyuun kan Oromiyaati.
3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati
4. Sabbataan keenya
5. Biyya keenya Murree hin kenninu
6. Galaan Kan Oromiyaati.
7. Finfinneen handuura Oromiyaati.
8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu
9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman
10. Bilisummaa barbaadna
11. Oromia Shall be free
12. Oromo need freedom
13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu
14. Siidaan Minilik haa buqqa’u
15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu
16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata
17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu
18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu
19. Qotee bulaaf iyyina
20. Barataa Oromoof iyyina
21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu
22. Baqattummaan haa dhaabbatu
Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran

Haromayyaa Yuuniversitii Keessatti FDG itti fufe! Barattooti Magaalaa Keessa Deemuun Dhadatnoo Dhageessisan!

Aside

Gaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen 1. Oromiyaan lafa Oromooti. 2. Buraayyuun kan Oromiyaati. 3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati 4. Sabbataan keenya 5. Biyya keenya Murree hin kenninu 6. Galaan Kan Oromiyaati. 7. Finfinneen handuura Oromiyaati. 8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu 9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman 10. Bilisummaa barbaadna 11. Oromia Shall be free 12. Oromo need freedom 13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu 14. Siidaan Minilik haa buqqa’u 15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu 16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata 17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu 18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu 19. Qotee bulaaf iyyina 20. Barataa Oromoof iyyina 21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu 22. Baqattummaan haa dhaabbatu Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran. Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran