Mootummaan Wayyaanee Badii Tokkoon Malee Sabboonaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf Ukkaamsuu Mana Hidhaa Galche

Aside

Mootummaan Wayyaanee aartii fi Artistoota Oromoo nyaachaa alalfachaa kan as geesse Sabboonaa Jaallatamaa wallisaa Oromoo kan tahee fi yeroo ammaa kana keessatti walleewwan haaraa baasuudhaan daran jaallatamaa kan dhufe Wallisaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf mootummaan wayyaanee Ukkaamsuun mana hidhaa keessatti darara irraan gahaa jirti. Mootummaan wayyaanee Wallisaa Jaafar Yusuuf dhimma Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee Finfinneen Keenyuma jedhu wallee baaqqee gadhiisteetta, Ati akeeka mootummaa wayyaanee Uummata kakaasuun fashalsiisuu irratti argamta jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun darara jabaa reebichaa bakka lafeen ilmaan Oromoo hedduun keessatti nyaatame Maaikelaawwii keessatti dararaa jirti.

Sabboonaa Wallisaa Art. Jaafar Yusuuf
Mootummaan Wayyaanee Artistoota Oromoo waan Oromoo fi Oromiyaa sirban kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee fi kanneen biroo hedduu darara jabaa irraan gahuun lubbuu isaanii kan dabarsite yoommuu tahu yeroo ammaa kanas Sabboontota Oromoo Artistoota waan Oromoo sirbuun oromummaa hubachiisan kanneen akka Jaafar Yusuuf mana hidhaa keessatti darara jabaa irraan gahaa jirti. Sabboonaan Artist Jaafar Yusuuf walleewwan hedduu qabu keessaa waan Uummata Oromoo haamilachiisuu fi Gootummaa wallise keessaa..Hafanfartuu Shoolee.. Hara hin galtu Booree, Hayyaa lolaa yaa lola Eeeboo fi torbaan darbe keessa ammo Finfinnee fi naannawaan Finfinnee keenyuma hin kenninu murree kan jedhuu fi kanneen biroo hedduu dha. Mootummaan wayyaanee namoota gama aartiinis tahe gama barnootaan Uummata isaanii hubachiisan hidhuu fi ajjeesuun uummata Oromoo doomsee garboomsuu kan akeekkate baroota bittaa isaa mara waan taheef Uummatni Oromoo bakka jiruu kaee Wallisaa Jaafar Yusuuf mana hidhaadhaa akka gadhiifamu diddaa gama hundaan akka dhageessisuu fi dhuguma lafti Oromiyaa Finfinneen handhuura Oromiyaa taatee naannawa Finfinnees diinaaf kutnee akka hin laanne akka mirkansinu Waamicha Oromummaa dabarsina.

 

**Wallisaan Sabboonaa  Oromoo Jaafar Yesuuf Dhalottan Godinna Qeellam Wallagga anaa Gidaamitti kan dhalate yeroo ta’u. Sababaa Walleeleen isaa mirga uumata Oromoo gaafatuuf jecha Mootummaan Wayyaanee naannoo Magala Borrayyuu lafa Kattaa jedhamutti konkolaataa sadiin marsanii qabanii fuudhanii hama hidhaa Ma’ikelaawwee buusuun beekamee jira.

 

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Xalayaa Iyyatnoo Tamsaasan.

Aside

ERGA CALLISUUN KEENYA NU TOLLEE

HAA FALMANNU NU WALII GALLEE!!

DiddaaJaallannee ,filannee miti!,callisanii buqqee tauu mannaa dubbatanii bubbee tauu wayya jedha Oromoon kaleessaa.Duula waliif waliin kaana jedhamu kan roorroon hiriyaa hin qabne shin mootummaa gabroomfataa habeshaa Oromoo irraatti gochaa ture, haa caaluu immoo yeroo amma kanatti gabrummaa gita hin qabne duula duguuggaa sanyii haalaa fi kallattii hin qabne tae jedhamee itti yaaddamee deemamaa jiru Oromoos taee diinni warreen alagaa karaa karaa isaatiin ifatti beeku.Haa tau malee beekuun Oromoof yeroo ammaa kanatti hiikaa hin qabu.shiraa fi danqaa diinni hirriba lagatee halkanii guyyaatti afarftu kanatti dammaqee humnaan diinaa cabsuu dandau hidhatee of qopheessutu irraa eegama. Kana gochuun Oromoof waan akka mirgatti dhiyaatu miti ,dirqama irratti dirqamni eenyummaa dabalamuu qaba. Tole kaa mee waanuma taii kaleessaa fi hara tae, boruu fi iftaan immoo tauu dandaan akka armaan gadii kanatti wal haa ilaalluu.

Yeroo ammaa kanatti duulli boca qabne ilmaan ilaalcha dulloomaa fi ilmaan abjuun isaanii yoomuu shiraa qofaa kan tae haftee Miniliik fi mana barumsaa ekeraa Miniliik irraa warren eebbifamaniin barreeffamoonni Oromoo akka sabaatti xiqqeessuu fi arrabsoo Oromoo tuqu akkasumas Abbaa biyyummaa Oromoo waakkatu Afaan Amhaaran kan barreeffame mataa dureen isaa INQUU FI QUMNEGER jedhaman isaan hangafaa fi ifatti maqaa balleessii Oromoof mana maxxaansaa dhaabbate tauun bira gahameera.

Guutummaan Iyyatnoo kanaa dubbisuuf:- Qeerroo ASTU.docx

GGO Ebla 15,2014, Qo annoo Qaamolee Haqa a fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa Irra a

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014

Leenjitoota Inistitiyuutii Qoannoo Qaamolee Haqaa fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa,magaalaa Adaamatti Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014 kabajameen dhaamsaa fi ejjennoolee armaa gadiin dhiheessan!

Leenjitotni Qaamolee Haqaa fi Abbaa Seeraa Oromiyaa Magaala Adaama keessa jirruu Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irraa eegallee haala ho’aani fi sirnaan, yaadannoo guyyaa gootota keenyaa kabajnee oollerra.Guyyaan kun guyyaa xurree haqaa ta’uu fi guyyaa tokkummaan saba keenyaa daran akka itti fufuuf, goototni keenyaa wareegama hadhaawaa kaffalan waan ta’eef yoomuu onnee keenyaa keessaa akka hin badnee ta’uu hubannee,guyyaa kana haala addan yaadannee oollerra.Goototni keenyaa kun jiraachuu keenya har’aa,dagaagina biyyaa keenyaa gara fuuldura,tokkummaa saba keenyaaf hundee waanta’aniif,kabajaa fi ulfinni bara baraa isaaniif haa ta’uu jenna.Guyyaa har’aa yeroo gootota keenyaa yaadannoo imaanaa isaan nuf kaa’anii fi kaayyoo isaan manaa ba’anii gammoojjitti hafani fuulduratti deemsisuun dirqama sabummaa keenyaa ta’uu hubanna.waadaa hin hin jijjiramnees ni seenna.
Ittii aansuun haala kabaja keenyaa fi mariiwwaan garaagara guyyaa kana ta’ee akka armaan gadiin sinif dhiyeessa.
Akkuma aadaa keenyaa marii keenyaa eebbaa jaarsa Qeerroon bananne.Ajaandaan marii keenyaa;
1,Tooftaa QBO fi FDG ittiin deemamuu qabu fi dhalataan har’aa jiru ittiin deemamuu qaban,
2. Haala deemsi QBO ittin deemaa jiruu fi sadarkaa(level) diinni ittiin saba keenyaa hacuucaa jiru wal madaala deemaa jiramoo? Diinatu nu caala saffisaan hojjetaa jiramoo nutu caala socho’aa jiraa kan jedhu irratti gamaggama adeemsaa irratti marii dheeraa goonee jirra,
3. Sochii mootummaan biyyaa keenyaa irratti raawata jiruu,haala itti nafxanyaan socho’aa jirtuu fi ilaalcha dargaggoota keessaa jiruu,
4. Furmaata fi haala itti furmaatni sun galma gahu balinan mari’achuun dabarsine,
Rakkoowwaan armaan duraa kana irratti furmaatni fi ejjennoowwan miseensonni keenya fudhatan haala armaangadii ta’aa.
A. Akkaa haal-dureetti qabsoon furmaata rakkoo kana ta’uu hubannee kaayyoo gootota keenya fiixaan ni baafna.
B.Madaalli ykn saffisni diinni ittin deema jiruu fi haala sochiin dargaggota oromoo ittiin deema jirru waan wali hin gitneef sochiin keenyaa dachaadhaan akka itti fufuu qabuf dirqama keenyaa ni baana.
C.Dhaaba furmaata kanaa ta’ee ABO fi WBO keenya dandeettii,humna,beekumsa,dinagdee qabnuun gadi ni utubna.
D.Ummata keenyaaf hubannoo FDG fi kallatti qabsoon keenya ittiin galma ga’uu qabu gorsuu fi kakaasuu hojii keenyaa guddaa ta’uu qaba jenna.
E.FDG yeroo amma magaalota keenyaa tokko tokko fi mooraa barnootaa garaagaraa keessatti ta’aa jiru haalan bira ni dhaabanna ni jajjabessina,waan nurraa eegamus ni baana.
F.Lammiwwaan keenyaa ijaaruun qabsoof of qopheesun furmaata waanta’eef guyyaa kana jalqabnee ummata keenyaa ijaaruutti deemuu akka qabnu fi sochoosuu qabnu jenna.
G.Callisuun,obsa baay’isuun,maaltu na galche jechuun, taa’ani rakkina faarsuun fi quba namatti qabun gowwummaa ta’uu fi bilisummaa namaf fiduu akka hin dandeenye hubannee tokko tokkoon keenyaa waanta nurraa eegamu gochuun dirqama sabummaati jenna.
H.Yeroo ammatti diinni garaagara tooftaa fi daandii jijjiratee hamlee nu dadhabsuu fi tokkummaa keenyaa diiguuf haalan socho’aa jiru hubanne of qopheessuu qabna jenna. kabajni fi ulfinni gootota keenyaaf , akkasuma dhaaba keenya ABOf haa ta’uu jenna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Qoannoo Qaamolee Haqaa fi

Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa !!

GGO Ebla 15,2014

Naannoo Affaar keessaa leenjifamtootni Humna ittisa biyyaa Mechanical Engineering tahan 1700 diddaa kaasuun leenjii addaan kutan

Aside

Ebla 17,2014 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan waraana mootummaa wayyaanee keessatti eegale jabaachuun itti fufee jira. Naannoo Affaar Godina Sadii keessatti humni waraanaa ittisa biyyaa Mechanical Eengineering leenjian 1700 ol tahan fincila kaasuun leenjii addaan kutuun mooraa leenjii gadhiisuun bahan. Lleenjifamtootni humna ittisa biyyaa kunneen bakka leenjiitti wal qixxummaan hin jiru, Lleenjifamtoota dhalootaan Tigiree tahaniif xiyyeeffannoon addaa fi kunuunsi kennama, Nuyi akka lammii lammaffaatti ilaalamuu hin qabnu jechuun gadhiisanii magaala Awaash galanii jiran. Kanneen maallaqa geejibaa harkaa qabanis gara warra isaaniitti deebiuu irratti argamu. Mmootummaan wayyaanees haala kanaan dhiphina guddaa keessa kan seene bakkeewwan garaa garaa irratti sakkattainsa hamaa gaggeessuun isaaniin eessaa dhuftu jechuun hidhuu irratti argamu. Jia sadaasaa darbe keessas leenjifamtootni kunneen 2000 ol tahan diddaa wal fakkaataadhaan gadhiisanii bahuun isaanii ni yaadatama.