Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaafataniif Deebiin Mootummaa EPREF Irraa Kenname Hidhaa fi Reebicha Ta’e.

Aside

Ebla 21,2014 Gabaasa  Qeerroo Jimmaa

BilisummaaGaaffii Mirgaaf Deebii Hidhaa fi Ajjeechaa Keennuun aadaa Mootota Itiyophiyaati
  1.  Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  2. Barataa Moo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa ”           ”
  3. Barataa Leejjisaa Alamayyoo muummee  water and environmental resource engineering waggaa 3ffaa  mooraa Saayinsii fi Technology kittoo irraa
  4. Barataa  keenediin Mummee Civili Engineering waggaa 3ffaa         ”                        ”
  5. Barataa Darragaa Abdiisaa , mummee civil Engineering waggaa 3ffaa    ”’             ”’
  6. Barataa  Dhabasaa Jaatamaa, mummee veterinary medicine waggaa 6ffaa mooraa Agriculture irraa.

Kanneen jedhanii fi barattooti lakkoofsaa 12 ta’an kaan humnaan diqisifamanii qabamuun Wajjiira Poolisii Magaalaa Jimma ganda o5 (Awweetuu Mandaraatti) hidhaman keessatti argamu.

Ebla 19–21/2014tti Waraannii fi Poolisiin Federaalaa Wayyaanees barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan humnaan mooraa yuunibarsiitii Seenuun gooluu fi konkolaataan ukkamsee hidhatti guuruu irratti argama, barattootni heddunis humna kanaan reebamanii akka malee midhamuun hospitalaa galuun gabaafamera, Barattoota hedduu humnaan ukkanfamanii qabamanii hidhaman keessa muraasa maqaan nu qaqqabee jiru:

Goototni Qeerroon dargaggoonni barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaan Gaafataniif Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi humna poolisa Federaalaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan(kolleejjii Saayinsii fi Technology , Kolleejjii Qonnaa, Kolleejjii Economics and Business fi Mooraa main Campass Jimmaa)  galchuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan goolaa jira, Diddaan barattoota Oromoo Yuunibarsiitii  Jimmaa humna Waraanaa fi Poolisoota Federaalaan dhaabbachuu hin dandeenye, guyyaa kaleessaa illee baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Gaaffii keenyaaf deebiin nuf haa kennamu, hidhaa reebichi, barnoota irraa arii’amuun, humna waraanaa fi poolisa federaalaan dararaan nurraa dhaabbachuu qaba akeekni kun gaaffii uummataa dhaabuu hin danda’u jechuun sagalee isanii dhageesisuun itti fufee jira.

Gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, barattootni nagaan seeraan ala qabaman kun hatattamaan hiikamuu qabu jechuun Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa diddaa isaanii itti fufani jiru.

 

Shallamoo Immaanaa itti gaafatamaa humna tikaa Wayyaanee godina Jimmaa Dabalatee Qondaaloti Tikaa 5 Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Ramadaman. Gaaffiin Barattoota Oromoos Itti Fufe

Aside

images.jpg111Ebla 20/2014 Dargaggoonni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafataniif deebiin humna waraanaa fi poolisa federaalaan seeraan ala mooraa Yuuibarsiitii galchuun reebsisuu, humnaan doormii battoota cabsiisiisani galchuun hidhatti guursisuu ta’e.

Gaaffiin Barataa mirgi Uummaanni Oromoo Finfinnee irraa qabnu nuf haa eegamuu, Magaalaawwaan Oromiyaa Finfinnee jala galchuuf adeemsi mootummaan EPRDF gochaa jiru dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan ilmaan habashaa nafxanyaan miniliikiin faarsituu maxxansa hinquu jedhamu irratti Oromummaa keenyaan arrabsamnee, tuffatamnee waan jirruuf seeratti nuf dhiyaachuu qaba, barruu arraaba sanyummaa nafxanyootan guutame kana Yuunibarsiitiin Jimmaa library keessa galchuun yakka 2ffaadha seeraatti nuf dhiyaachuu qaba jechuun Ebla 11/2014 iyyannoo bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti dhiyeeffachuun ni yaadatama. rakinota kanaan walqabatee barattootni Oromoo yoomiyyuu sirna garboomsaaf hin jilbeeffanne FDG egaalan jabeessuun hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti jechuun itti fufan, Ebla 19/2014 FDG haalan jabaataa ta’ee gaaffiiwwaan armaan oliif deebii qubsa argachuuf baratootni Oromoo itti fufun qabsoo seenaa qabeessa, qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaa utuu hin sarbiin sagalee isaanii dhageesisuu jabeessan.

Haaluma kanaan walqabatee Itti gaafataman Humna Tikaa Wayyaanee Godina Jimmaa kan ta’ee fi ajajan poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kan ta’an wal ta’uun humna poolisa Federaalaa fi waraanaa nuf erga barattootni qabeenya barbadeessa jiru jechuun gooftolii isaaniieeyyama gaafachuun humna waraanaa humna olii fi poolisa Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti eeyyama president Yuunibarsitiichaa malee galchuun Baratoota Oromoo reebsisaa, mana hidhaattii guuraa, kaan isin ajjeefna jechuun doorsisa jiru. Mooraan Yuunibasitichaa hundii mooraa waraanaa fakkata. Dabballootni wayyaanee yeroo amma angoo isanitti dhimma bahuu fi ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti gaggeessa jiran:

1. Shallamoo Immaanaa itti gaafatamaa humna tikaa wayyaanee godina Jimmaa.

2.’ Lataa’ nama jedhamu  Itti gaafatamaa OPDO mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa

3. Abdulzemad nama jedhamu komand post naannoo kibbaa,

4. Yibelxaal  Siraaneh basaasa fi dabballee Wayyaanee EPRDF,

5. Kaliid Abba Tamaam itti gaafatamaa Poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa, namni (Poolisiin Kaliid) kun bara darbe 2013 nannoo baatii waxabajjii barataa Faasil Huseen barataa Sayikooloojii waggaa 2ffaa seeratu sii barbaada jechuun biroo isatti galchuun reebee nama ajjeesee fi reeffii barataa kana illee qorannoo malee akka maatii isa qaqqabu nama godhe. Yeroo amman kana illee ani aangoo President Yuunibarsiitii Jimmaa qabduu olitti nama qabu jechuun humnaan barattoota Oromoo karaa nagaa Gaaffii mirga gaafatan waraanaa fi humna poolisaa federaalaa galchuun barattoota goola jira. hidhi dhaloota isaa karaa haadha isaa Yeem fi karaa abbaa isa Oromoo ta’uu himama. keessattuu inni lakkofsa 1ffaa fi 5ffaa hojii diinumma halkanii guyyaa ilmaan Oromoo irratti kanneen dalaguun adda dureedha.

Dararaa fi gochaa diinummaa ilmaan Oromoo irratti rawwachaa kan jiru adda dureen namoota kana waan ta’eef uummaanni Oromoo fi dargaggootni Oromoo namoota kana irra akka of eeggatanii fi gochaa cubbamaa fi seeraan itti nama gaafachiisu har’a ilmaan Oromoo irratti rawwachaa jiraniif seeraatti akka dhiiyataan barattootni Oromoo fi Uummanni gaafachaa jiru.