OMN: Ebla 29 2014 /Oduu Gaaffii Abbaa Biyyummaa (FDG) Barattooti Oromoo Kaasan Qaba.
Aside
Qeerroo Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknolooji Adamaa har’a jechuun Ebla 29/2014 barii irraa Eegalee Diddaa isaa dhoose.
Qeerroon Yuuniversiitii Saayiinsii fi Teeknoloojii Adamaa kumaatamatti lakka’aman Qophii isaa kaleessa kan fixe,har’ammo baratoota naannoo mana kitaaba fi mana nyaatatti harca’uuf yaalaan walitti qabachuun “ka’i bahii mirga abbaa biyyummaa kee falmadhu”jechuudhaan haala moora dallicha humaa ol sodaa keessa galcheen Dhadannoo armaan gadii dhaggeessifachaa jira.
1.Finfinneen,handhuura keenya kan nurraa hin cinne,irraatti duuna hin kenninu kunnee
2.Heerriifiseerri Oromoof hin hojjenne,Oromoorattis hojjechuuhinqabu.
3.Saamichi lafaa fi qabeenya Oromiyaa dhaabbachuu qaba.
4.Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee,Finfinneetti dabaluun heera biyyaatti cabsuudha.
5.Mootummaan feedaraalaa lafa naannolee irratti aangoo homaatu hin qabu
6.Siidaan Miniliik handhuura Oromiyaa finfinneedhaa haa buqqa’u
7.Afaan Oromoo ,Afaan feedaraalaa Biyyoolessaa haa ta’u.
8. Hayyoonni fi Barattootni Oromoo, Oromummaan ya akkamanii mana
hidhaa jiran haa gadhiifaman.
9 .Abbaan biyyummaa Oromoo,Oromiyaan haa mirkanooftu.
10.Mirgi hiree murteeffannaa nuu haa keennamu!
Dhaadhannoo kana mara dhaggeesisaa mooraa hunda edda waliin gahanii booda gara magalatti bahanii dhageessifachuuf turaan iyyuu humni Bittineessa Wayyanee humnaan, karra irratti dhorke Mooratti deebisuun himame.
Kanumatti fufuun Bulchinsi mooraa Yuuniversitichaa Humna Bittinneessa meeshaa guutuun Yuuniversiitichatti Ol naquun hirirri nagaa jajjabeen Yuuniversiitii Saayiinsii fi Teeknoloojii Adamaa gochaa jiraan kana bittineessisisuuf yaalee ture garuu sabbontotni,baratootni Oromoo laphee dhiirummaan fuuldura dhaabbatani mormaa akka jiraan ibsaniiru.
Ijoollonni maqaan isaani armaan gaditii eerraman kunneen akkuma namoota dhuunfaa tokkoo hiriira nagaa dhimma eenyummaa Oromoon yeroo ammaa kanatti bakka maratti gaafachaa jiruuf, akka walii galatti ummanni magaalaa Adaamaa fi barattootni Yuunniveersiitii saayinsii fi Teeknooloojjii Adaamaa bahuuf dhaamsa dabarsaan,Ebla 29/4/2014 sa’aa 1:00 irraa eegala jedhanii beeksisa maxxansan arganii ijoollonni kunnen illeen wamicha eenyummaa Oromummaaf sa’aa jedhameefi bakka jedhameetti argamaniiruu.
Sabboontota ilmaan sabaa eenyummaa isaanii OROMUMMAAF bakka buuten isaani dhabamee keessaa:
1. Eebbisaa Malkaa- Hojetaa fi miseensa Filmii Caayaa Piroodaakshinii magaala Adaamaa.
2.Ayyaantuu Jaalataa- sabboontuu fi Miseensa Caaya Piroodaakshinii M/Adaamaa.
3.Siddisee Jaarraa->> >> >> >> >>
4.Nuhoo Guddataa- hojetaa >> >> >> >> >> >>
5.Bilisummaa Lammii= sabboonaa fi jiraataa M/Adaamaa
6.Ifabaas Boruushee= hojetaa fi jiraataa M/ Adaamaa
7.Tulluu Baabsaa =sabboonaa fi jiraataa gara keellaa M/Adaamaa
8.Iftiyoom Ittaanaa = sabboontuu fi jiraattuu m/Adaamaa
9. Bultum…………….Barataa dha m/Adaamaa
kanneen hidhaman hedduu yemmuu tahan yeroof maqaan arganne kananqofa.akkasumas Yuuniveersittii irraa ijoolleen ukkaamfan hedduu yemmuu tahan yeroof maqaa isaani argachuu hin dandeenye.
HUB.ijoollonni kuni ganama sa’aa 2 fi 3 gidduutti waardiyyoota Wayyaanen daandii yuuniveersitii fuulduratti kan qaban yemmuu tahuu mana hidhaa kamitti akka hidhaman hanga yonaatti beekuu hin dandeenye.
Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
Diddaan Mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi Qophaainaa Aliiboo keessatti finiinee itti fufe. Barattootni sadarkaa lammaffaa, sadarkaa 1ffaa fi Qophaainaa mana Barumsaa Aliiboo keessaa baratan Gaaffiin Uummata Oromoo kan Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa deebiuu qaba, Kan Uummata Oromoo same haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaati, Kanneen hidhaman haa hiikaman jechuudhaan kan itti fufan yoommuu tahu Mootummaan wayyaanee garuu barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan Gaaffiin keessan Gaaffii ABOti jechuun waraanaa fi Poolisa itti bobbaasuun reebicha irraan geessisaa jira. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus gaaffii mirgaa irraa akka hin dhaabbanne kan mirkansan Qeerroon magaala Aliiboo barattootni mana Barumsaa Amuruu, Saqalaa, Haratoo, Shaambuu fi Fincaaaa waamicha Oromummaa keenya akka nuu dhageessan jechuun kan dhaammatan yoo tahu Uummatni Oromoo bakka maraa kaee qabsoo eegalamee fi wareegama kaffalame Bilisummaan akka mirkansu waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.
Fincilli diddaa gabrummaa itti fufuun gootonni Qeerrooo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessa jiraan diddaa jabeessuun har’a sa’aa 6:00 ganama irraa kaasee mana barumsaa Biiftuu irratti kan eegale uumataan wal qabtee diddaan itti fufuu gabaafame. Haala kanaan loltooti Mootummaa Wayyaanee barattoota Oromoo reebuu fi dararuun eenyummaa isaanii xiqqeessuun waan itti fufee jiruuf jecha Oromiyaan biyya abbaa qabu taatee bilisummaa barbaadna jechuun alaabaa Habshaa gubuun diddaa isaanii itti fufan. Haala kanaan loltooti Wayyaanee maqaan Agaazii jedhaman humna guddaan barattoota irratti bobba’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.
Gama biraan diddaan magaalota Gudearii fi Dambi Doolloo keessatti itti fufee jira.Magaalota Shambuu fi kannen hafan keessattis sa’aa kana akka eegalee jiru hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo ibsee jiraachuu dhagahama.
Ebla 29/2014 Goototni Barattootni Oromoo, Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo,fi Barattootni m/b Amboo sadarkaa 2ffaa, Qopha’inaa fi sadarkaa 1ffatiin FDG dhoofamee guutummaatti Uummata Magaalaa Amboo hunda hirmaachisee hiriirrii Guddaan Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jira.
Hiriira kana bittineessuuf Mootummaan abbaa irree waraanaa Agaazii jedhamuu Magaalaa Amboo fi Mooraa manneen barnootaatti gadhiisuun dhukaasaa uummata nagaa karaa nagaa fi Dimookiraasii mirga isaa falmachaa jiru qawweedhaan goolaa jiru.
Hiriirrii guddaan Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiru kun
Manneen Barnootaa sadarkaa 2fffaa, kanneen akka;
1. Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Amboo,
2. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Liiban Maccaa Amboo,
3. Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo naannoo pan Afrikaatti argamu,
4. Mana Barumsaa sadfarkaa 1ffaa Carii Amboo
5. Yuunibarsiitii Amboo Damee Amboo irraa walitti dhufuun Jiraattoota
Guutummaa Uummata Oromoo Magaalaa Amboo dabalatee hiriirrii guddaa
kan namoota 25,000 ol hirmaachisee magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamuun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa qabatee jira.
Mootummaan Abbaa irree fi shororkeessaan Wayyaanee gaafffii uummataa fi dargaggoota barattoota Oromoo bakkaayyuu itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuu fi deebii kennuu dhabee dhiphatee utuu uummaanni nagaadhan mirga isaa qe’ee isaa irratti falmachaa jiruu uummata nagaa irratti waraanaa Agaazii bobbaasuun dhukaasaa gaazii immimmaan ija keessa nama naquu fi rasasaa uummata irraatti dhukaasuun barattoota m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina lama rasaasan rukkuchuun gabaafamera.
Haala kanaan barattoota Oromoo rukutaman keessa kan amma hospitala Amboo galee yaalaamaa jiru:
Barataa Oromoo Abirihaam Suufaa kan jedhamu barattaa Mana Barumsaa Ambootti Barataa kutaa 12ffaafi qopha’inatti barataa Natural science kan baratuadda isaa irra madeeffamuun yeroo amma Hospitaalaa Amboo galee jira.
Barattootni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo hedduun yeroo amman kanatti gaazii nama boosisuu fi sochii nama dhorkuu irratti dhukaasuun konkolaataadhan ukkanfamanii qabamanii mana hidhatti guuramaa jiru.
Haalli kun hamma ammaatti sochii FDG hiriira gaggeeffamaa jiru dhaabuu hin dandeenye hiriirrii fi dhaadannoo mirgii keenyaa kabajamuu qaba, sagaaleen keenya dhaga’amuu qaba, hidhamtootni oromoo hiikamuu qabu, jedhuu fi Mirgii abbaa biyyuummaa Finfinnee irraa qabnu nuuf kabajamuuqaba jedhu ittuma fufee jira gabaasaan kun itti fuufa.
Gabaasii guutuun itti aanee ni qindaawa.
Injifannoon U/Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati1
Ebla 29/2014
Amboo.
” Qawweeen dhiisaatii Xiyyaaranis ta’u yoo nu weeraruu yaaltan duubatti hin deebinu”
“Dhiiga Keenyaan Oromiyaan haa bilisoomtu” jedhu Goototi Barattooti Oromoo Mattuu
Ebla 28/2014 FDG Gaaffiin kabajamuu mirga abbaa biyyuummaa gootota barattoota Oromoo yuunibarsiitii Mattuun guyyaa kaleessa itti fufe, har’a guyyaa 2ffaaf hiriirrii guddaan kun Mooraa Yuunibarsiitii Mattuu irraa eeggaluun goototni barattootni Oromoo yuunibarsiitii mattuu hiriira guddaa magaalaa mattuu keessatti uummata illee dabalachuun yeroo ammaa kanattii dhaadannoo jajjaabaa rakkoo uummata keenyaa hudhee qabee jiru dhageesisaa jiru, humni waraanaa kora bittinneessaa, Agaazii fi Poolisiin Federaalaa garaa magaalaa Mattuu guuramuun uummataa fi dargaggoota gootota barattoota Oromoo dura dhaabbaachuun sochii dhukuu fi hiriira nagaa fi dimookiraatawaa ta’ee kana ugguruuf jiru, guyya har’a dargaggootaa Oromoo magaalaa mattuu fi jiraattoota magaalitti dabalachuun namoonni 9000 olitti tilmaamaman hiriiricha irratti argamuun loltoota wayyaanee kanaan dhaadannoo:
Nu hin daangessinaa jechuun dhaadannoo ajaa’ibsiisa ta’ee dhageesisan.
Injifannoon Ummataa Oromoo hundaaf!
Ebla 29/2014
Mattuu.
Ebla 29/2014 Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina FDG Dhoosuun hiriiraa Mormii guddaa magaalaa Amboo keessatti gaggeessa jiru. Ummaannii Oromoo Amboo akkuma maqaa isaa ilmaan isaa waliin hiruuruun har’a yeroo ammaa kanatti hiriiraa guddaa sagaalee guddattiin magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jira. yeroodhuma kanatti mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa hiriira guddaa namoota kumaatamaan lakka’aman kanatti rifachuun dhukaasaa irratti banee Amboo Uummata Oromoo nagaan mirga isaa falmachuuf gaaffii mirgaa barattootni Oromoo dhiyeessan cina dhaabbachaa jiruu irraatti mootummaan abbaa irree rasasa xaaxessaa jiraachuu odeessii qeerroo amma Amboo irraa gabaasaa jira. Magaalaan Amboo dirree waraanatti jijjiramtee jirti, hiriirrii fi FDG garuu dhaabbachuu hin dabdeenye itti fufee jira. Gabaasaan kun itti fufa.
Kana malees Barattooti Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo fi Qphaa’inaa xalayaa gaaffii mirga saba Oromoo gaafattu bakkoota armaa gadiitti galfatanii jiru.
Iyyannoo Barattoota Oromoo M/B Amboo Sadarkaa 2ffaa fI Qopha’inaa.
1 . Bulchiinsa Mana Barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaatiif,
2. Bulchiinsa Godina Lixa Shawaaf
3. Bulchiinsa Magaalaa Amboof,
4 Komishinii Poolisii Godina Lixa Shawaa Amboof,
Guutummaa xalayaa kanaa dubbisuuf:-IYYAANNOO Barattoota Amboo M (44)
Barattootni sabboontotni Oromoo Yuuniversitii Adaamaa har’a Ebla 29 mormii cunqurusaa mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf tokkummaadhaan uummata magaalaa waliin bahanii jiru. Uummanni magaalaa dursee mooraa yuuniversitii biratti argamuudhaan barattoota kan simatee waliin gaaffii mirgaa dhaadannoo akka kanaa gadiitiin dhageessisuu eegalanii jiru,humni waraana wayyaanee Agaazen jedhamu konkolaataa 5 ol tahuun gara yuuniversitii kanatti ramadamee mooraa seenee jira kun suuraa waliin kan dhiyaatuudha,dhaadannoon barattootaa walii galaan: Oromiyaan Haa bilisoomtu,
Kanneen jedhuun ganama kana irraa eegalanii itti jiru gabaasa guutuu waraabbii waliin itti fufnee ergina.uummanni mooraa alatti eegaa jira barataan kaaffee fi man kitaabaa cufsiisuudhaan hojjetoota waliin bahaa jiru waraabbin guutummaattii ni dhiyaata sagaleewwan kanneen ragaadhaaf kan dhiyaaateedha,itti fufa!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!