Breaking News: Seife Nebelbal interviews Qeerroo on today’s Jimma University attack
Aside
Mootummaan Wayyaanee artistoota Oromoo ajjeesaa fi darara jabaa irraan gahaa kan as gahe Sabboonaa Oromoo Wallisaa Jaafar Yusuuf reebicha jabaa irraan gahuun yeroo ammaa kana Hospitaala ALERT jedhamu keessatti argama. Wallisaa Jaafar Yusuuf Mormii lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee haaraa Finfinneen keenyuma hin kenninu murree jedhuun sababamee kan hidhame yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee reebicha jabaa irraan gahuun du’aa fi jireenya gidduu seenee Hospitaala ALERT keessatti waldhaansa gadi aanaa argachaa kan jiru yoommuu tahu achittis tahu tiknii fi Poolisootni wayyaanee cunqursaa hamaa irraan gahuu irraa hiriyyootnii fi firootni isaa akka hin dubbisne dhorkanii jiran. Mootummaan wayyaanee aartii fi hayyoota Oromoo balleessuuf duuba kan hin deebine yoo tahu yeroo ammaa kana Oromoon bakka jiruu ka’ee gaaffii mirgaa akka finiinsu waamicha Oromummaa dabarsina.
Ebla 19/2014 FDG Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa torbee tokko oliif gaggeessa jiiran daran jabaatee itti fufe.
Warraaqsii Fincila Diddaa Garbummaa (WFDG) guyyaa har’aa haalaan jabatee Mooraawwan Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cumpas, Mooraa Agriculture fi mooraa saayinsii fi teekinooloojii keessaatti fincillii guddaan itti fufee oleera. Sagaleen mormii guddaan dhageesifamera, Waranaa poolisii federaalaa Wayyaanee Waliinis w alitti bu’insii guddaan Uummamee Mooraa Agriculture fi mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa Baratootni hedduun humna Waraanaa mooraa 44 (arba arattanya kifile xoorii) kan dhihaa Oromiyaaf ramadamee ta’uu humnaan Mooraa Yuunibarsiitii cabsanii galuun baratootaa konkolaataan Ukkamsaa jiru. Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Jimmaa dirree Waraanaa fakkaatee jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Ammaan dura gaaffiin barattoota Oromoo Jimmaa bulchinsi Finfinnee mootummaa nannoo Oromiyaa jala galuu qaba, Magaalawaan Oromiyaa naannaawaa Finfinnee , bulchiinsa Finfinnee jala galuu hin qaban, kaayyoo mootummaan Oromiyaa gargar qoodee lafa uummata Oromoo gurguracha jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan manni maxxansaa ‘hinquu’ jedhamu nu arrabsuun maxxansii maqaa balleessii kun seeratti dhiyaachuu qabu, namoonni Oromummaan nu arrabsan seeratti dhiyaachuu qabu jechuun iyyannoo dhiyeeffatan, gaaffii deebii keenyaa hanga nuf hin deebinetti
Ebla 19,2014 Gabaasa Qeerroo
Gabaasa Ebla 15/2014 Guyyaan Gootota Oromoo(GGO) dhihaa Oromiyaa goodinota garaagaraa keessatti haala gammachiisa fi damaqinsaa qabsoof qaban mul’isuun sabboontotni Oromoo Maddheewwaan ABO garaagaraa irraa walitti dhufuun kabajatan. Akkuma Hoogansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala kabaja ayyaanichaa irratti ergaa fi dhaamsa karaa miseensota qeerroo uummataaf dabarsetti uummaanni haala baay’ee ajaa’ibsiisa ta’een guyyaa kana irraa qooda fudhachuun kabajatan. Godinota dhiha Oromiyaa kanneen akka:
Godina Jimmaa: Sabboontootni fi miseensotni Qeerroo dargaggootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma jalbultii Guyyaa gootota Oromoo ebla 11/2014 fi 12/2014 Warraaqsaa FDG gaggeessuun kaayyoo bilisummaa uummata keenyaa goototni ilmaan Oromoo lubbuu isaanii itti wareeguun asiin ga’an itti xummura haa goonu jechuun guyyaa gootota Oromoo kayyoo goototni Oromoo irratti waraeegaman finiinsuun kabajachuu eegalan. Goototni Sabboontotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG eegalan itti fufuun, cinatti Ebla 15/2014 Guyyaa Gootota Oromoo sirna ho’aa ta’een kabajatan, Seenaa Gootota Oromoo ilaalchisuun Guyyaan Gootota Oromoo akkamittini fi eessatti isa jedhuu, eenyufatuu wareegameef, maaliif eenyuuf wareegaman isa jedhuu irratti ibsa gaggabaaba waliif kennuun haala ajaa’ibsiisa ta’een kabajatan. kana malees goototni baratootni Oromoo department garaagaraa irra barachaa jiran walitti dhufuun namotni 100 olitti lakka’aman bakkatokkotti walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi warraaqsaa FDG eegalanii jiran irratti marii bal’a gaggeeffachuun guyyaa seena qabeessa kana haala nama gammachiisuu fi onnachiisuun kabajataniru. Godinichuma keessatti sabboontotni hojjetootni Mootummaa, daldaltootni, dargaggootni, barsiisotni, fi dafqaan bultootni dhalotaan Oromoo ta’an gurmuun walitti dhufuun guyyaa seena qabeessa kana kabajataniru.
Godina Iluu Abbaa Booraa: Goototni Sabboontotni baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu, kolleejjii Barsiisota Mattuu, Jiraattootni Magaalaa Mattuu, fi Sabboontotni Magaalaa Beddelleetti argaman namoota dhunfaa fi gurmuun maadheen ijaaramanii kanneen jiran walitti dhufuun guyyaa Gootota Oromoo haala walfakkaatuu fi akkam miidhagaa ta’en kabajataniru, Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) sababeeffachuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii guddaa gaggeeffachuun, gumaacha qabsoon isaan irra barbaaduu bahuuf waadaa isanii haaromsuun kabajatan.
Godina Lixa Shawaa: Sabboontotni Oromoo Godina Lixa shawaa gurmuu hawaasaa kanneen akka dargaggootaa, baratoota, hojjettootaa, fi bakka bu’oonnii qeerroo dargaggoota Oromoo fi bakka bu’oonnii madhee garagaraa irraa walitti dhufuun Magaalaa Amboo keessatti GGO haala midhagaa fi dadamaqinsaa qabsoo guddaa qabuun kabajataniru, Guyyaa gootota Oromoo kana sababeeffachiinis haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa gaggeeffachuun kabajatan, guyyaadhuma kana bakka bu’onni gurmuulee hawaasaa kunneen ilmaan oromoo lafa rakkinaa fi mana hidhaa wayyaanee garaagaraa keessatti dararamaa jiran ittin jajjabeessuuf kan oolu buusii maallaqaa walitti qabuun qarshii 700 kan walitti buufatan ta’uu bakka bu’onnii qeerroo godina lixa shawaa gabaasaniru,kana malees godinuma Lixa shawaa Aanota garaagaraa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa garaagaraa keessatti GGO haala ho’aa ta’een kabajameera. keessattuu Aanota kanneen akka Midaa Qanyii, Geedoo, Xuqur Incinnii, Iluu Galaan, Baabbicha, Tokkee Kuttaayee, Jalduu, Gudar, Amboo, Giincii, Adaa’aa Bargaa, Gindabarat, fi Meettaa Roobii, kanneen jedhaman keessatti qonnaan bultootaa, Barattoota, Barsiisotaa, fi hojjetootaan akka kabajamaa ture maddeen keenya gabaasaniru.
Godina Kibbaa Lixaa Shawaa: GGO’n bifa adda ta’een sabboontota Oromoo maagaalaa Walisoo,fi Aanota Wancii, fi Sadan Sooddoon kabajamera. Sabboontotni Oromoo haaluma walfakkattuun walitti dhufuun Ebla 15/2014 bifa adda ta’een kabajachuun haala yeroo qabsoon Oromoo irra jiruu fi Oromiyaa irra jirtu irratti marii guddaa gochuun qabsoo bilisummaa Oromoo fulduratti tarkaanfachiisuuf dandeetii keenyaa, beekumsa keenyaa fi waan qabnu hundaan qooda kan irraa fudhannu ta’a jechuun waadaa isaanii haaromsuun guyyaa kana kabajatanii oolaniru.
Walumaagalatti: Sabboontotni Qeerroon Baratootni Oromoo Dhabbilee barnoota Olaanoo fi Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessa jiran GGO haalan kannan kan kabajatan yoota’uu, keessattuu dhabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitota akka Jimmaa, Amboo, Walisoo damee Amboo, Wallagga, Wallagga Damee Gimbii fi Shaambuu, Miizan Teeppii, Walqixxee, Finfinnee fi Kolleejjota Barsiitotaa kanneen akka Jimmaa, Neqemtee,Mattuu fi shaambuu keesatti illee GGO’n ilmaan Oromootiin haala aja’ibsisaa fi jajjabinaa fi dammaqinsa qabsoo argisiisuun haala howaa ta’een kabajachuun gabaasaan bakkota garaagara irra nu qaqqabee jiru ifa godhee jira.
Injifannoon U/Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ebla 17/2014
OMN: Xiyyeeffannaa Tibbanaa Ebla 16, 2014
OMN Shamarree Oromoo Toltuu Tufaa Waliin