Hin Teenyu Maalumatti Teenya Jechuudhaan Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Barattootaa fi Uummata Waliin Itti Fufe, Wallaggaa Yuuniversitii Ebla 26. Fincila diddaa wal irraa hin cinnee Yuuniversitii Jimmaa irratti kan eegale itti fufuudhaan Harommayya,Amboo ammas haaluma hooaadhaan dhaadannowwan armaan gadii qabachuudhaan barattootni oromoo yuuniversitii Wallaggaa mooraadhaa bahuudhaan uummata waliin hiriiranii jiru,poolisoonni wayyaannee gaaffiwwan barattoota kana dura dhaabbachuu yaalaniru,hin dandaamne,dhaadannoo walii gala barattoota yuuniversitii Wallaggaa ganama kana saa 2:00 irraa kaasanii dhageessisaa jiran
– Afaan oromoo afaan federaalaa haatau
– Oromiyaadhaaf ni wareegamna,
– Oromiyaan haa bilisoomtu,
– Lafti oromoo hin gurguramin,
– Naannoon Finfinnee federaala jala hin galin,
– Sabni bicuun nun bitin,
– Habashaan nurraa haa kaatu,
– Wayyaaneef hin jilbeenfannu,
– Hidhamtootni siyaasaa haa gadhiifaman,
Kan jedhuun hara Ebla 26 ganama saa 2:00 kaasanii tokkummaadhaan bahanii jiru gabaasa dabalataa waliin walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!