FDG Yuuniversitii Wallaggaa Daran Jabaachuu Irraan Loltoonni Wayyaanee Dhaabsisuu Hin Daneenye.

wallaggaaEbla 26/2014 Goototni Dargaggootni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa FDG dhoosan. Har’a ganama sa’aa 1:00 irraa eegaluun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa gaaffii mirga hiree murteeffannaa oromoo fi roorroo haala yeroon walqabatee uummata keenya irratti gaggeeffama jiru balaaleffachuun FDG Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irraatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun FDG itti fufan .

Warraaqsi kun uummata Oromoo Magaalaa Naqemtee kan dabalatee yoo ta’uu gaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi gaaffii haala yeroo uummata Oromoo dhimmota magaalaawwaan Oromiyaa fi magaalawwaan nannawaa Finfinnee jiran Mootummaan abbaa irree federaalaa fi Finfinnee jala galchuuf jiru hin fudhannuu, akeekni kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun hiriira nagaa guddaa kan namoota 10,000 ol hirmaachisee Magaalaa Neqemtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gaggeessa jiru.

Gootoni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaggaa Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati gaaffii kabajamuu uummata Oromooti, gaaffii dimookiraasiiti, jechuun sagalee isaanii dhageesisuun, eenyuumma Oromummaa isaanii kabachiifachuuf dhaabbatan.
Dhadannoowwaan: Oromiyaan kan Oromooti, maqaa invetimentiin lafa Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba, Finfinneen kan Oromooti, magaalaawwaan Oromiyaa of jala galchuuf adeemsa abbaa irree ni balaaleffanna, mootummaan garbomsaa kufuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu, barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, doorsisuun, ajjeessuun nurraa dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi kkf dhadannoo ganama kana Gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaan dhageesifama jirudha, Mootummaan abbaa irree humna waraanaa fi poolisa federaalaa humna guddaa bobbaasee sochii FDG kana dura haadhabbatu iyyuu malee dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Naqemtee
Ebla 26/2014 .

4 thoughts on “FDG Yuuniversitii Wallaggaa Daran Jabaachuu Irraan Loltoonni Wayyaanee Dhaabsisuu Hin Daneenye.

  1. Pingback: Ethiopia’s New Master Plan of Ethnic Cleansing against the Oromo in the Name of Development Expansion of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

  2. Yaa Oromo!

    Resisting enemy vs attacking enemy

    Abashooti biyya Oromoo kan qabatan, harkaa fi harma Oromoo cicciraniiti. Kanaafuu, kan Oromoon gochuu qabu,miilla Abashootaa cicciree biyya isheetti deebisuutuudha. Kaneen achi, falli biroon hin jiru.

    Yeroo hundaa, qabsoon oofrraa ittisaa (Resistance), bilisummaatti nu hin ceesisu. Kana booda, qabsoon geggeeffamuu qabu, qabsoo diinna rukutan ta’uu qaba. Diina Abashaa kan jjedhamtu, bakka hundaatti rukutanii baasuu dha.

    Oromiyaan ni bilisoomti

  3. Gochi mootummaan abbaa irree geggessuu kan bifa kamiinuu afoo dhaabbatamuu qabu waan ta’eef ilmaan oromoo bakka jirtan maraa akka itti dammaaqta waa michaa oromummaa isiniif dabarsaa jabaadha bakkaa jirtan maraa woli jabeessaan dhaaama kooti.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s