GALII KEENYA GA’UUF,,WAREEGAMA BAASUUN DIRQAMA !!!

SEENAA Y.G (2005)

Dirqamni bifa hedduu qaba. Wareegamnis akaakuu hedduu qabdi.Qabsoon keenya wareegama qaqqaalii baasaa, sadarkaa amma irra jirru irra ga’ee jira. Injifannoon nuuti argannees waan laayyoo miti. Dirqamni ba’aa jirrus hanga lubbuu ofii kennuutti ol guddateera. Amma bakka jirru kana dhaabbannee waan ilaallachuu qabnuutu dhufaa jira. Wareegamni keenya mootummaa raaseera. Murtiilee kabeebsaas haa ta’uu dharaa akka fudhataniif dirqisiifnee jirra. Adeemsi mootummaa amma itti jiru, of eeggannoo fi  dhaamsa gama hundaa nu akeeka. yoo nuuti karaa galii keenya itti milkoofnuu qofaa ilaallee yoo hin tarkaanfatiin, mootummaan farrooftuun tun, carraa gaarii argachuu dandeessi. Kanaaf wayyaaneen kana booda tarii, Qabsoo Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuurraa adeemsa Dhaabbilee siyaasaa wal dura dhaabuu fayyadamuu dandeessi. Dhabbileen siyaasaa fi Ummati keenya addatti Qeerroon yeroo of eeggannoo haalaan barbaachisaa ta’an raawwachuun dirqama ta’eerra geenyerra.

Rakkooleen nu mudachuu danda’an kun wayyaanee waliin osoo hin taanee, Dhaabbilee siyaasaa Oromoo lakkoofsaan heddummaatanii jiran giddutti , wayyaaneen carraa akkaataa itti of baraaruu argachuu dandeesuutu jira. Wayyaaneen carraa kanatti dhimma hin baatu jechuu yaada warra gawwaati. mee carraalee kana  ilaallee furmaatallee walii haa dhaamnuu..

  1. KAAYYOO WAYYAANEE MAALII ? YKN ADEEMSI WAYYAANEE MAALII ?:- adeemsi wayyaanee amma itti jirtuu waa lama.
  2. Toftaa hin beekamneen Ffilannoo itti aanutti ol aantummaa argachuu
  3. Yoo toftaan yaalan kun milkaa’uu dadhabee, Angoo dhaabbilee biraaf qooduudhaa.

Akka mootummaatti sochiileen taasisaa jiraanii fi OPDOn waan raawwachaa jirtuu, qabxiilee Ol aantummaa siyaasaa fi Filannoo goonfachuuf gaggeeffamaa jiruudhaa. Akka yaada kiyyaatti wayyaaneen sochii kana yoo xiqqaatee waggaa 3-5 itti qophaa’aniiru. Waan har’aa gaggeessaa jiran nuuf haaraadhaa malee isaaniif haaraa miti. Adeemsa qabsoo Oromoo tilmaammatanii waan hojjachaa turaniidha. Fakkeenyaaf yoo ilaallee, TVn Fedaraalaa akka jirutti adeemsa isaa geeddaree sagantaalee haaraan asi ba’ee jira. Warri keessa hojjatanillee hedduun haaraadha. Caaseffama sagantaa fi qophiilee Oromiyaa irraa galagalchanii hojjachaa jiran. OPDOn har’aa waan haasoftuu fi gochaa jirtuu hundumtuu hawaasa dhaabbilee mormitoota irraa galagalfachuuf sochii taasifamuudhaa. Fiigichi itti jiran yoo xiqqaatee dhaabbilee mormitootaa biyya keessaa dursanii sagalee butachuudhaa. Haasaa ABO hanga dubbachuuttii kan ga’aniif, waan yaadan sana milkessuufidhaa.kun ammo hanga dhumaatti itti fufa.

  1. KAAYYOON WAYYAANEE WAAN YAADDEE ITTIIN MIKEEFFACHUUF YAADDUU MAALII ?

Wayyaaneen Dirree siyaasaa nan bal’isa jettee dhaabbilee siyaasaa hundaa waliin mari’annee nagaa buufnaa jechuurra dabartee, qabatamaan mul’isuuf haa adeemtuu malee, dhaabbilee siyaasaa kana wal dura dhaabuuf shira hedduu qopheessitee jirtii. Addatti Oromoof shira kana hin jedhamneetu qophaa’ee jira.Dhaabbileen siyaasaa Oromoo Biyya keessaa 9 oltu jira. Kan Biyya alaas akkasuma. Kanneen keessaa kaayyoo ganamaan ka jiran akkuma jiran, dantaa fi gandummaan ijaaramnii adeemsa habashootaa kanneen tarkaanfachiisan ni jiran. Wayyaaneen kaayyoon ishee inni dhumaa, dhaabbilee siyaasaa Oromoo hundaa ABO dura dhaabuudhaa. Kun kaayyoo isaanii isa jabaadhaa. Kanaaf Ummati Oromoo addatti Qeerroon Oromoo wanni haalaan irratti of eeggachuu qabu kanadha. Dhaabbilee siyaasaa Oromoos carraa kana wayyaaneef hayyamuu hin qaban.

Kana booda dhaabbileen siyaasaa akkuma ADO Biyyatti didichan jiraachuu malu. Dhaabbileen kunniin ofuma kabachiisuuf iyyuu Ulaagaa lafa keewwachuu qabu. Shororkeessummaa fi Komaandi postii Ummata irratti labsamee gara tokkotti osoo hin baasiin , wal ta’iinsaaf fiiguun dogoggora guddaadhaa. Dhaabbileen kun murtee wayyaanee kana callisanii fudhannaan, Qabsoo Oromoo shororkeessummaan irratti murteessuu keessa jiru jechuudhaa. Shirri kun egaa wayyaaneef injifannoo guddaadhaa of eeggadhaa.

  1. MAALTU NURRAA EEGAMA :

Wayyaaneen mummicha ministiraa Oromoo taasiftee nu sossobuu akkuma barbaaddee, ammallee dhaabbilee siyaasaa Oromoo kaayyoo Itoophiyaa jiraachisuu barbaadan qofaa waamtee hamaamoota gochuuf akka jirtuu hubannee, harkatti diduudhaa. Dhaabbileen Oromoo shira wayyaanee kanaaf karaa akka hin laannee dhiibbaa irratti gochuudhaa. ADOn Biyya seeneef adeemsa qabsoo keenyaa lakkifnee gara biraatti deemuun barbaachisaa miti. Carraa argameen sagalee dhawwatanii fi kaayyoo isaanii akka sirreessan taasisuun qajeelchuun ni danda’ama. Gonkumaa walitti bu’iinsaa fi jeequmsatti ce’uun barbaachisaa miti. Kun shira wayyaaneef karaa saaquu danda’aa. Qeerroon Oromoo adeemsa kana tu’achuu fi maal akka barbaadan adda baafachuu fi qajeelchuuf dandeetti itti qaba.simachuu fi dhiisuun sadarkaa irra jirrun wal hin gitu. Kun nuuf hojii ta’uu hin qabu. Waan fedhee haa ta’uu, kana irratti gamtaan Oromoo Biyya keessaa akka hin raafamnee eeggachuu nu barbaachisa.Ummati keenya bifa barbaadeen diina isaa kuffisuu fi fira isaa ol kaasuuf dandeettii dhiigaan mirkaneesse of harkaa qaba. Shira diinaa irraa of eegnee qabsoo keenya sadarkaa irra jirru irratti tikisuu qabnaa. ADOn maal irratti akka walii galee fi dhiisee adda baafachuun barbaachisaadhaa. Ulaagaa lafa keewwatanis adda baafadhaa.isa booda karaa ifaa gaaffii kaasaa. Diinni tokkoffaa keenya wayyaaneedha. Kana gonkumaa hin dagatiinaa. Wayyaaneen dhimma kanatti carraa banachuu barbaaddutu jiraa of eeggadhaa. ABO ka alatti hanbisus galchuus Ummata Oromooti malee, wayyaanee miti. Harka micciirree Dirqisiifnaa. Beekumsaa fi dandeetti isaa itti qabnaa. Kanaaf waan jiru hundaa obsaan keessa dabruun barbaachisaadhaa. Waan diina fayyadu irraa of qusachuun barbaachisaadhaa.

  1. DHAABBILEE SIYAASAA OROMOORRAA KA EEGAMU:-

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo OPDOn ala jiran waa hundaa irratti of eeggachuu qaban. Shira wayyaaneef akka hin saaxilamnee. Wal dura nu dhaabanii akka nutti hin xabannee. Fageessanii yaadanii toftaa yeroo dheeraa fi gabaabaa waliin baafachuun barbaachisaadhaa. Tokko tokkorratti duulchisuuf sagantaa wayyaaneen baafattee akka malee dammaqanii eegatanii waliin socha’uutti amanuudhaa.gonkumaa Oromoo irratti of muuduuf hin yaaliinaa. Isa kaan caaleen argama hin jedhiinaa. Waa hundaa Ummatichaaf dhiisaa. Ofitti amanamummaa qabaadhaa. Kanatu toftaa diinaa cabsaatii. Mana Guddaa Tokko qabnaa. Achi keessatti of ilaallee socha’uun murteessaadhaa.

  1. QEERROO OROMOOF

Abdiin sabaa isinii. Shiroota diinaa caccabsitanii asi geessanii jirtuu. Shirri diinaa tarii isiniin maqaa dhaabbilee siyaasaan adda isin qooduu barbaadee ta’aa. Gonkumaa kana hin hayyamiinaa. Kaayoo ijaaramtaniif ni beektan. Oromoof jirtu. Waan ariitiin hojjatamurraa of eegdanii injifannoo galmesitanii jirtan. Ammas adeemsa kana itti fufaa. Dhaabbilee siyaasaatu fedhii Ummataa guuta malee, Ummati fedhii Dhaabbilee siyaasaa hin guutu. Kanaaf waa hundaa tasgabbiin ilaalaatii injifannoo keessan itti fufaa.INIFANNOON TEENYUMAA. Dhaabbilee siyaasaa Hojiin malee, MAQAAN GONKUMAA HIN MADAALLU. Oromoon fedhee ijaaramee dhufu, fedhii Ummataa dursuun dirqama. Qeerroo Dhaaltuu Qabsoo Qorichii Ummatakee itti fayyiftuu si haarkaa jira jabaadhu.

Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo gidduutti waan jiru hundaaf, QEERROO FI QARREEf wareegamnii baasan gonkumaa ka lubbuu ta’uu hin qabu. Ka OPDO irraa hafe. Kanaaf jabaadhaa. Shirri diinaa ni hongaawaa? ABOn hundee QEERROO FI QARREE ti. Gaaffii Qeerroo guutuun Nageenya diinaafu wabiidhaa !!!!

HORAA BULAA.

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s