ONN: Qeerroo fi Jaarsoliin Biyyaa magaalaa Shaambuu Murtee Dabarfatan. Caamsaa 12, 2018.

Guyyaa harraa jechuun 12/5/2018 GHW magaalaa Shaambuutti sirni gabroomfataa Wayyaaneetiin qeerroo Olii Margaa ajjeefaamuun sirni hawwalchaa rawwatee jiracImage may contain: 1 person, standing, shoes and outdoorhuu martuu quba qaba.

Sirna hawwalchichaatii boodas qImage may contain: 2 people, people smiling, outdooreerroon oromoof jaarsoliin biyyaa marii icciitii godhaniin,

kanaa booda nuti ilmaan oromoo TPLF fi OPDO addaan baafnee kan laallu yoo ta’e, nuti ofgowwoomsuudha jechuudha jechuudhaan dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Itti fufuunis qeerroof uummanni magaalaa Shaambuu kanaa booda sirna kanaaf gara laafinas hin qabnu; hin dhageeffannus jedhaniiru.
Gumaa qeerroo keenyaa baasuufis guyyaa, halkan, haalaafi bakka jirru kamittiyyuu baasuuf qophii ximmurrera jechuun yaada isaanii kan xiiqii ofkeessaa qabu waliif dhaamanii jiru.
Haaluma kanaan qeerroonis akkana jechuun waadaa waliif galeera.

“Nuti qabsaawwaa keenya Olii hawwaallee kan galleef, gallee ciisuuf miti. Qaamni dhiiga keenya dhangalaases ta’e kan dhangalaasise dhiigasaa ni dhangalaafna. OPDOn qaama Oromoo bakka bu’u miti.
Nuti amma ABOn biyya kana keessatti dhaabbatee sabasaaf gumaa baasutti cichoominaan nii qabsoofna.”
Jechuun waan gochuu qaban waliin dubbachuun maree icciitii isaanii xummuraniiru.

ONN: Dargaggoo Olii Margaa Awwaalame. Shaambu Muddama Keessa Jirti. Shaambu, Caamsaa 12, 2018/Developing Story/
==============
Waraanni Wayyaanee ajaja Komaandi Poostiitiin socho’u ummata magaalaa Shaambuu jeequutti jira. Qeerrowwan hedduun badii tokko malee rasaasaa fi ulee dhaan reebamaa jiru. Ijoollee hedduu guyyaa kaleessaa rukkutamanii akka malee madaa’an keessaa dargaggoo Olii Margaa fayyuu dadhabee lubbuunsaa waan dabarteef yeroo gabaasa kana qopheessinutti sirni awwaalcha isaa raawwataa jira. Gootonni qeerroo Shaambuu akkuma suuraarratti argamu sodaa tokko malee Reeffa Olii Margaa Alaabaa Oromootiin faayanii deemaa jiru.
Akka namni bakka sanaa dubbifne himetti humni komaandi poostii kun dargaggoota hiraarsuutti sababni ka’eef, namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne halkan mooraasaaniitti dhagaa waan darbataa bulaniifi jedhanii dubbatu. Tarkaanfiin nammota hin beekamneen fudhatamaa jiru kunis humna maqaa LYM tiin ummatarra taa’u kana akka bineensa waraanameetti aarsee akka namuma ijaan argan reebanii fi halkan guutuu lafa nagaa dhukaasaa bulan taasiseera. Yeroo ammaa ummannis aaree ofirraa falmachuuf akka jedhuufii jarris tarkaanfii suukanneessaa fudhachuuf qophooftee waan jirtuuf magaalittiin muddama keessa akka jirtu barameera.

Image may contain: one or more people, people standing, crowd and outdoor
Image may contain: one or more people, people standing, crowd and outdoor
Image may contain: 1 person, standing, shoes and outdoor
Image may contain: 2 people, people smiling, outdoor

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s