Eebla 15 Duungoo keenya keessaan wareegamtoota keenya agarra!

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aan

Wareegamtoonni keenya aarsaa of baasuu dhiisii aarsaa kaffaluun yeroo ulfaatu keessatti, aarsaa of baasan qabsoon har’a diina huutee qabdee jirtu akka taliiguuf riqa jabaa nuu ta’aniiru. Har’a gaafa lallabnee garbummaa ofirraa fonqolchuuf gita bittoota habashaa dura dhaabbannu riqichi irra dhaabbannee jirru, riqichi kaleessaas, Har’as, boris dhalootni irra socho’uun qabsoo finiinsaa jiran riqicha wareegamtoota keenyaati. Wareegamtoonni Bilisummaa Oromoo waan guddaa nuu gamaachanii ofii addunyaa kanarraa godaananiiru. Gaafa garboonfataan akkasuma galaanni garbummaa nu liqimsuu nutti foolatutti isaantu riqicha nuu ta’eera isaaniin gamaa gamatti, baraa baratti ce’aa jirra.

Continue reading

ለአመታት ታስራ፣ እርቃኗን ምርመራ የተካሄደባትና፣ በቅርቡ ከእስር የተፈታችው ጫልቱ ታከለ ሰሞኑን ኢ-ፍትሃዊ በሆነ መንገድ ከታሰረው የኢትዮትዩብ ባልደረባ በፍቃዱ ሀይሉ ጋር ያደረገችው ልብ የሚነካ ቆይታ።

Aside

#Ethiopia: EthioTube Special – A conversation with Chaltu Takele – March 2018

 

Hidhamuun Ummata Oromoo Itti Fufee Godina Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa Keessaa Namniinni Nagaa 22 ol Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

[SQ, Bitootessa 31,2018] Aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee Qarsaarraa daataa namoota hidhamanii kan ammaatti Qeerroo Bilisummaa Oromoo galmeeffatee jiru.

1. Tasfaayee Dabalee (Bulchaa Magaalaa Ukkee, Raadiyoo Ameerikaaf yaada laatte jedhamuun hidhame)

2. Taakkalee Qallab

3. Addunyaa Raggaasaa

4. Addunyaa Moosisaa

5. Abdii Darajjee

Continue reading

QABSOO FINIINSUUN…WAREEGAMTOOTATTI KABAJAA HORUUDHAA !!!

Aside

Guyyaa Goototaa

SEENAA   Y.G (2005)     kutaa 1ffaa

Imalli Qabsoon Oromoo itti jiru waan Qoosaa miti. Lubbuu lammiilee keenya qaqqaalii itti wareegaa jirra. Kaayyoon nuuti deemnuuf, hegaree Ummata keenyaaf furmaata maayyii mirkaneessuufii. Luubbun Lammiilee keenyaa daldala shukkaaraa ykn Ashaboo miti. Uffata ganama uffatanii galgala baasaniis miti. Haqa Umama keenyaa deeffachuu barbaanna. Kanaaf wareegama lubbuu itti baasaa jirra. wareegama qabeenyaa fi jiruu fi jireenyaa itti gabbaraa jirra. Qabsoon keenya eessa ga’ee  xumura akka godhatu eenyunillee hin gaafannu. Kan Qabsootti cichee qabee jiruu miti, dhalooti har’aayyuu hubatee lubbuu isaa dabarsee kennaa jirra. Qabsoon keenya maal akka fakkaatuu fi maal gochuu akka qabnuu,,warra xiinxala siyaasaa qilleensarraa oofaniin ka qajeeluus miti. Akkatti eegalame qaba. 

Continue reading

Qabsoo fi Qabsaa’ota.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Qabsoon waan ulfaattuu walxaxaa tokko kutanii darbuudha. Adeemsa waan tokko injifachuuf ifaajjii guddaa taasisnu Qabsoo jedhama. Qabsoon wanta addunyaa kanarratti wareegama nama baasisuudha. Addunyaa kanarra jiraachuuf namni kamuu Qabsoo gochuu qaba. Adeemsi nuti guyyaa guyyaan jireenya injifachuuf, rakkina mohachuuf, gadda iira aanuuf, siqiiqii dabarsuuf, garbummaa jalaa bahuuf taasisnu qabsoo jedhama.
Isaan olii keessa waan irratti dubbachuuf hedu qabsoo garboonfataa qarisiisuuf sabni tokko wal ijaaree taasisudha. Garboonfataa konkolaachiftee biyya abbaakee kabachiisuuf qabsoo gaggeessuu si gaafata. Qabsoo gaggeessuun dura guutummaa jireenyakee mara aarsaa gootee sabaaf laachuu si barnaachisa. Gaafa jireenya mataakee gattee uummatakeef dalaguu jalqabderraa kaatee ati qabsaa’aa jedhamta. Jireenya mataakee gattee uummataaf of laachuun qabsoo gaafata.

Continue reading